Pirizidaantiin Ugandaa fi Ijipt geejjiba saffisaa laga Naayeel Ugandaa hanga gaalaana Meditereniyaanii gahuu wajjiin fayyadamuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Walgalteen geejjiba saffisaa laga Naayeel Ugandaadhaa hanga buufata doonii Aleksizandariiyaa gahu kun baasii meeshaalee gara biyyaa alaatti ergamanii fi Alaa galaniif bahu hir’isuuf akka gargaaru himameera.
Biyyoonni Laman walgaltee kana kan mallatteessan Pirizidaantiin Ijipt Abdul Fattaa Al- Siisii tibbaana Ugandaa wayita daawwataniitti ture.
Waliigalteen kun filannoo sarara geejjibbaa biroo laga Naayeel irraatii biyyoonni laman wajjiin itti fayyadaman akka ta’e pirizedaantiin Ugandaa Museviiniin beeksiisaniiru.
Akkaata walgaltee kanaattin saraari geejjiba saffisaa laga Naayeel kun Ugandaadhaa hanga buufata doonii Aleksizandariiyaa kan gahu jedhameera.
Buufannii doonii Aleksizandariiyaa Gaalaana Mediteriniyaanii irratti argamu kun omiishaalee Ijipti gara biyyaa Alaatti ergituu fi Alaa galchituu dhibbeenta 80 akka keessumeessuu himameera.
Geejjibaa bilisaa laga Nayeel gaalaana Medeteriniyaanii wajjiin walqunnamsiisuu kantti fayyadamuun Gamtaa Afriikaa fi Neeppaad wajjiin akka hojjatan Pirizedanti Museviiniin himaniiru.
Pirizedantoonni biyyoota laman waa’ee nageenya sudaan kibbaa fi sudaan irratti akka mari’ataniis Pirizidanti Museveeniin beeksiisaniiru.
Pirizidaantiin Ijipti Abdeel Fattaa Al-Siisii gamasaniitiin, abbootiin qabeenyaa Ijipt gara Ugandaa demaanii damee Invastimantii Foonii, Soolaar Inarjii fi Horsiisa Beelladoota irratti akka bobba’aniif nan jajjabeessa jedhan.
Waliigalteen biyyoota Afriikaa gita bittaa Biiriteen jala turan fi biyyoonni sululaa Naayeel keessatti argaman akka lakkofsa warra faranjoota bara 1929 itti fayyadama laga Nayeel ilaalchisee mallateessan eyyama mootummaa Ijipt malee laga Naayeeliitti akka hin fayyadamne isaan ittisaa.
Yaa ta’u malee, Biyyoonni akka Ugandaa , Ruwandaa, Itoophiyaa fi Burunddiinn waliigaltee moofaa bara gita bittaa Biiriteen mallatteeffamee kana gara maddiitti dhiisuun itti fayyadama lagichaa ilaalchisee waliigaltee haaraa irraa gahaniiru.
Mootummaan Ijipti garuu waliigalteen biyyoota maddaa laga Naayeelii fi lagich qaxxamuree darbuu irra gahan kana mallatteessuu diddee jirti.
Yeroo ammaas Ijaarsa pirojektii hidha haaromsa Itoophiyaan laga Abbaayyaa irratti ijaara jirtu wajjiin walqabatee mootummaa biyyota lamanii murtii tokko irra gahuu hin dandeenye.
Pirizidantiin Ijipt Abdul Fattaa Al-Siisii Pirizidantiin Ugandaa Museveeniin Bara dhufu Ijipt akka daawwataniif afeeraniiru.