Pirizedaantiin Baankii Misooma Itoophiyaa aangoo irraa kaafaman

bank
Waggoota saddeetan darbaniif Pirizedaantii Baankii Misooma Itoophiyaa kan turan Obboo Isayaas Baahiiree sababa hin beekamneen aangoo isaanii irra akka kaafaman beekameera.
Obboo Isayaas hojii pirizedantummaa baankiicha irra ka’uu isaanii xalayaan mirkaneessu hogganaa Ejeensii To’aannoo Faayinansii Ummataa Doktoor Sintaayyoo Waldamika’eel akka mallatteeffamee gaabafameera
Hanga ammaatti namni bakkaa isaanii bu’ee akka hin jire kutaan komunikeshiinii baankichaa beeksiiseera
Baankiin Misoma Itoophiyaa Pirojektoota warshaa sukkaaraa ijaaramuuf karoorfaman 4 wajjiin walqabatee kisaaraan guddaan irra gahee turee. Kana malees, naannoo Gambeellaatti adeemsa lafa qonnaa liiziidhaan abbooti qabeenyaatiif kenname wajjiin walqabatee kisaara guddaan akka irra gahe ni beekama
Baankiin misooma Itoophiyaa hojiilee Invastimantii naannoolee wajjiin walqabatee kisaara irra gaheen lafa qonnaa mootummaa abbooti qabeenyaatiif kennuu dhaabeera.
Kisaaraa birrii bilyoonaatti lakkawamuun baankiicha irra gahee kana qulqulleessuuf koreen itti gaafatamummaan isaa wajjiira ministira muummeetiif ta’e hunda’ee qulqulleessa akka ture kan yaadatamu. yaa ta’uu malee murtii koreen kun irra gahee hanga ammaatti ifaatti ummataaf hin ibsamne.
Obboo Isayaas sababni aangoo irraa kaafamaniif kana wajjiin walqabachuun isaa waan beekamee hin jiru
Obboo Abbaay Tsaayee hogganaa Koroporeshiinii Sukkaara Itoophiyaa wayita turan wal harkaa fudhiinsa pirojektoota fi bittaa meeshaalee wajjiin walqabatee baankichaa irra kisaaraa guddaan akka gahee ESAT gabaasee turee