Pirezidantiin zimbaabuwee Robaart Mugaabeen Raayyaan Ittisa Biyyaan mana jireenya isaanii keessa akka hin baane erga ittisamanii booda yeroo jalqabaaf Ummataatti mul’ataniiru

Waggoota 37f Zimbaabwee Pirezedantummaan kan hogganaan Roobart Mugaabeen gaafa Roobii darbee raayyaa ittisa biyyaasaniin mana jireenyaati akka hin baane dhoorkamaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaatti yakkamtoota bulchiinsa mootummaa Roobarti Mugaabee dayeeffachuun qabeenya biyyaa saamaan adamsee too’annoo jala oolchuuf tarkaniiffii akka fudhate beeksiseera
Raayyaan Ittisaa biyyaa tarkaniiffii jalqaba fudhatee dhaabbata miidiyaa biyyaaleessa ‘ZBC’ too’achuun lammiilee biyyaattiif kaayyoo tarakaniifficha ilaalachisee ibsa kenneera.
Pirezedaant Roobart Mugaabeeniis aangoo pirezedantummaa waggoota 37f shakki tokko malee irra turan tarkaniiffii raayyaa ittisa biyyaa waan dhaban fakkata.
Biyyoonni Misooma diinagdee Afriikaa Kibbaa keessattu Mootummaan Afriikaa Kibbaa fi Hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Zimbaabwee Roobart Mugaabeen aangoo karaa nagaan akka gadhiisaniif marisiisaa jiru
Roobart Mugaabeen ammas pirezedaantii biyyaatti anuma jechun marii yaada aangoo karaa nagaan akka gadhiisaniif dhiyaateef fudhachuu didaniiru
Pireezdaant Roobart Mugaabee Roobii darbee raayyaan ittisa biyyaan mana jireenyaa isaanii keessa akka hin baane erga ittisamanii booda yeroo jalqabaaf gaafa jimaata ganama uummatatti mul’ataniiru.
Pirezedaant Mugaabeen uffata sirna eebbaa dhaabbilee barnoota olaanoo uffachuun sagantaa eebbaa barattootaa Yuunivarsiitii magaalaa Harareetti irratti aregamaniiru
Roobart Mugaabeen miseensoota raayyaa ittisaa biyyaan eegumsi cimaan taasifamaaf sagantaa eebbaa kanaarratti akka argaman himameera.
Sagantaa kanaarratti haati manaa Roobart Mugaabee Girees Mugaabee fi qondaltoonni isaanii baay’een akka hin argamne beekameera
Raayyaan Ittisa biyyaa bakka Roobart Mugaabee itti -aanaa Pirezedaantii duraanii fi aangoorra ari’aman Emersan Mangaagwa bakka buusuuf karoora qaba jedhameera.
Roobart Mugaabee wajjiin marii jalqabame cimee kan itti fufee yoo ta’u, yaada murtii irra gahame ilaalchisee ummata wajjiin akka mar’atamu Raayyaan Ittisa biyyaatti beeksiseera