Pirezidaantiin Paartii Koongirasii Feedaraaliistii Oromoo doktor Maraaraa Guddinaa wayyaaneen qabamanii hidhaman

Guyyaa dheengadaa galgala kan mootummaa wayyaanetin qabamanii hidhamani Doktor Mararaa Guddinaa qabeenyii isaanii umnaa tikaa mootumichaatin akkaa samamee , doktoor mararaadhaaf maatii isaanii irraatis miidhan qama akka gahee beekameera.
Pirezidaantiin Paartii Koongirasii Feedaraaliistii Oromoo doktor Maraaraa Guddinaa afeeraa Parlaamaa Awurrooppaatiin Beeljiyam Biraasalsitti waa’ee haala qabinsa mirgaa namoomaa yeroo ammaa Itoophiyaan keessa jiru ilaalichisuun miseensoota paarlaamaa Auwurrooppaa wajjiin tibbana waan maryataniif mootummaa wayyaanetin yemmuu qaban, mannii jireenya isaanii loltoota mootummaa meeshaa waraanaa hidhatan baay’eedhaan marfamee akka ture namoonni ijaan argan dubbataniiru.
Sababni Doktoor Mararaan hidhamaniif labsii yeroo hatattamaa darbuunii hoggaanaa Arbanyooch Ginboot Sabaat Profesaar Birhaanuu Naggaa wajiin waltajjii tokkoo irratti argaman kan jedhu akka ta’e himameera.
Haala qabinsa mirgaa namooma Itoophiyaa keessa jiruuf ragaa akka bahaaniif Parlaamaan Awuroppaa Doktor Maraaraa Guddinaa, Profesaar Birhaanuu Naggaa fi Atileetii Fayyisaa leelisa Afeeree ture.
Doktor Maraaraan kan Afeeramanii fi waltajjii tokkoo irratti kan argaman afeeraa Parlaamaa Awuroppaatiin ta’ee osoo jiru mootummaa Itoophiyaa maaliif sababa kana dhiyeessee akka isaan hidhe gaaffii guddaa ta’eera.
Doktor Maraaraan yeroo ammaa mana hidhaa maa’ikalaawii jedhamuun beekamu keessatti hidhaman akka jiran gabaafamaa jira.Doktor Maraaraan haala qabinsa mirgaa namooma Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisuun ragaan bahaan mootummaa Itoophiyaa akka hin gammachisne himameera.
Firootan Doktor Maraaraa baay’eenii isaan wajjiin qabamanii akka hidhamaniis gaabafameera.
Miseensii parlaamaa Awurrooppaa Aanaa Mari’a Gomees gama isaaniitiin,oduu hidhamuu Doktoor Maraaraa yoo dhaga’aan baay’ee akka rifatan BBCtti himaniiru.
Gamtaan Awurrooppaa mootummaa Itoophiyaa irratti Tarkaniiffi cimaa akka fudhatuuf akka yaalaan himaniiru
Mootummaan Itoophiyaa Paartiilee siyaasa ummata oromoo bakka bu’aan ummataaf dubbatan diiguuf karoora dheeraaf karoofateen miseensoota Paartii Kongraasii Federaliisiitii Oromoo baay’ee hidheera.
Yeroo amma Pirizidaantii paartichaa Doktor Mararaa fi Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee miseensoonni koree hojii raawwachistuu paartichaa irra caalii manneen hidhaa mootummaa Waayyaanee keessatti dararaamaa jiru.

Doktoor mararaan gara mana hidhaa MA’IKALAWII geesamuudhaan durattii mana isaanii kessaatti sa’atii 6 ol too’annoo umnaa tikaa wayyaane jala olanii qabeenyii isaani sakata’amaa akkaa ture beekameeraa.
Umnii tikaa mootummaa wayyaanee qarshiidhaaf fi qabeenyaa adda addaa mana doktoor Mararatii waan saamaan yemmuu ta’u dargagootaa isaan guddisan lamas hidhuun jaraa barameera.

Namoota doktoor mararati dhiyaatan irraa akka baramettii biyyaa awuroopatii yeemmuu deebi’anu akka hidhamanu beekaa biyyaati galanii.
Yeemmuu doktoor mararan biyyaa awuroopaa turanis miidiyaa mootummaa wayyaanetiin duulii maqa balleessutif yakkuu akkaa isaan irratii geggfamaa ture hin beekama.

Doktoor Mararaa Guddinaa bara mootummaa dargii waggaa torbaa olif mana hidhaa keessaa turuun isaani waan yadatamuudha.