Presedaantiin bootiswaanaa I’aan Kahamaa angoo gadi dhiisan.

Presedaantiin Bootiswaanaa I’aan Kaahamaa Ji’a Muddee darbee irraa jalqabanii godinaalee biyyattii 57 keessa naanna’uun lammiilee biyyaa nageenya itti dhaammachaa turuun angoo isaanii j’oota 18 booda akka xumuratan gabaasonni mul’isaniiru. Haa ta’uu malee, Presedaant I’aan Kaahamaa biyyattii keessa karaa naga’a ta’een angoo waliif dabarsuun barbaachisaadha jechuun osoo yeruun jedhame hin ga’initti fedhinnaan anguu gadi dhiisuun dhagahameera. Hanag bakka isaanii Presedaantiin biro ...

Read More »

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Itoophiyaa walga’ii Wiixata dhufu irratti Ministeera muummee akka muudan barame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Itoophiyaa muudama Ministira Muummicha sanbata jedhee miidiyaa Faanaan gabaasamee ture, gara Wiixataatti dabarsuu Wajjirri mana marichaa ibsaniiru. Wlaga’ii mana marii Wiixata geggeeffamu iratti Dooktor. Abiyyi Ahimad, Obbo Haayilamaariyaam Dassaalany irraa aangoo fuudhuun waadaa ni seenu jedhameera. Dooktor Abiyyi Ahimad erga angoo fuudheen booda ibsa akka kennan eegamaa jira. Manni Maree Bakka Bu’oota ...

Read More »

Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa durii Herman koohin Dooktor Abiyi Ahimad jijjiirama sirnaa akka taasisan gaafatan.

Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa fi gargaaraan dame Afrikaa durii Herman Koohin dhaamsa qunnamtii sabaa-himootaa irratti dhiheessaniin Dooktor Abiyyi Ahimad jijjiirama bu’uraa akka taasisan waamicha dhiheessaniiru. “Dhaamsa Muummee ministeera Itoophiyaa haarawa Abiyyi Ahimadif” jedhu dhiheessuun Muummeen Ministeeraa haarawani Dooktor Abiyyi Ahimad kutannoodhaan jijjiirama dimokraasii fiduu irraa akka off booda hin deebine dhaamaniiru. Gareen Wayyaanee TPLF kanneen qabeenya saamuun siyaasaa waliigala dhunfatanii ...

Read More »

Koree Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee haarawaan ijaaruun barame.

Karoorri Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee kanaan dura mormii ummataan kaafamuun kan yaadatamuudha. Haa ta’uu malee hooggantoonni Wayyaanee kanneen dantaan qabeenyaa nurraa tuqame jechuun murmii ummataan xiiqii seenan addati maastar pilaanii bifa haarawaan labsaniiru. Labsiin Maastar Pilaanii mana mare Finfinnee lakkoofsa 48/2009n akka hujiirra ooluuf raggaasifame, jiraattota mariisisuun ala kan tahe jechuun ummatni mormaniiru. Karoorri Maastar Pilaanii Finfinnee kun jiraattota qe’ee ...

Read More »

1. Jaarmiyaaleen siyaasaa kanneen akka Adda Bilisummaa oromoo, Adda dimokraatawaa oromoo fi Arbanyooch Ginboot 7 filamuu DR. Abiy ilaalchisuun ibsa baasan

Addi bilisummaa oromoo ABO’N obbo Daawud ibsaan hoogganamu ibsa inni baase kessaa uummatni akka kaleessaa jijjiirraa fakkeessaan hin sobaman kan jedhuu dha. Mirga ummattootaa irra ejjatanii mirga ummataa fi murna gabaabaa kabajsiisuuf hammeenyi gama siyaasaa, waraanaa fi hawaasummaan raawwatamus ummattootaan hubatamuu irra hundinuu mirga isaaniif falmachuu malee falli biraa akka hin jirre beekanii qabsoo finiinsuun mooraan diinaa akka raafamu taasisanii ...

Read More »

Hoogganaan kooriyaa kaabaa kim joong ..un gara chaayinaa imaluun daawwannaa irra jiraachuun gabaafame.

Qondaalli Kooriyaa Kaabaa Chaayinaa daawwatu eenyu akka ta’e tilmaammiin eega taassifamaa turee booda, hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un akka ta’e mirkaneeffame. Dawwannaan Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaatiin mirkaneeffame kun, Kiim eega aangoo qabatanii daawwannaan isaanii kun kan jalqabaa ta’uun beekame. Kiim hoogganaa Chaayinaa Shii Jinpiing waliin Bejiing keessatti ”marii milkaawaa” qabaachuuf jiran jechuun, dhabbanni oduu Chaayinaa Shiinhu’aan gabaaseera. Chaayinaan waahila diinaggee ...

Read More »

.Duullii uggura boba’aa kan torbee darbe eegale ammaas cimee itti fufaa jira.

Ajjeechaa gara jabeenyaa loltoota Agaazii woyyaaneetiin Ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru ofirraa ittisuu fi sochii loltoota Agaazii dadhabsiisuuf qeerroon Oromoo tooftaalee fi tarsiimoo gara garaa yeroo irraa gara yeroo itti fayyadamuun qabsoo itti fufaniiru. Haaluma kanaan, Uggurri boba’aa akka torbee darbe gaafa Bitootessa 4 irraa hanga bitootessa 11 bara 2010 guutuu biyyatti keessattu guutuu Oromiyaa tti labsamee ture mikii guddoon ...

Read More »

Bulchinsa naannoo Oromiyaa keesstti tajaajilli Intarneetii addaan cituu TV OBN gabaase.

Odeeffannoolee jiru akka jiraattonni waliif hin dabarsineef jecha intarneetii guutuu Oromiyaatti addaan kuataniiti jiran Tajaajilli Intaneetii bulchinsa naannoo oromiyatti addaan cite kun dhaabbiilee Yunivarsitiilee fii Televiziyoona naannoo irrattis rakkoo guddoo geessee akka jiru ibsameera. Erga labsii yaroo muddamaa labsamee booda humni raayya ittisa biyyaa fii poolisiin federaalaa baayyinaan bulchinsa Oromiyaa keessa sochoohaa odoo jiranii sababaa maalif tajaajila intarneetii akka addaan ...

Read More »

Ajjeechaa gara jabeenyaa yeroo darbe magaalaa Moyyaleetti raawwatame baqatanii Keeniyaa qubatanii kan jiran waan nyaataniifi bakka bultii dhabanii rakkachaa jiraachuun beekame.

Buufata yeroof qophaayeef keessa baqattoonni jiran akka ibsanitti, gargaarsi baqattootaaf dhiyaatee fi baay’nni namootaa waan wal hin gitneef namni hedduun rakkoo keessa jiraachuu himu. Rakkoo hamaa ilmaan oromoo irra ga’e kana keessatti dubartoonni ulfaa, daa’immaniifi dubartoonni baqattummaa kana keessa osoo jiranii dahan addumaan miidhamaa akka jiran maddeen gara garaa gabaasanii jiru. Dubartoota baqatan keessaa 600 dubartoota ulfaa tahuun hanga amaatti ...

Read More »

Aministii Internaashinaal Dhaabbanni Mirga Namoomaaf Falmu Mootummaa Itiyoophiyaa Hubachiisan.

Aministii Internaashinaal dhaabbatni mirga namoomaaf falmu erga labsiin yeroo muddamaa labsamee booda, mirga yaada ofii bilisaan ibsachuuf qabanitti fayyadamuun nammota lama kanneen Mootummaa qeequun humna Koomaand Poostiin hidhaman hatattamaan akka gadi lakkifaman jechuun Mootummaa Itiyoophiyaa irratti ibsa akka baase beekameera. Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu kun, erga labsiin yeroo muddamaa hojiira oolee booda namoonni lama Barsiisaa Yuunversiitii Amboofi xinxalaa siyaasaa kan ...

Read More »