Hogganaan Abbaan-Taayitaa Daandiiwwanii Itoophiyaa duraanii Obbo Zaayid Waldagabri’eel malanmaltummaan shakkamanii too’annoo jala oolfaman

Abbaa-taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa waggoota baay’eef hogganaa kan turan Obbo Zaayid waldagabiri’eel yakka malaammaltummaatti shakkamanii too’annoo jala akka oolfaman miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. Obboo Zaayid Waldagabri’eel hagganaa Abbaa Taayitaa Daandiwwaan Itoophiyaa wayita turan aanaaleen Tigraay hunda Daandii asfalittiin akka walqunnamaniif hojjachaa turun isaanii ni nyaadatama. Haaluma kanan walaghiinsi daandii Asfaaliitii naannoo Tigraay kan naannoolee biyyaatti hunda caalaa akka guddatu taasifameera. Obbo Zaayid ...

Read More »

Godina Hararagee Bahaatti Jirattoonni Aanaa Ciinaaksaan sababa daangaa dangeessu tiin mormaniiru.

Akka maddeen odeeffannoo mul’isaniitti, gandoota Aanaa ciinaaksaanii 6 naannoo Oromiyaa jalatti dangeeffamuf murteeffatan gara naannoo sumaalee jalatti akka dangeessuuf yaalama jira Qondaltooni humna waraanaa Waayyaannee fi naannoo Sumaalee jirattoota gandoota jahan naannoo Oromiyaa irra kutuun naannno sumaaleef kennuuf yaadame kanniin dubbisuu wayita dhaqan Jirattoonni Aanaa Ciinaaksaan gandaa fi baadiyaa walitti bahuun dhadannoo adda addaa dhageechiisuun mormaniiru Jirattoonni Aanaa Ciinaaksaan dhadannoo ...

Read More »

Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa Labsii Yeroo hatattamaa akka Kaafamu murteesse.

Manni Marii Bakka Bu’oota Itoophiyaa walgahii Ariifachiisa taa’een labsii yeroo hatattamaa akka kaafamu murteesseera. Mootummaan Itoophiyaa mormii Ummata Oromoo mirgi abba biyyummaa akka kabajamuuf daangaa hanga daangaatti gocha ture tasgabeessuu waan dadhabeef labsii yeroo hatattamaa labsuun ni yaadatama. Mirmii Ummataa Oromoo waggaa tokkoo ol ture kun gara naannoo Amaaraatti babal’achuun Magaala Gondor , Bahiir-Daar fi Dabramarqoos akkasumas godinaalee naannichaa hunda ...

Read More »

Hanqinni dhiyeessa tajaajila Bishaan qulqulluu fi Ibsaa jirattoota rakkoof akka saaxile himameera.

Itoophiyaatti hanqinni dhiyeessa tajaajila Bishaan dhugaatii qulqulluu fi Humna Ibsaa jirattoota rakkoo guddaf akka saaxile himameera. Hanqinni bishaan dhugaatii qulqulluu fi humna ibsaa yeroo gara yerootti dabalaa akka jiru jirattoonni magaala finfinnee himaniiru. Bishaan Qulqullina hin qabneetti fayyadamuu fi yeroo roobni roobuu bishaan kuufachuun nyaata ittin bilcheefachaa akka jiran jirattoonni dubbataniiru Rakkoon bishaan dhugaatii fi ibsaa jiruu fi jireenya jirattoota ...

Read More »

Kuusaan maallaqa liqii Itoophiyaa yeroo kamuu caalaa dabalaa waan dhufeef Gorsitoota Diinagdee Ministira Muumee yaaddeessaa akka jiru himameera.

Maallaqni liqii baay’inaan maqaa hojiilee misooma gara garaatiin mootummaa chaayinaa irra argame dhala guddaa waan qabuuf dhaloonni biyyaatti kami kaffalee akka xumuru tilmaamuun hin danda’amu jedhame. Itoophiyaan maallaqa dolaarii biiliyoona tokko gurgurtaa boondiin Awurooppaa irraa liqeeffate qofaf dhala dhibbeentaa 6.6 kaffalaa akka jirtu gaazexxaan Forchuun keessa beektoota wabeeffachuun gabaaseera. Maallaqni dolaaraa biiliyoona hedduu Sawuud Arabiyaan dhala malee Itoophiyaaf liqeesite baay’ee ...

Read More »

Naannoo Amaaraatti Tilmaamni Gibira Galii Guyyaa beekameera.

Qondaltoonni naanniichaa tilmaamni Gibira galii guyyaa kana wajjiin walqabatee mormiin ka’uu ni mala jechuun sodaa keessa akka jiran maddeen oduu gabaasaniiru. Qondaltoonni naanniichaa Daldaltoonni tokkummaan komii akka hin dhiyeesineef akkasumas mormii akka hin jalqabne gochuuf tilmaama galii gibira guyyaa addan qooduun akka beeksisaan gabaafameera. Daladaltoonni Magaalaa tokko jiraatan osoo hin hafne tilmaama gibira galii guyyaa addaan qooduun yeroo gara garaa ...

Read More »

Dabaliin gatiii Oomishaalee nyaataa fi kan biroo addaa addaa ji’a ji’aan dabalaa deemuu jiruu fi jireenya lammiilee harka qaleeyyii qoraa akka jiru himameera.

Gatiin midhaan nyaataa kan akka Xaafii Qamadii, Garbuu, Boqqolloo fi kan biroo akkasumas Zayitii fi Shukkarri dabaluu malee hir’ataa waan hin jireef lammiilee biyyaatti yaaddeessa akka jiru himameera. Gatiin Oomishaalee nyaataa irra caalaa jirattoota magaala Finfinnee galii gadii aanaa fi giddugaleessa qaban miidhaa akka jiru himameera. Hojjattoonni Mootummaa fi Jirattoonni magaalaatti kiraa manaa kaffaluu fi Oomishaalee Nyaataa bitachuun akka itti ...

Read More »

Hojiilee bu’uuralee Telekoomii Itoophiyaa babal’isuuratti kan bobba’e Kampaaniin Erikisaan Kisaaraa keessa akka jiru himameera.

Kampaaniin biyyaa Siwiidiin Erikisaan kun akka lakkoofsa warra faranjoota bara 2014 waliigaltee pirojektoota hojii babal’isuu telekoomii afur mootummaa Itoophiyaa wajjiin mallatteesun hojii jalqabeera Erikisaan sadarkaa addunyaatti dorgomaa gahaa ta’uu waan dadhabee fi sababa bu’aa gahaa dhabeen rakkoo guddaa keessa akka jiru himameera Kampaaniichi pirojektoota hojii babal’isuu Netwoorkii magaaloota Arbaamincii, Walayiitaa- Sooddoo fi naannoowa isaanii yeroon xumuruu waan hin dandeenyeef waliigalteen ...

Read More »

Abbaan Alangaa Federaalaa Mirgi Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa akka hin kabajamne morme

Manni Murtii Federaalaa Itti-Aanaa hogganaan Paartii Kongirasii Federalawa Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa yakka idileen akka himataman erga murteesse guyyoota muraasa lakkofsiseera. Yakki Idilee akka ittin himataman jedhame kun mirga wabii kan ittisu waan hin taaneef garaa abukatoonni isaaniin mirgaa wabii obboo Baqqalaa akka kabajamuuf mana murtiichaa gaafataniiru. Abbaan Alangaa Federaalaa gamasatiin,mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa akka hin kabajamneef mormeeera Abbaan ...

Read More »

Qondaltoonni Mootummaa Malanmaltummaan shakkamanii hidhaman mana murtii Federaalaatti dhiyaataniiru.

Qondaltoota mootummaa olaanoo,Daldaltoot fi faddaaltonni malaanmaltummaan shakkaman 34 ol to’aannoo jala oolfaamuu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru Namoonni malanmaltummaan shakkamanii mana murtii Federaalaatti dhiyaatan kunniin sadarkaa hoggansaa gadi aanaa irra kan turanii fi hojjattoota warshaalee shukkaraa akka ta’an mirkana’eera. Qondaltoonni mootummaan malanmaltummaan shakkamanii hidhaman kanniin keessa Ministirri yookan Ministiir Dee’eetaan tokkolee kan jire yoo ta’u, mana murtiitti kan dhiyaatan hunduu sadarkaa ...

Read More »