Keeniyaatti hoggantoonni Bulchiinsa Sambuura Itoophiyaa dawwaachuun isaanii qabeenya Ummataa mancaasudha jechuun Bulchitoonni ol’aannoon mormaniiru.

Jilli Bulchiinsa Sambuura Itoophiyaa guyyoota sadeetiif daawwachuuf bajeeta dolaarii kuma 58 yookan immoo Shilingii Keeniyaa miiliyoona jaha akka ramadan Gaazeexxaan Biyyaatti The Star jedhamu gabaaseera. Miseensoonni jila kana hoggansa adda adda irra kan walitti dhufan yoo ta’u, dawwaannaa isaanii kanan guyyoota lamaaf Mana marii waldalee daladala Itoophiyaatti leenjii ni hordofu jedhameera. Miseensoonni jila kana leenjii guyyoota lama malee Mana marii ...

Read More »

Mootummaan Biiriteen Koonfaransii magaalaa Landanitti nageenya Soomaaliyaa irratti waa’ee Andargaachoo Tsiggee akka mari’atan Dhaabbanni mirga namoomaa Biyyaatti gaafateera.

Koonfaransiin addunyaa magaalaa Landanitti dhimma nageenya Somaaliyaarratti mari’atu kana irratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Obboo Hayilamariyaam Dassaleeny hirmaacha jiru. Obboo Hayilamariyaam koonfiransii kana madiitti Ministirra muummee fi Ministira Dhimma Alaa Biiriteen wajjiin ni mari’atu jedhame eegama. Qondaltoonni Mootummaa Biiriteen kan Itoophiyaa wajjiin haala Andargaachoo Tsiggee mana hidhaa keessa gadi dhiifamuu danda’u irratti akka mari’atan dhaabbanni Mirgaa Namoomaa Biyyaatti waa’ee dhimma Andargaachoo ...

Read More »

Weeraarri Raammoo Geerrii Masii Qnnaan Bltoota irratti miidhaa qaqqabsisaa akka jiru himame.

Weeraarrii raammoo Geerrii ji’a Bitootessaa irra jalqabee Oomisha qonnaa bultoota naannoolee Oromiyaa fi Ummattoota Kibbaa miidhaa akka jiru himameera. Weeraarri kun godinaalee Oromiyaa Afur, kan naannoo Ummattoota Kibbaa 12 fi Godina naannoo Gaambeellaa tokkotti akka mul’ate Ministeera Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa beeksiiseera. Weeraarri raammoo Geerrii jedhamuu kun ji’a Guraandhala keessa Naannoo Sabaa fi Sablammoota Uummattoota Kibbaa Godina Shakkaa Aanaa Yakkii ...

Read More »

Lammileen Itioophiyaa eyyama jireeenyaa malee Saawud Arabiyaa jiraatan keessa kan sanada imalaa fudhatan kuma 23 qofa akka ta’an mootummaan Itoophiyaa beeksiiseera.

Mootummaan Saawud Arabiyaa lammilee biyya alaa eyyama jireenyaa fi hojii hin qabne guyyoota 90 keessatti biyyaatti gadi dhiisaanii akka bahan labsuun kan yaadatamudha. Labsii mootummaan biyyaatti lammiileen biyyoota alaa kamuu eyyama jireenya hin qabne biyyaatti akka bahaniif labse kanan lammiileen Itoophiyaa baay’ee akka miidhu himameera. Lammiileen Itoophiyaa eyyama jireenyaa malee Saawud Arabiyaa keessa jiraatan lakkofsi isaanii kuma 400tti akka tilmaamamu ...

Read More »

Paartiin Kongrasii Federalaawa Oromoo fi Dhaabbanni Dimokirasummaa Ummata Geedi’oo Gabaasa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa akka hin fudhane beeksisaniiru

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gabaasa mana marii bakka bu’oota Ummataaf Bitoteessa 10 bara 2009 dhiyeesse Kongrasiin Federalaawa Oromoo fi Dhaabbanni Dimokirasummaa Ummata Geedi’oo akka hin fudhane beeksiisaniiru. Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa akkuma barame yaada Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa deeggaree raggasuun akka isa gaddisiise Kongrasiin Federalaawa Oromoo ibsa baaseen beeksiiseera. Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa qaama mootummaa waan ta’eef bilisummaa gabaasa ...

Read More »

Abbaan Taayiitaa Immigireeshinii Moozambiik lammiilee Itoophiyaa seeraan alaa gara biyyaatti seenaan 24 gara biyyaatti akka deebise beeksiseera

Lammiileen Itoophoiyaa to’aannoo pooliisii jala turan kunniin magaalaa Finfinneetti wayita ka’an viisaa dogongoora qabatanii akka ture gaazeexxaan Daily Nation qondaltoota nageenya waabeffachuun gabaaseera Bifuma walfakkatuun, ji’a darbee keessa lammiileen Itoophiyaa dogongoraan daangaa biyyaatti qaxxamuraan jedhaman 13 qabamanii gara biyyaatti akka deebifaman ni yaadatama Lakkofsi lammiilee Itoophiyaa yeroo adda addaa gara Afriikaa Kibbaatti baqatan dabalaa akka jiru himameera Lammiilee Itoophiyaa yeroo ...

Read More »

Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti warshaan leemmanii dargaggootaaf carraa hojii uumuuf birrii hedduun bitaman waggoota Afur hojii malee dhaabbatanii akka jiran gabaafameera

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa lixaa Aanaa Dirree Hincinniitti dargaggootaaf carraa hojii uumuuf warshaan leemmanii maallaqa hedduun bitame waggoota afuriif tajaajila malee dhaabbatee akka jiru miidiyaan mootummaa gabaaseera. Ejensii Misooma Intarpiraayizii Maakroo fi Xixiqqaa Federaalaa duraanii amma immoo Ejansii Misooma Industiriiwwan Maanifaakchariingii Maayikroo fi Xixxiqqaa Federaalaa jedhamu dargaggootaaf carraa hojii uumuuf jecha waggoota afuriin dura Warshaa leemmanii kana dhaabun isaa ni ...

Read More »

Itoophiyaa garagarummaan galii lammiileetiin Sadarkaa gadi aanaa irra akka jirtu gaabafameera

Mootummaan Itoophiyaa diinagdeen biyyaatti waggoota kurnan darbaan wagga waggaan harka laman guddachaa akka ture beeksisaa tureera. Yaa ta’u malee, biyyaatti ammaas sadarkaa biyyoota hiyyuummaa hamaa keessa jiraniitti akka ramadamtu Gaazeexxaan World Economics jedhamu gabaaseera. Itoophiyaa keessatti yeroo amma galiin nama tokko dolaarii 590 yoo ta’u, kun immoo biyyoota Afriikaa fi Addunyaa biroo wajjiin yoo walbiraatti ilaallamu baay’ee xiqqaadha jedhameera. Galiin ...

Read More »

Paartileen siyaasaa maqaa Oromootiin of ijaranii biyyaa keessaa jiran Dhaabbata Dimokraatawa Ummata Oromoo(OPDO) wajjiin akka mari’atan miidiyaaleen biyyaa keessa gabaasaniiru.

Paartileen kun, Adda Bilisummaa Oromoo Abboo, Adda Tokkummaa Bilisummaa Oromoo, Kongirasii Biyyaalessaa Oromoo, Paartii Adda Bilisummaa Oromoo, Paartii Dimokraatawa Ummata Oromoo Guutuu fi Paartiin Gaggeessitoota Sirna Gadaa jedhanii warraa of waanan akka ta’an gabaafameera. Marii jedhame kanaratti paartiin Kongrasii Federalistii Oromoo deeggartoota fi miseensoota baay’ee qabu akkasumas hoggantoonni isaa manneen hidhaatti dararamaa jiran akka inhirmaanne hubatameera. Marii jedhame kana irraati, ...

Read More »

Pirizedaantiin Sumaaliiyaa Itoophiyaa daawwachaa jiran ministiira isaanii tokkoo erga ajjeeffamanii booda daawwaannaa isaanii addaan kutaniiru

Daawwaannaa guyyoota sadiif gara Itoophiyaa kan dhufan pirizedaantiin Sumaliiyaa Qondaltoota mootummaa Itoophiyaa fi Gamtaa Afriikaa wajjiin mari’achuuf karoora akka qaban himame ture Turtii Guyyaa jalqabaatiin ministiira muummee Hayilamariyaam Dassaleeny wajjiin kan mari’atan yoo ta’u, qondaltoota mootummaa biroo wajjiin mari’achuuf karoori qaban garu hin milkoofne jedhameera. Minsirtiirri biyyaatti Obal Abdulaahii Sheek Siraaj jedhaman gaafa roobii magaala Moqadiishootti rasaasa dongoraan dhukafameen lubbuu ...

Read More »