Magaala Londaniitti Balaa Ibidaa tibbaana gamoo tokko irratti qaqqabeen lammiileen Itoophiyaa shan hanga amma akka hin argamne himameera.

Dhihaa Magaala Londaniitti balaa Ibidaa gamaa tokko irra gaheen namoonni 17 akka du’aan gabaafameera. Namoonni 18 immoo du’aa fi jireenya gidduu jiru jedhameera Lakkofsi namoota balaa ibidaa gamoo kana irra gaheen lubbu isaanii dhaban dabaluu akka danda’u himama jira. Lammiileen Itoophiyaa miseensoota maatii tokkoo gamoo kana darbrii 28 ffaa irra jiraachaa turan Abbaa fi haadha dabalatee ijoolleen isaanii 3 balaa ...

Read More »

Mooqaadishootti Balaa mana nyaataa tokko irra gaheen namoonni 18 du’an.

Magaala Guddoo Somaaliyaa Mooqaadishootti balaa balleessanii baduu gaafa guyyaa Roobii galgala raawwatameen lubbuun namoota 18 akka galafatame gabaasameera.. Hidhattoonni Konkolaataa boombiin irratti kiyyeeffameen karra hoteela Poosh jedhamu humnaan erga bansiisaanii booda rmana nyaataa piizaa tokkorratti irratti balaa akka raawwatan himameera. Manni Nyaataa Piizaa kun dargaggoota Somaaliyaa biraatti jaalatama guddaa akka qabu himameer. Hidhattoonni balaa kana raawwatan Uffata Pooliisii Soomaaliyaa akka ...

Read More »

Haroon Dambal waan faalameef Namaa, Beellada fi biqiltoota irra miidhaan gahaa akka jiru himameera.

Haroon Dambal jirattoota magaala Baatuuf bareedina adda , bakka bashannaanaa, madda bishaan dhugaatii, Galii fi Qurxummii ta’uun waggoota hedduuf tureera. Amma garuu balfa gogaa fi dhangala’aa warshaalee adda addaa keessaa garaa haroo kanaatti gadi dhifamuun carraan haroo kanaa akkuma haroo Haramayaa waggoota muraasa keessatti gara seenaa ta’uutti jijjiiramu akka malu himameera. Balfa dhangala’aa fi gogaan warshaalee fi qonnaa Abaaboo keessa ...

Read More »

Hordoftoonni Amantii Islaamaa magaala Aduwaa jiraataan Masgiida seenaanii rabbii isaanii akka hin kadhaneef dhiibaan garagaraa irra gahaa akka jiru himame

Naannoo Tigraay Magaalaa Aduwaatti hordoftoonni Amantii Islaamaa gaaffii mirgaa Muslimoota Itoophiyaa deeggaran jechuun miidhaan adda addaa irra gahaa akka jiru himameera. Muslimoonni Magaalaa Aduwaa keessa jiraatan 150 gaaffii mirgaa Muslimoonni Itoophiyaa walabummaan Amantii akka isaaniif kabajamuuf gaafachaa turan deeggartan jedhamanii balaaf akka saaxilaman dubbataniiru Muslimoonni kunniin gaaffii mirgaa Muslimoota Itoophiyaa waan deeggartaniif hanga dhiifama gaafataniitti Masgiida seenuu hin dandeessaan jedhamanii ...

Read More »

Sirnii bittaa Itoophiyaa Arbanyooch Ginboot Sabaat fi Addi Bilisummaa Ogadeen tokkummaa Biyyaattii diiguuf yaalaa jiru jechun Fiilmii dokumantarii maqaa xureessu qopheessaa akka jiru barameera.

Arbanyooch Ginboot Sabaat tokkummaa Itoophiyaa diiguuf Adda Bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen wajjiin hojjachaa jira jechuun Mootummaan Itoophiyaa Fiilmii Dokumanantarii qopheessaa akka jiru himameera Fiilmii kana keessatti miseensoota Arbanyooch Ginboot Sabaat keessa turan fakkeessuun amma immoo gareen kun tokkummaa biyyaa diiguuf kan qabsa’u waan ta’eef dhiisaanii keessa akka bahaan ni dubbatu jedhameera Fiilmiin Dokumantarii Televizhiinii Itoophiyaan akka tamsaasamu eegamu kun gareen Arbanyooch ...

Read More »

Galiin daldala Alaa Itoophiyaa Ji’oota 11n darbaan hanga yaadameen hin milkoofne jedhame.

Mootummaan Itoophiyaan Oomishaalee adda addaa ji’oota 11n darban gara biyyoota alaatti ergamaniirra galii dolaarii Biiliyoona 4.3 argachuuf karoorfate ture. Yaa ta’u malee, galiin argamuu danda’e dolaarii biiliyoona 2.53 qofa akka ta’e Ministeerri Daldalaa beeksiseera. Galiin argame kun karoora keessaa dhibbeentaa 59 akka ta’e himameera. Galiin daldala alaa irra ji’oota 11 darban keessa argame kun kan bara darbee yeroo walfakkata wajjiin ...

Read More »

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Himaannaa Hoggantoota Kongrasii Federalawaa Oromoo irratt murtii kennuuf ammas guyyaa biraatti dabarseera.

Abbaan Alangaa mootummaa Itoophiyaa hoggantoota Kongrasii Federalawaa Oromoo mormii ummata oromoo wajjiin walqabatee hidhaman yakka Shororkeessummaan erga himatee waggaa tokko ol ta’eera. Yaa ta’u malee, abbaan Alangaa ragaa namaa fi sanadaa yeroon qindeessee waan hin dhiyeesneef himaannaan isaanii murtii seeraa argachuu hin dandeenye. Manni Murtii Olaanoo Federaalaa yeroo adda addaa hoggantoota paartiichaa beellamee deddebisaa turuus beellama gaafa wixaata tureen jala ...

Read More »

Lammiilee Itoophiyaa Saawud Arabiyaa irraa gara biyyaatti ni deebi’u jedhaman kuma 700 keessa hanga amma kan deebi’aan kuma 21 hin caalaan jedhame.

Mootummaan Saawud Arabaiyaa lammiileen biyyoota alaa eyyama jireenya hin qabne guyyoota 90 keessatti biyyaatti gadi dhisanii kan hin baane yoo ta’e tarkaniiffii akka fudhatu beeksisuun isaa kan yaadatamudha. Labsii Mootummaa Saawud Arabiyaa labseen lammiileen Itoophiyaa kuma 700 fi kuma 50tti dhiyaatan biyyaatti gadidhisanii akka bahan Dhaabbanni Koolugaltoota Addunyaa beeksiiseera Yaa ta’u malee, lammiileen Itoophiyaa hanga amma gara biyyaa deebi’an kuma ...

Read More »

Itoophiyaatti qaala’iinsi gatii Oomishaalee Nyaataa fi kan biroo yeroo gara yerootti dabala waan dhufeef humna bitachuu lammiilee biyyaatti ol ta’aa akka jiru himameera.

Qaala’iinsi Gatii kun ji’a Caamsaa keessaas akkuma ji’oota darbanii hunda dabaluusaa Ejansiin Istaatiistiiksii Itoophiyaa gabaasa tibbaana baaseen beeksiseera. Akka gabaasa Ejansichaatti daballiin gatii Oomishaalee adda addaa kun kan bara darbe yeroo walfakkaatu wajjiin yoo walbiraatti ilaallamu gargarummaa dhibbeentaa 7.1 qaba Dabaluun gatii kun Ji’oottan 12n keessatti oomishaalee nyaata hin taane irratti dhibbeentaa 7.2 irra akka gahee gabaasa Ejansichaa irra hubatameera. ...

Read More »

Pooliisiin keeniiyaa lammiilee Itoophiyaa 40 seeraan alaa gara biyyaatti seenaan ittin jedhe to’aanno jala akka oolche beeksisuun isaa gabasameera.

Lammiileen Itoophiyaa kunniin magaala xiqqoo Keeniiyaa Qayeelee jedhamtutti eerumsa jirattoonni pooliisiif kennan mana jireenya tokko keessatti akka qabaman Ajajaan Pooliisii Bulchiinsa Niijiiruu Partiik Miwambaa himaniiru. Lammiileen Itoophiyaa karaa seeraan alaa keeniiyaa seenaan jedhamanii hidhaman hundu dhiiraa akka ta’aiif umirii waggaa 10 hanga 25 gidduu jiru jedhameera. Baqattoonni lammiilee Itoophiyaa kunniin gama bakka bu’aa tokkon wixaata Itoophiyaa ka’anii gara Afriikaa Kibbaa ...

Read More »