Jirattoonni naannoo Sumaalee balaa hongeef Saaxilamaan beela, dhibee karaa kaasaa fi haqqeen rakkachaa akka jiran himameera.

Mootummaan Itoophiyaa Guddinni fi misoomni biyyaatti qofa hawaasa addunyaa biraatti beeksisuuf tattaafachuu malee lammiileen balaa hongeen rakkachaa akka jiran akka beekamu hin barbaadu jedhameera. Dhiyeessi gargaarsaa lammiileen balaa hongeef saaxilamaniif dhiyaatu ji’a dhufu gutumaan gutuutti dhumuu akka danda’u dhaabbileen gargaarsa himaa turaniiru. Waggoota darbaan mootummaa fi dhaabbileen gargaarsa balaa hongee damadamachuuf yaalaa akka turaniis himameera. Gargaarsi lammiileef dhiyaata jiru ji’a ...

Read More »

Ijaarsa manneen Jireenya wal wajjiiniif hanqina maallaqaa waan mudateef bajeenni akka hin ramadamne himameera

Ijaarsi manneen Jireenya wal wajjiinii yookan Kondominiyeemii bara 1996 erga jalqabe booda waggoota 13n darbaniif hanga jedhameen ta’uu baatuus itti fufeera. Mootummaan Itoophiyaa waggoota shanan karoora Guddinaa fi Tiraansformeshiinii Marsaa lammaffaa keessa manneen jireenya wal wajjiinii kuma700 fi kuma 50 ijaaruuf karoorfateera. Amma garuu hanqina maallaqaa irra kan ka’e karoorri ijaarsa manneen kun akka harkifate himameera. Mootummaan hanqina maallaqaa waan ...

Read More »

Hojiin galii guyyaa daldaltootaa tilmaamuu jalqabame mormii guddaa fi tasgabbiin akka dhabamu gocha jira jedhame.

Ergamtoonni mootummaa akka tasaa galii guyyaa daldaltoota tilmaamuuf bobbafaman namoota meeshaalee bitaan osoo hin hafne burjajjeessaa akka jiran maddeen oduu ESATitti himaniiru. Ergamtoonni Mootummaa kunniin bakka gurgurtaa daldaltootaatti argamuun meeshaa jiru tilamaamuun kaffaltii ashuura murteessu jedhameera. Namoonni kunniin paartii biyyaatti bulchaa jirutti dhiyeenya kan qabanii fi Saba tokko qofa fayyaduuf kan ergaman akka ta’es maddeen oduu himaniiru. Daldaltoota fayyaduu barbaadan ...

Read More »

Abbaan Alangaa Federaalaa Iyyaannoo Dr Maraaraa Guddinaa irratti mormii dhiheesun isaa beekame.

Abukatoonni Dr Maraaraa Guddinaa himaannaan isaan irratti dhiyaate kan miidiyaalee ESAT fi OMN irraa adda bahee akka ilaallamuuf mana murtii bareeffaman ergaa gaafatanii booda Abbaan Alangaa Federaalaa mormii isaa barreeffamaan Gaafa kibxaata mana murtiif dhiyeesseera. Abbaan Alangaa Federaalaa Himaannaan Dr Maraaraa Guddinaa yakka shororkeessuummaa Miidiyaaleen lamaan ittiin himatamaniirra adda bahee kophaatti ilaallamuu hin qabu jechuun mormeera. Dr Maraaraa Guddinaa dhaabbilee ...

Read More »

Jijjiiramni Qilleensaa Oomisha Bunaa Itoophiyaa irratti miidhaa akka fide himameera

Itoophiyaa madda gosa bunaa Arabikaa jedhamuun kan beekamtu yoo ta’u,balaan jijjiiramni qilleensaa buna irratti qaqqabsiisaa jiru kun miidhaa Oomishaa Wayiinii biyyaa faransaay irra gahe wajjiin akka walfakkatu madii oduu The Guardian gabaaseera Biqiltuu bunaa gara naannoo baddaa qilleensa qorraa qabuutti babal’isuun Oomishitummaa dabaluu fi balaa jijjiiramni qilleensaan irra gahu hambisuuf akka gargaaru qorannoon kun mul’iseera. Addunyaa irratti Oomishni Bunaa fi ...

Read More »

Daqiiqaa tokko keessatti namoonni 20 akka baqataa ta’an Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii Beeksise.

Waggoota 20n darbaan keessa lakkofsi namoota biyyaaf jireenya isaanii irraa buqqa’aani dachaan akka dabale Dhaabbanni Koolu Galtoota Addunyaa beeksiseera. Lakkofsi namoota humnaan buqqa’an akka lakkofsa warra faranjootaa bara 1997 miiliyoona 33.9 ture bara 2016tti gara miiliyoona 65,6 tti akka ol guddate dhaabbatichi himeera. Waggoota kudhaniin duraa namoota 160 keessa namni tokko humnaan kan buqqa’u yoo ta’u, amma garuu namoota 113 ...

Read More »

Abbaan Alangaa Federaalaa namoota 35 balaa Shororkeessummaa qaqqabsiisuuf yaalaan ittiin jedhe himateera.

Abbaan Alangaa Mootummaa Itoophiyaa namoota 35 Godinaalee Kaabaa fi Kibba Gondaritti meeshaa waaraanaa hidhachuun balaa shororkeessummaa qaqqabsiisuuf yaalaniiru ittiin jedhe akka himate miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. Akka himaannaa abbaa Alangaa mul’isuutti, namoonni 35n kunniin miseensoota Arbanyooch Ginboot Sabaat turan Himatamtoonni kunniin xumura bara 2008 hanga jalqaba 2009tti meeshaa waaraanaa hidhachuun hoggantoota gariichaa Ameerikaa, Jarmanii, Siwiidinii fi Eertiraa jiraatan irrraa Birrii kuma ...

Read More »

Ilbiibsni Geerrii naannoolee jahaa keessatti Oomisha Boqqolloo lafa heektaara kuma 100 0l miidhaa akka jiru himameera.

Giddu-galeessa Amerikaatti akka ka’e kan himamu Ilbiisni kun, bara 2016 yeroo jalqabaatiif ergaa Ardii Afriikaatti keessati mul’ate biqiltoota gosa adda adda kan miidhee yoo ta’u, irra caalaan Oomisha Boqqolloo akka miidhaa jiruu ragaaleen ni mul’isu. Ilbiisni Geerrii midhaan hanga ijaatti nyaachuun badii guddaa qaqqabsiisuu kun Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif ji’oota sadii dura Naannoo Ummattoota Kibbaatti akka mul’ate himameera. Ilbiisni kun naannoo ...

Read More »

Liibiiyaatti Lammiileen Itoophiyaa fi Somaaliyaa 260tti dhiyaatan garee namoota seeraan ala naanneessan qabamanii jiran akka isa yaadese Dhaabbanni Koolugaltoota Addunyaa beeksiseera.

Lammiilee Itoophiyaa fi Somaaliyaa Liibiiyaatti garee namoota karaa seeraan alaan naanneessaaniin ugguraman keessa daa’immaan baay’een akka jiran dhaabbatichi himeera. Dhaabbanni Koolugaltoota Addunyaa Viidiyoo tibbaana marsaalee hawaasummaa irratti mul’atu waabeeffachuun haala lammiilee kanniin keessa jiran gaarii akka hin taane beeksiseera. Lammiileen Itoophiyaa fi Somaaliyaa dabalatee lammiileen biyyoota biroos keessa akka jiran himameera. Lammiileen Itoophiyaa fi Somaaliyaa Viidiyoo kana irratti mul’atan darara ...

Read More »

Haalli O’iinsa qilleensa Itoophiyaa dabaluun tamsa’ina dhibee busaaf gumaachaa akka jiru ibsameera.

Bookeen dhukubaa busaa daddabarsuun beekamtu naannoo gammoojjiitti wal horaa turte amma garuu sababa jijjiirama qillensaatiin naannoo namoonni baay’een jiraataniitti babal’achaa akka jiru qorannoon tokko mul’iseera. Qorannoo Yuunvarsitii Meeyiin fi Kolombiiyaa Institiyuutii Qorannoo Hawaasummaa Haala Qilleensaa wajjiin qoratan akka mul’isutti lammiileen Itoophiyaa baay’een naannoo baddaa jiraatu. Haali qilleensa qorraan naannoo kana jiru bookeen busaa akka wal-hortuuf mijaata waan hin taaneef carraan ...

Read More »