Tilmaamni Galii Gibira Guyyaa Daldaltoota Saba Tokkoo Qofa Kan Fayyadu Akka Ta’e Daldaltoonni Himaniiru

Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruukii Itoophiyaa tilmaama galii gibira guyyaa jechuun daldaltoota biyyaatti unkuraa akka jiru himameera. Tilamaamni galii gibira guyyaa Ebla 17 hanga Caamsaa 30,2009tti tilmaammaa ture kun olantummaa diinagdee daldaltoota saba tokkoo mirkaneessuuf kan yaadame jedhameera Ogeessoonni galii gibira guyyaa tilmaaman daldaltoota saba tokkoo meeshaalee isaanii akka dhoksaniif duraasnii odeeffannoo itti himuun gargaara turan jedhame. Ogeessonni kunniin paartii ...

Read More »

Pooliisiin biyya Ingilaand Doktoor Taaddasaa Birruu himaateera

Dr Taaddasaa Birruu ji’a Amajjii darbee Eritiraadha gara Inglaand wayita deebi’aan buufata xiyyaarratti erga qabamanii booda, Pooliisoonni biyya ingiland yemmuu sakkata’aan bareeffamoota adda adda toora Interneetii irra waliitti qaban Kompitaara isaanii irratti akka argan himameera. Pooliisoonni Inglaand bareeffamoota kanniin waan shakkaniif Dr Taaddasaa Mana Murtiitti akka himatan gabaafameera. Dr Taaddasaa akka lakkofsa warra faranjoota bara 2009 gara Inglaandiitti erga baqatanii ...

Read More »

Sirna bittaa Itoophiyaa amma jiru kanatti kaaffaltiin maallaqaa alaa birrii Biiliyoona 500 fi biiliyoona 75 ol akka gahe himame

Kaffaltiin dhala maallaqa alaa Itoophiyaan bara 2009 kaffaluu qabdu birrii biiliyoona 3 irra gara birrii biiliyoona 10 ti akka ol guddateef, kaffaltiin waggaat kaffaluu qabdu birrii biiliyoona 14 irra gara birrii biiliyoona 25ti ol guddachuun himameera. Mootummaan walakaa Kaffaltii maallaqa alaa kana sharafa daladala alaa irra argamuun akka kaffaluu hima yoo tures. Sharafin daladala alaa irra argamu xiqqachaa waan dhufeef ...

Read More »

Hoggantoota fi Miseensoonni Koree dhimmoota Musiliimaa Itoophiyaa 12 Saawud Arabiyaa Jiddaatti hidhamusaanii himame.

Hoggantoota fi Miseensoota koree dhimmoota Musiliimaa Itoophoyaa Saawudiitti hidhaman Usitaaz Abubakaar Ahimaad, Usitaaz Yasiin Nuuruu , Usitaaz Badiruu Huseen fi Usitaaz Kamaal Shamsuu fa’a akka ta’an himameera. Musilimoonni Itoophiyaa 12n sababa maaliif akka hidhaman kan hin beekamne ta’uus, Pooliisoonni fi qamooleen nageenya Saawud Arabiyaa qindominaan qabanii akka hidhan himameera. Musliimoonni Itoophiyaa kunniin kan hidhaman sirna Amantii Umiraa irratti hirmachuuf gara ...

Read More »

Koorporeeshiniin Sibiilaa fi Injinariingii Jeneraloota Adda Bilisa Baasaa Tigraayiin hogganamu gabaasni irratti dhiyaatu hundi soba jedheera.

Koorporeeshiniin Sibiilaa fi Injinariingii hojiilee hin hojjane akka waan hojjate fakkeessuun gabaasa raawwii hojii akka dhiyeessu Miseensoonni Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa dubbataniiru. Hojiilee hin hojjane waan hojjataman fakkeessanii dhiyeessun akka odeeffannoo dogongooratti ilaallamu qaba jechuun Miseensoonni Koree Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Mana Mariichaa himaniiru Koorporeeshiniin Sibiilaa fi Injinariingii humna isaatii ol pirojektoota gurguddoo fudhachuun waggoota hedduuf lafarra harkisuu fi haala ...

Read More »

Wixineen labsii faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa argattu murteessu akka bahe miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru

Heera mootummaa Itoophiyaa keeyyata 49 keeyyata xiqqaa 5 irratti naannoon Oromiyaa faayidaa addaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa argattu seeran akka murta’uu kaa’ee ture. Waggoota 26 darbaan faayedaan addaa naannoo Oromiyaa irra argattu kun seeraan osoo adda hin bahiin tureera. Mormii ummata oromoo cimaan booda faayedaan addaa kun akka adda bahee seeraan tumamu qondaltoonni biyyaatti hima turan . Haaluma kanan paartiin ...

Read More »

Reeffi Pirofessaar Asraat Waldayaas bataskaana Katederaalii Sillaaseetti awalameera

Pirofessaat Asraat Waldayaas waggoota 18 dura mana hidhaa mootummaan Itoophoiyaa keessatti dhukkubsaachaa erga turanii booda yaalaaf gara Amerikaa erga dhufanii booda du’aaniiru. Sirni Awalchaa isaaniis magaalaa Finfinnee bataskaana Balawaldiitti raawwatamuun ni yaadatama. Yaa ta’u malee, amma sababa hin beekamneen reeffi isaanii bakka dura itti awalamee akka ka’u murteeffameera. Haaluma kanan Reeffi Pirofessaar Asraat Waldayaas bakka firoonni, diinqisfatoonni fi bakka bu’oonni ...

Read More »

Guyyoonni Mootummaan Saawud Arabiyaa lammiileen Biyyoota Alaa eyyama jireenya hin qabne akka bahaniif kaa’e xummuramuus lammiileen Itoophiyaa baay’een gara biyyaatti akka hin deebine mootummaan beeksiseera.

Mootummaan Saawud Arabiyaa lammiileen biyyoota alaa eyyama jireenya hin qabne guyyoota 90 keessatti biyyaatti gadi dhiisanii akka bahaan labsuun kan yaadatamudha. Guyyoonni mootummaan biyyaatti labse kun waxabajjii 17 bara 2009 kan xumurame ta’uus, lakkofsi lammiileen Itoophiyaa gara biyyaatti deebi’aanii baay’ee xiqqaa akka ta’e ministirri dhimmoota Kominikeshiinii mootummaa Dr Nagarii Leencoo himaniiru Hanga torbee darbeetti Lammiileen Itoophiyaa gara biyyaatti deebi’uuf sanada ...

Read More »

Naannoo Somaalee Godina Doolootti ji’a Waxabajjii qofatti daa’immaan 67 hanqina nyaataan akka du’aan himameera

Naannoo Somaalee Godina Doolootti hanqinni midhaan nyaataa sadarkaa olaanaa irra akka jiru dhaabbanni Mit- Mootummaa Meedisiin Saniis Fironteers (MSF) beeksiseera. Dhaabbanni MSF naanniichaatti hojiilee misooma hawaasummaa adda addaa waggoota kurnaan darbaniif hojjachaa tureera. Waggoota kurnaan darbaan keessatti hanqinni midhaan nyaataa daa’immaan mudate yeroo jalqabatiif sadarkaa olaanaa irra akka gahee gorsituun nyaataa MSF Saskia van der Kam himaniiru. Dhaabbatichi Ministeera Eggumsa ...

Read More »

Paartiin Itoophiyaa bitaa jiruu Heera Mootummaa fi Dhimma Hidhamtoota Siyaasa irratti marii gochuu akka hinbarbaanne Ibseera.

Biyyaatti rakkoo Siyaasa mudate keessaa baasuuf ADWUI paartiilee mormitoota wajjiin dhimmoota adda addaa irratti akka mari’atu beeksisuun isaa ni yaadatama. Ajandaa marii qopheessuuf partiileen siyaasa marsaalee gara garaan mari’achaa kan turan yoo ta’u, paartiileen mormitoota tokko tokkoo immoo marii marsalee muraasa irratti erga hirmatanii booda keessaa bahaniiru Partiileen moritoota miseensoota fi deeggartoota baay’ee qaban kan akka Madraak ADWUI haalduree isaan ...

Read More »