Walitti Bu’iinsa Daangaa Naannoo Amaaraa fi Affaar irratti uumammeen lubbuu namoota baay’ee akka darbe gabaafemeera.

Walitti bu’iinsa aanaalee naannoo Amaaraa fi Affaar waldangeessan irratti tibbaana mudatee lubbuu namoota akka gaalafatame Gaazexxaan Addiis Admaas gabaaseera. Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa Aanaa Habiru fi naannoo Affaar Aanaa Cifiraattii walitti bu’iinsa meeshaalee waaraanaatiin deeggaramuun guyyoota Afuriif itti fufeen lubbuu namoota 14 gaalafatameera. Hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunkeshinii Mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Xilahuun Nigusuu gamasantiin, waxabajjii 28 bara 2009 walitti ...

Read More »

Oditii Wajjiiraalee Naannoo Oromiyaatti bara 2009 taasifameen hanqinni birri biiliyoona lama fi miiliyoonaa dhibba torba akka argame Oditarri Muummee naanniichaa beeksiseera

Wajjiirri Oditii Muummee Oromiyaa gabaasa raawwii oditii bara bajeeta 2009 fi hojii bara 2010 hojjachuuf karoorfate tibbaana miseensoota Caffeef dhiyeeseera Oditii bara 2009 wajjiiraalee Mootummaa naanniichaa 320 irratti taasiseen hanqinna birrii Biiliyoona lama fi miiliyoonaa 700 akka argame Oditari Muummee naannichaa gabaasa dhiyeesseen beeksisera. Bara 2009 waajjiraalee Mootummaa 600 irratti oditii gochuuf karoorfame keessa kan 428 oditii akka taasifamee Oditari ...

Read More »

Mootummaan Ijipti. Itoophiyaan hidha laga abbayyaa bishaan itti guutuuf qopha’aa jiraachuun akka isa yaadese gabaafameera

Itoophiyaa ji’a Adoleessati jalqabdee hidha haroomsa bishaan itti guutuu wayita jalqabdu qabiyyeen bishaan laga Naayeel hir’achuu akka danda’u miidiyaaleen Ijipt ogeessoota bishaanii waabeffachuun gabaasa jiru Gaazexxaan Ijipt biroo Al-Sharukis jedhamu mootummaan Itoophiyaa kampanoon Firaans laman dhiibaa pirojektiin hidha haaromsaa fiduu danda’u qoratan bu’aa qorannoo isaanii osoo hin xumure hidhicha bishaan itti guutuu waan jalqabeef bishaan laga Naayeel hiri’ataa jira jechuun ...

Read More »

Sudaan Kibbaa labsii yeroo Hatattamaa labsite

Pirezedaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir rakkoon nageenyaa mudate furuuf ji’oota sadeen dhufaniif labsii yeroo hatattamaa labsuu isaanii beeksisaniiru. Biyyaatiitti walitti bu’iinsa Naannoo Bahaar El Gahaaziilitti mudateen namoonni baay’een lubbuu isaanii dhabaniiru. Sudaan Kibbaa qabsoo waggaa baay’een booda Sudaan irraa bilisa baatee akka biyyaati erga hundoofte waggaata laman booda akka lakkofsa warra faranjootaa bara 2013 lola walwajjiniin unkuramu jalqabde. Lola Walwajjiin ...

Read More »

Manni Murtii Itoophiyaa Hoggantoota Olaanoo Kongiraas Federalaawa Oromoo Yakka ittiin himataman akka ofirra ittisaan Murteesse.

Manni Murtiichaa dhimma hidhamtoota Siyaasa Oromoo ilaala erga ture booda dhadacha gaafa kamisaa ta’een Itti-Aanaa Hogganaa Paartiichaa Obboo Baqqalaa Garbaa himaannaa yakka Idileen akka himataman erga mirkaneessee booda, Hoggantoonni Paartiichaa biroo obboo Gurmeessaa Ayyaanoo , obboo Dajanee Xaafaa fi Obboo Addisuu Bullaallaa dabalatee hidhamtoonni siyaasa 16 himaannaa farra Shororkeessummaa itti himataman akka ofirra ittisaan manni murtichaa murteesseera. Hoggantoonni olaanoon Paartiichaa ...

Read More »

Ijaarsi Hospitaala Riifaraalii Walisoo dhibeenta 26 irra erga gahee booda ijaarsi addan cituusa himame

Godina Shawaa Kibbaa Lixaa Magaala Walisootti hospitaalli qabeenya mootummaa hin taane tokko tajaajila fayyaa kennaa jira. Hospitaalli Qiduus Luqaas waggoota hedduuf jirattoota godinichaaf tajaajila kenna ture baay’ina tajaajilamtoota irraa kan ka’ee fedhii jiraattota guutuu akka hin dandeenye himameera Rakkoo tajaajila fayyaa kana furuuf Ijaarsi Hospitaala Riifaraalii Walisoo bara 2007 jalqabameera. Hospitaalichiis waggoota lama keessatti xumuramee jirattoota magaalatti fi godinchaaf tajaajila ...

Read More »

Sirnii bittaa Itoophiyaa Adda Bilisa Baasaa Tigraayiin hogganamu labsii yeroo hatattamaa labse yoo kaasee mormiin Ummataa irra deebiin jalqabuu ni mala jechun sodaa keessa akka jiru himameera

Mootummaan Itoophiyaa gaaffii mirgaa ummanni biyyaatti yeroo adda addaa karaa nagaan gaafataniif deebii kennu irra tarkaniiffii humnaan ukkamsuu fudhachuu itti fufeera. Mootummaan Waayyaannee sagalee Ummataa humna Agaaziin ukkamsaa ture irra caalaa cimsuuf labsii yeroo hatattamaa akka labse ni beekama. Akka qondaltoonni mootummaa jedhan Labsiin yeroo hatattamaa kun nagaa akka hin fidne ragaaleen mul’isaniiru. Labsiin yeroo hatattamaa diinagdee biyyaatti akka malee ...

Read More »

Abbootiin Qabeenyaa Tigiraay Sababa Hojii Invastimantii Qonnaa Naannoo Gambeellaa Wajjiin walqabaten dhorkamanii turan gara Hojii isaaniitti akka deebi’an taasifamaniiru

Abbootiin qabeenya 269 Invastimantii qonnaa irratti bobba’an lafa fudhatan qaama sadaffaatti dabarsanii gurguru, Maallaqaa baankii liqeeffatan hojii biraaf oolchuu, gara hojii seenuu dhabuu fi hojimaataa Invastimantii waan hin hordofneef waliigalteen Invastimantii isaanii akka addan citu taasifamee ture. Murtii Koree rakkoo Invastimantii qonnaa naannoo Gambeellaa mudate akka qoratuuf wajjiira ministiira muummeen hundeeffameen waliigalteen Invastaroota qonnaa addan citee ture dhibbentaan 98 gara ...

Read More »

Bulchiinsi Magaala Finfinnee bara bajeeta 2008 birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 53 ol qajeelfamaan ala akka kaffale himameera.

Bulchiinsa Magaala Finfinneetti bara bajeeta 2008tti birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 53 ol hojimaatan ala durgoo fi mindaaf akka kaffale Oditarri Olaanaa magaalattii beeksise. Labsii fi Qajeelfama bittaa hojimaata mootummaa osoo hin hordofne birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 54 bittaan adda addaa akka raawwatame Odiitara Olaantuu Aadde Tsigeewayin Kaasaa yaa’ii Mana Marii magaalatti tibbaana ta’aameerratti dubbataniiru Oditii taasifame maallaqni walitti ...

Read More »

Itoophiyaatti dhaabbileen mirga namoomaa irratti hojjatan balaa diigamuuf saaxilamuu isaanii himameera.

Itoophiyaatti filannoo biyyaaleessaa bara 1997 dura dhaabbiileen mirga namoomaa irratti hojjatan 100ti dhiyaatan akka turan ragaaleen ni mul’isu. Yeroo amma garuu sababa adda addaan lakkofsi dhaabbilee mirgaa namoomaa irratti hojjatanii shan akka hin caalee himameera. Bara Mootummaa Ce’uumsa irraa jalqabee hanga filannoo 97tti dhaabbileen mit-mootummaa mirgaa namoomaa fi dimokiraasii irratti hojjatan dhibbaatti lakkawaman akka turan qorannoo tibbaana mariif dhiyaate tokko ...

Read More »