Hanqinni dhiyeessa tajaajila Bishaan qulqulluu fi Ibsaa jirattoota rakkoof akka saaxile himameera.

Itoophiyaatti hanqinni dhiyeessa tajaajila Bishaan dhugaatii qulqulluu fi Humna Ibsaa jirattoota rakkoo guddaf akka saaxile himameera. Hanqinni bishaan dhugaatii qulqulluu fi humna ibsaa yeroo gara yerootti dabalaa akka jiru jirattoonni magaala finfinnee himaniiru. Bishaan Qulqullina hin qabneetti fayyadamuu fi yeroo roobni roobuu bishaan kuufachuun nyaata ittin bilcheefachaa akka jiran jirattoonni dubbataniiru Rakkoon bishaan dhugaatii fi ibsaa jiruu fi jireenya jirattoota ...

Read More »

Kuusaan maallaqa liqii Itoophiyaa yeroo kamuu caalaa dabalaa waan dhufeef Gorsitoota Diinagdee Ministira Muumee yaaddeessaa akka jiru himameera.

Maallaqni liqii baay’inaan maqaa hojiilee misooma gara garaatiin mootummaa chaayinaa irra argame dhala guddaa waan qabuuf dhaloonni biyyaatti kami kaffalee akka xumuru tilmaamuun hin danda’amu jedhame. Itoophiyaan maallaqa dolaarii biiliyoona tokko gurgurtaa boondiin Awurooppaa irraa liqeeffate qofaf dhala dhibbeentaa 6.6 kaffalaa akka jirtu gaazexxaan Forchuun keessa beektoota wabeeffachuun gabaaseera. Maallaqni dolaaraa biiliyoona hedduu Sawuud Arabiyaan dhala malee Itoophiyaaf liqeesite baay’ee ...

Read More »

Naannoo Amaaraatti Tilmaamni Gibira Galii Guyyaa beekameera.

Qondaltoonni naanniichaa tilmaamni Gibira galii guyyaa kana wajjiin walqabatee mormiin ka’uu ni mala jechuun sodaa keessa akka jiran maddeen oduu gabaasaniiru. Qondaltoonni naanniichaa Daldaltoonni tokkummaan komii akka hin dhiyeesineef akkasumas mormii akka hin jalqabne gochuuf tilmaama galii gibira guyyaa addan qooduun akka beeksisaan gabaafameera. Daladaltoonni Magaalaa tokko jiraatan osoo hin hafne tilmaama gibira galii guyyaa addaan qooduun yeroo gara garaa ...

Read More »

Dabaliin gatiii Oomishaalee nyaataa fi kan biroo addaa addaa ji’a ji’aan dabalaa deemuu jiruu fi jireenya lammiilee harka qaleeyyii qoraa akka jiru himameera.

Gatiin midhaan nyaataa kan akka Xaafii Qamadii, Garbuu, Boqqolloo fi kan biroo akkasumas Zayitii fi Shukkarri dabaluu malee hir’ataa waan hin jireef lammiilee biyyaatti yaaddeessa akka jiru himameera. Gatiin Oomishaalee nyaataa irra caalaa jirattoota magaala Finfinnee galii gadii aanaa fi giddugaleessa qaban miidhaa akka jiru himameera. Hojjattoonni Mootummaa fi Jirattoonni magaalaatti kiraa manaa kaffaluu fi Oomishaalee Nyaataa bitachuun akka itti ...

Read More »

Hojiilee bu’uuralee Telekoomii Itoophiyaa babal’isuuratti kan bobba’e Kampaaniin Erikisaan Kisaaraa keessa akka jiru himameera.

Kampaaniin biyyaa Siwiidiin Erikisaan kun akka lakkoofsa warra faranjoota bara 2014 waliigaltee pirojektoota hojii babal’isuu telekoomii afur mootummaa Itoophiyaa wajjiin mallatteesun hojii jalqabeera Erikisaan sadarkaa addunyaatti dorgomaa gahaa ta’uu waan dadhabee fi sababa bu’aa gahaa dhabeen rakkoo guddaa keessa akka jiru himameera Kampaaniichi pirojektoota hojii babal’isuu Netwoorkii magaaloota Arbaamincii, Walayiitaa- Sooddoo fi naannoowa isaanii yeroon xumuruu waan hin dandeenyeef waliigalteen ...

Read More »

Abbaan Alangaa Federaalaa Mirgi Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa akka hin kabajamne morme

Manni Murtii Federaalaa Itti-Aanaa hogganaan Paartii Kongirasii Federalawa Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa yakka idileen akka himataman erga murteesse guyyoota muraasa lakkofsiseera. Yakki Idilee akka ittin himataman jedhame kun mirga wabii kan ittisu waan hin taaneef garaa abukatoonni isaaniin mirgaa wabii obboo Baqqalaa akka kabajamuuf mana murtiichaa gaafataniiru. Abbaan Alangaa Federaalaa gamasatiin,mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa akka hin kabajamneef mormeeera Abbaan ...

Read More »

Qondaltoonni Mootummaa Malanmaltummaan shakkamanii hidhaman mana murtii Federaalaatti dhiyaataniiru.

Qondaltoota mootummaa olaanoo,Daldaltoot fi faddaaltonni malaanmaltummaan shakkaman 34 ol to’aannoo jala oolfaamuu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru Namoonni malanmaltummaan shakkamanii mana murtii Federaalaatti dhiyaatan kunniin sadarkaa hoggansaa gadi aanaa irra kan turanii fi hojjattoota warshaalee shukkaraa akka ta’an mirkana’eera. Qondaltoonni mootummaan malanmaltummaan shakkamanii hidhaman kanniin keessa Ministirri yookan Ministiir Dee’eetaan tokkolee kan jire yoo ta’u, mana murtiitti kan dhiyaatan hunduu sadarkaa ...

Read More »

Naannoo Amaaraatti Dhibeen Haqqee fi Garaa Kaasaa babal’ataa akka jiru himame

Naannoo Amaaraatti Aanaalee 35 keessatti dhukkubni Haqqee fi Garaa Kaasaa akka babal’ate himameera Namoonni 15 weeraara dhukkuba haqqee fi Garaa Kaasaan qabamanii Hospitaala Addis Alam Magaalaa Bahaar-Daar jiruutti waldhanamaa akka jiran beekameera Aanaalee naanniichaa 35 keessatti namoonni kuma tokko fi 229 weeraara dhibee Garaa Kaasaa fi Haqqee kanan qabamanii akka jiran Biiroon Eggumsa Fayyaa Naannoo Amaaraa miidiyaalee mootummaatti himeera Weeraarri ...

Read More »

Walitti Bu’iinsi Jirattoota Godina Gujii fi Kooree akka itti fufe himameera.

Walitti bu’iinsi jirattoota godina Gujii fi Kooree Adoleessa 16 bara 2009 sababa saamicha beeldootan jalqabe cimee akka itti fufe himameera. Walitti bu’iinsa kanan hanga ammatti gamalamanuu namoonni 13 ol akka ajjeeffaman gabaafameera/ Sababni walitti bu’iinsa kana saamicha beeladoota yaa jedhamuu malee tikoonni mootummaa waayyaannee ummataa Oromoo fi Sumaalee walitti buusuuf tattafaacha turan waan hin milkoofne amma immoo saba Kooree wajjiin ...

Read More »

Magaala Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Nifaas-Silk Laaftootti Hogganaa Aanaa 10n kan ture dargaggoo Ayyaalaa Baayyaannaa darara guddaa mana hidhaatti irra gaheen du’aan Addunyaa kanarraa boqate

Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas-Silk laaftootti hogganaa ganda 10 ture. Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa Saboonaa fi nama gidiraa saba isaa irra gahuu calliisee ilaallu hin barbaannee fi hojii isaatti cimaa ta’e akka ture himameera. Tikoonni Mootummmaa Itoophiyaa qajeelfamoota,Murtii fi Haala Nagaa qondaltoonni mootummaa Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa mastar pilaanii Godina addaa Oromiyaa fi Finfinnee ilaalchisuuun walgahii ...

Read More »