Manni Murtii olaanoo Federaalaa Miinstiira Muummee dabalatee qondaltoonni mootummaa olaanoo biroo himatamtoota siyaasa Galmee Obboo Gurmeessaa Ayyaannoo jalatti himatamaniif ragaa ittisaa akka bahaan ajajeera.

Manni murtii Federaalaa ministira Muummee Hayilamariyaam Dassaleeny dabalatee, qondaltoonni mootummaa olaanoo biroo mana murtiitti argamanii himatamtoota siyaasa galmee obboo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himatmaniif ragaa ittisaa akka bahan xalayaa waamichaa akka qaqqabu ajajeera. Manni murtiichaa guyyoota arfan darban ragaalee ittisaa fi jecha himatamtoota siyaasa Paartii Kongiraasi Federalaawa Oromoo galmee Gurmeessaa Ayyaannoo jalatti himataman dhaggeeffachaa tureera. Ragaalee Ittisa himatmtoonni ragaa nuu bahu ...

Read More »

Qondaltoonni fi Hojjattoonni Mootummaa Eyyama Wajjiira Minstiira Muummee ala biyyaa bahuu hin danda’an jedhame

Qondaltoonni fi hojjattoonni mootummaa dhimma hojiif gara biyyaa alaa imalan kamuu wajjiira Ministiira Muummee irra eyyama argachuu akka qaban qajeelfamni dirqamsiisu qohaa’eera. Wajjiiraaleen bajeenni mootummaa irra ramadamuuf hundu maallaqa ummataan konkolattoota ammaayyaa akka hin binnee qajeelfamni bahee kun ni dhoorka jedhameera Akkasumas sababa adda addaan nyaataa fi dhugaatii qopheessuun wal afeeru fi dhiichiisuu, walgahii fi Ayyaana adda adda sababeeffachuun barruulee, ...

Read More »

Naannoo Gambeellaatti Abbootiin Qabeenya lafti irra fudhatame 186 ajaja wajjiira Ministiira Muummeen akka deebi’eef himame.

Naannoo Gambeellaatti Abbootii Qanbeenya 186 lafa invastimantii qonnaa fudhatan misoomsu hin dandeenye jedhamanii lafti irra fudhatame ture ajaja wajjiira minstiira muummeen akka deebi’uuf taasifame. Naanniichi Abbootiin qabeenyaa invastimantii qonnaaf lafa fudhatan 600 keessaa 296 akkaata waliigalkteen misoomsuu kan hin dandeenye jechun lafa irra fudhachuun ni yaadatama. Abbootoin qabeenyaa kunniin tarkaniiffii naanniichi fudhate mormuun wajjiira ministiira muummeetti komii isaanii dhiyeessataniiru. Komii ...

Read More »

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa jecha Hoggantoota himatamtoota Siyaasaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo Afur dhaggeeffate

Manni murtii olaanoo Federaalaa Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee jecha himatamtoota Siyaasaa Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo afur gaafa hagayya 8 bara 2009 dhaggeeffateera. Manni murtichaa ragaalee himatamtoota galmee obbo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himataman dhaggeeffachuuf dhadacha taa’een hanqina yeroo wajjin walqabatee kan himatamtoota 4 dhaggeeffateera. Abbaan Alangaa sanadii ragaalee himatamtoonni Siyaasa Oromoo Ministeera Muummee Hayilamaariyaam Dassaaleny dabalatee qobdaltoota mootummaa olaanoo dhugaa nuu ...

Read More »

Gandoonni Oromiyaa Baay’een Naannoo Sumaaleef Kutamanii kennamaa akka jiran himame.

Gandoota daangaa naannoo Oromiyaa fi Sumaalee irra jiran naannoo kam jelatti buluu akka barbaadan sagaleen murteeffataniiru. Akkaataa Sagalee uummataa yookaan Riferendamiitiin gandoonni baay’een gara barbaadanitti kan daangeffaman yoo ta’u ,muraasni garuu osoo hin daangeffamin turaniiru. Murtii Rifirendamii kanaan dura gaggeeffameen gandoonni naannoo Oromiyaa jalatti buluuf murteeffatan tibbana naannoo Sumaaleef kutamanii akka kennaman murtaa’u jiraattonni dubbataniiru. Godina Harargee Bahaa fi Lixaatti ...

Read More »

Itoophiyaatti Beelladoonni Horsiisee Bultootaa baay’inaan du’aa akka jiran himame.

Itoophiyaatti Beelladoonni Horsiisee Bultootaa kan yeroo kamuu caalaa baay’inaan du’aa akka jiran Dhaabbanni Nyaata Addunyaa (FAO) beeksiseera. Kutaalee Biyyattii adda addaa Horsiisee Bultoonni keessa Jiraatanitti hanga ammaatti beelladoonni miiliyoona lama margaa fi Bishaan dhabuun akka du’an dhaabbatichi himeera. Balaa hongee biyyattii mudateen lakkoofsi namoota gargaarsi midhaan nyaataa isaan barbaachisuu dabalaa waan jiruuf hanqina nyaataan lubbuun namootaa darbuu ni mala sodaan ...

Read More »

Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa Liqii dolaara Biiliyoona 4 fi Miiliyoona 6 Itoophiyaaf eyyame.

Mootummaan Itoophiyaa Wayyaaneen hogganamu maallaqni liqiin waggaa tokko keessatti argattu kan mootummaan dargii waggoota 17 keessatti argate akka caalu ragaaleen ni mul’isu. Baankii Addunyaa jala kan jiru dhaabbanni Misooma Addunyaa Itoophiyaadhaaf bara warra faranjootaa dhufu maallaqa dolaara biiliyoona 4 fi miiliyoona 6 yookaan immoo birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 7 fi miliyoona dhibba Afurii ol ramadeera. Maallaqni kun hojiilee misoomaa ...

Read More »

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddaroota Shan gara biyyaatti waame.

Minsiteerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Amerikaatti Ambaasaddara Biyyattii Girmaa Birruu dabalatee Ambasaddaroota Shan gara biyyaatti waameera. Bakka Ambaasaaddaroota Shanan gara biyyaatti akka deebi’an murteeffametti ambaasaaddaroonni haaraan dhiyeenya pirezedaantii biyyattii Dr Mulaatuu Tashoomaan muudaman akka ramadaman Gaazexaan Ripportar gabaaseera. Amerikaatti Ambasaddarri Itoophiyaa Girmaa Birruu hanga tarkaanfiin hidhaa namoota malanmaltummaan shakkaman irratti fudhatamaa jiru tasgabbaa’utti sababa waldhaansa jedhuun turuu ni malu jedhameera. Chaayiinaattii ...

Read More »

Manni Murtii Olaannoo Federaalaa Obboo Baqqalaa Garbaa mirga wabii dhoorkate.

Mannii murtii Olaanoo Federaalaa Gaaffii Mirga Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa ilaaluf sababa adda addaan dhiyeessuun lafarra harkiisa tureera. Itti-aanaa Hogganaan Paartii Kongiraas Federalaawa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa yakki idilee ittin himataman mirga wabii kan dhoorkuu waan hin taaneef gaaffii mirga wabii dhiyeessan fudhatama dhabeera. Abbaan Alaangaa Federaalaa Gaaffii mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa akka hin eyyamamne mana murtiichaa gaafachuun ni ...

Read More »

Baankiin Misooma Itoophiyaa Maallaqa Liqeese deebisee walitti qabuu rakkoo akka qabu himame

Baankiin Misoomaa Itoophiyaa maallaqa liqiin kennee deebisee walittii qabuu irratti rakkoo akka qabu hogganaan dhaabbilee Faayinansii mootummaa beeksisaniiru. Maallaqni Baankiichi liqiin kennee walitti qabuu dadhabe dhibbeentaa 25 akka gahe himameera. Baankiin misooma Itoophiyaa Invastimantii Qonna Gambeellaa wajjiin walqabatee maallaqaa biyyaatti baay’ee mancaasusaa garee mootummaan dhimma kana akka qoratuuf hundeesse beeksisee ture Baankiin misoomaa Itoophiyaa waggaatti maallaqni liqiin kennee deebisisuu dadhabe ...

Read More »