Deeggarsi Lammiilee Oromoo naannoo Sumaalee irra buqqa’aniif taasifamu itti fufeera.

Deeggarsi maallaqaa fi akaakuu lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleeti qe’ee fi qabeenya isaanii irra buqqa’aaniif taasifamu bifa gara garaan cimee itti fufeera. Akkuma Kanaan Artistoonni fi Atiletoonni Oromoo Koree hundeessanii socha’aa akka jiran dhaga’ameera. Koree kanas gama Artistootaan Artiistii Alii Birraa, Qamaar Yusuuf fi Taaddalaa Gammachuu kan bakka bu’uun qindeessa jiru yoo ta’u, Gama Atiletootan immoo Atileet Ibrahiim Jayilaan, Atileet Darartuu ...

Read More »

Baqattoonni Itoophiyaa Keeniyaa jiran dhiibaa tikoota mootummaa Itoophiyaa jala akka jiran himame

Lammiileen Itoophiyaa darara cimaa biyyaa keessatti irra gahu jala miliquuf gara keeniyaatti baqatan dhiibaa tikoota mootummmaa Itoophiyaa jala waan jiraniif rakkoof saaxilamusanii BBCn gabaaseera Dhaabbaanni Humaan Raayits Waach gamasatiin, rakkoon tikoonni mootummaa Itoophiyaa lammiilee biyyaatti gara Keeniyaatti baqatanirra gahaa jiran yaaddeessaa ta’u ibsa torbee darbe baaseen beeksiseera Mootummaan Itoophiyaa Keeniyaa dabalatee biyyoota biroo keessatti gocha seeran alaa walfakkataa raawwatuun lammiileen ...

Read More »

Namoonni 21 qabeenya Ummataa fi mootummaan mancaasan jedhamanii shakkaman himataman

Namoonni 21 Ministeera Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee fi Pirojektii Ijaarsaa warshaa Shukkaara Oomoo Kuraaz lakkofsa shanii fi dhaabbilee biroo keessa wayita hojjataa turan Qabeenya Ummataa fi mootummaa mancaasan jedhamanii shakkaman himataman Mannii Murtii olaanoo Federaalaatti ramaddiin dhadacha lammaaffaa namoota Afur galmee ministirri Deetaa Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdeeobboo Alamayyoo Gujoo jalatti himataman wabii birrii kuma 10 hanga kuma 20n akka gadhifaman ...

Read More »

Ayyaanni Irreecha karaa nagaan akka kabajamuf qophiin haalduree xumuramusaa Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo beeksise.

Ayyaanni Irreecha Hora Arsadiitti Fulbaana 21 bara 2010 kabajamu karaa nagaan akka xummuramuuf qophiin haal duree xummuramusaa gumiin Abbootii Gadaa Oromiyaa beeksiseera. Naannoon malkaa Irreeffannaa bal’atee fi qulqullaa’ee Oromoota Kabaa -Kibbaa akkasumas Bahaa -Dhihaa Ayyaana Sena qabeessa kana kabajuuf gara Hora Arsadii dhaqan simachuuf qophaa’eera. Karaan gara Malkaa Irreeffannaa geessu fi deebisu kan bali’ifame yoo ta’u, daggalli naannoo malkaa jiru ...

Read More »

Sababa Walitti Bu’iinsa Oromoot fi hidhatoota mootummaa Naannoo Sumaaleetin Lammiileen Oromoo Dhibbatamatti lakkawaman akka du’aan himameera.

Sababa walitti Bu’iinsa kanan lammiileen Oromoo baay’ee ajjeeffamuusanii fi lammiileen Sumaalee ajjeeffamaniis akka jiran Ministirri wajjiirii dhimmoota Komunikeshinii mootummaa Federaalaa Dr Nagarii Leencoo dubbataniiru Lammiileen Oromoo kuma heddu biyyaa Sumaaleeland keessa jiraata turan qe’ee fi qabeenya isaaniirra akka buqqa’aaniis mootummaan Federaalaayeroo jalqabaaf amaneera. Lakkofsi lammiilee sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Sumaalee wajjiin walqabatee ajjeeffamanii kallattiin hangana jechun waan hin ...

Read More »

Malaanmaltummaan Shakkamanii to’aannoo jala olfamanii kan turan Birgadeer jeneraal Ifireem Baangee mana hidhaati gadhidhifaman

Birrii Miiliyoona 200 ol mancaasuun qabeenyaa mootummaa fi ummataa miidhaan jedhamanii duula farra malnmaltummaan shakkamanii to’aannoo jala kan oolfaman Birgadeer Jeneraal Ifireem Baangee mana hidhaatii gadidhiifaman Jeneraliich maallaqa birrii miilliyoona 200 fi miiliyoona 50 ol mancaasuu isaanii wayita to’aannoo jala oolfaman kan himame yoo ta’u, mana hidhaatii kan gadi dhiifamaniif shakkamtoota biroo irratti ragaa bahuuf waadaa waan galaniif jedhameera. Jeneraal ...

Read More »

Guddinni Diinagdee Itoophiyaa itti fayydama naannoolee fi sabaa fi sablamoota biyyaatti walqixummaan kan mirkaneesse akka hin taane qorannoo Baankii Addunyaa mul’iseera.

Baay’ina ummata Itoophiyaa yeroo ammaa miiliyoona 100 tilmaamu keessa dhibbeentaan 33 hiyuummaa hamaa keessa akka jiran fi guyyaatti galii dolaarii 1.9 gadi kan argatan ta’uu qorannoo baankiicha mul’iseera Lammiilee biyyaatti hiyyuummaa hamaa keessa jiraatan naannoolee duubaati hafan jedhaman kan akka Sumaalee, Affaar, Gambeellaa fi Beenishangul-Gumuuz keessaa baay’inaan akka jiraataniis qorannoo kun mul’iseera. Yaa ta’u malee,jirattoonni naannoo Oromiyaa fi ummattoota kibbaa ...

Read More »

Gargaarsi lammiilee Oromoo naannoo Sumaalee keessaa buqqa’aniif taassifamu bifa adda addaan cimee itti fufe

Deggarsi lammiilee Oromoo sababa walitti bu’iinsa daangaa wajjin walqabatee liyyuu poolisii fi tikoota mootummaa federaalaan naannoo sumaaleetii buqqa’aniif taassifamu bifa adda addaan cimee itti fufeera. Liyyuu Poolisiin naannoo Sumaalee Lammiileen Oromoo qabeenya waggoota hedduuf itti dadhabanii horatan irraa saamuu fi barbadeessuun qe’ee isaaniirraa erga buqqisanii booda gargaarsi taassifamuuf cimee itti fufeera. Lammiileen Oromoo biyya keessaa fi biyyoota alaa jiraatan obboleewwan ...

Read More »

Kutaaleen Hawaasa Oromoo adda addaa weerara Uummata Oromoo fi Daangaa Oromiyaa irratti labsame qolachuuf tokkummaan akka tumsan Global Gumii Oromiyaa waamicha dhiyeesseera

Global Gumii Oromiyaa dhimma yeroo ammaa naannoo Oromiyaa keessa jiru ilaalchisun hawaasa oromoo magaalaa Torontoo fi naannawashee wajjin mari’achuun ibsa ejjennoo abbaa qabxii kudhanii baaseera. Globala Gumii Oromoo marii tibbana mata duree “Duguuggaa Sanyii Nurratti Aggaamame Irraa Of-Dandamachiisuuf Maal Gochuu Qabna”? jedhuun hawaasa Torontoo wajjin mari’ateen uummanni Oromoo waggoota darban dararaa adda addaa keessa akka ture beeksiseera. Bara bulchiinsa mootummaa ...

Read More »

Dhaabbanni Human Right Watch ajjeechaa ayyaana Irreechaa bara darbee irratti qaqqabe Ilaalchisee gabaasa dhiyeesse

Dhaabbanni Human Right watch ajjeechaa lammiilee nagaa ayyaana Irreechaa kabajuuf Hora Arsadee irratti walgahan irratti raawwatame ilaalchisuun gabaasa fuula 33 qabu baaseera. Lammiileen Oromoo waaqa dukkana gannaatui gara Booqaa birraatti nagaan isaan ceessise galateeffachuuf ayyaana Irreechaaf bahanirratti tarkaanfii loltoonni mootummaa fudhataniin namoonni baay’een ajjeefamaniiru. Namoonni ayyaana Irreechaa kabajachuuf magaalaa Bishooftuu Hora Arsadii irratti walgahan tarkaafii humnoota mootummaa jalaa miliquuf osoo ...

Read More »