Lammiilee biyya Suudaan Kibbaa kuma 10 heyyama lammummaa Itoophiyaa kennamuufiin rakkoo uume jira.

Muummeen Ministeera Itoophiyaa Durii Obboo Hayla maariyaam Dassaalny woggaa darbe wal-ga’ii mootummaa gamtoomanii Niiw Yoork tti rakkoolee baqattoota Biyya Suudaan kibbaa hiikuuf horiin waan hin jireef baqattoonni aadaa, afaan fii jireenyaan tokko waan ta’aniif akka lammummaan biyya Itoophiyaa kennamuuf beellama galanii turan. Sochoosiftoonni(Activists) mirga gosa lammii Anyuwaak akka ibsanitti, haalli lammummaa Itoophiyaa lamii Suudaan Kibbaaf kennuu kun ummata Itoophiyaa irraa ...

Read More »

Gargaaraa barreessaa muummicha Tokkummaa Mootummootaa dhimma gargaarsa namoomaa doorsisa hojjatoota gargaarsa sudaan kibbaa irra ga’aa jiru balaaleffatan.

Dhimma gargaarsa namoomaatti, gargaaraa barreessaa muummicha Tokkummaa Mootummootaa, Maark Lowkuuk haala hojjattoonni gargaarsaa biyya Suudaan Kibbaa keessatti rakkifamaa jiranii ciminaan balaaleffatan. Maark Lowkuuk daawwanna isaan guyya lama Biyya Suudaan Kibbaa tti taasisaniin akka ibsanitti hookkarrii fi doorsisni hojjettoota gargaarsaa irra ga’aa jiru, akka gargaarsi uummata garqaaramuu qabu gara miliyoona toorbaa hin dhaqqabne danqaa itti tahe jira jedhaniiru. Maark Lowkuuk, baatiilee ...

Read More »

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa balaa Iboolaa Riipbiliik Dimookoraatawaa Koongootti babala’achaa jiru irratti marii hatattamaa gochuuf.

Marii kanarratti labsiin fayyaa yeroo hatattamaa irratti xiyyeeffatuu fi dhimmicha irratti tarkaanfii fudhatu ni murteeffama. Hanga ammaatti namootni 44 qabamuufi 23 du’uun qoratamaa jira. Namooti baayyeen baadiyyaa jiraatan kan qabaman yoo tahu magaala Mabaandaakaatti namni tokko qabamuun mirkanaa’era. Magaalaa wiirtuu geejjibaa naannoo laga Koongoo jirtuufi namoonni miiliyoona tokko tahan kessa jiraatanitti kan mul’ate, gara magaalaa guddoo biyyattii Kinshaasaatti akka hin ...

Read More »

Mana hidhaa Qilinxoo guban kanneen jedhamanii himannaan irratti dhiyaate namoota 38 keessaa namoonni 26 himannaan irraa kaafamuun himame.

Abbaan Alangaa Federaalaa ibsa kennaniin Dr. Fiqruu Maaruu dabalatee namoonni 62 himannaan irraa kaafamuu hubachiisaniiru. Himatamtoonni galmee Maasrashaa Saxee gubbatti mana hidhaa Qilinxoo guban kanneen jedhamanii himannaan irratti dhiyaate 38 keessaa 4 himatii isaanii ajjechaa waliin kan wal qabatuu ta’uun akka mana murtiitti mormatan itti murtaaweera. Himatamoota hafan keessaa 11 walaban akka gadhiifaman 23 immoo himannaan irratti dhiyaate foyyaffamee of-irraa ...

Read More »

Keeniyaatti bokkaa cimaa roobeen manneen hedduu liqimsuun, namoota galaafate

Hanga ammaatti namoonni balaa kanaan lubbuu isaanii dhabanii fi Hanga guyyaa har’aatti kanneen reeffi isaanii argame 41 gahuun beekameera. Balaan kun kan uumame Caamsaa 09/2018 halkan erga hawaasni hirriba rafeen booda akka ta’ellee gabaafameera. Bakki balaan kun itti raawwatames magaalaa guddoo keeniyaa, Naayroobii irraa KM 190 gara Kaaba-dhihaatti Kan argamtu magaalaa Soola’ii jedhamtutti. Kanneen balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban keessatti ...

Read More »

Humni raayyaa Ittisaa poolisoota Naannoo Oromiyaa fi Kan Naannoo Somaalee Moyyalee keessa jiran hidhata hiikkachiise’

Walitti bu’iinsa dilbata darbe lubbuu nama 8 ol galaafatee 40 ol madeesse booda humni Ittisa biyyaa nagaa kabachiisuuf gara Moyyalee dhaqe, humnoota poolisii Naannoo Oromiyaa fi kan naannoo somaalee Moyyalee jiran irraa hidhannoo hiikuu jiraattonni magaalattii dubbatan. guyyaa wixata darbe hedduminaan gara magaalattii kan dhaqan humnootni Ittisa biyyaa Waajjira Poolisii magaalaa Moyyalee akka to’atan, humnoota poolisii Oromiyaarraallee hidhannoo akka hiikan ...

Read More »

Obboo Abbaay Tsahaayyee dabalatee hoogganootni sadarkaa ol’anoo afur hojii irraa arihaman.

Obboo abbaay Tsahaayyee akka lakkoofsa Itoophiyaa ji’a Bitooteessaa 09/2006 irraa jalqabnii daayrekteera ol’aanaa Tarsimoo fii qorannoo hoogganaa turan xalyaan muummee ministeeraa Dr. Abiyi Ahmadin barreefameen akka gaafa ji’a Eblaa 12/2010 angoo hojii irraa kaafaman ibsameera. Obboo Tweedroos Haagos miseensi dhaaba bilisa baasaa Tigreey kan ta’e akka lakkoofsa Itoophiyaa Ebala 12/2010 angoo irraa akka kaafamaniif xalayaan Muummee Ministeeraa irraa isaan dhaqqabuun ...

Read More »

Mormiin Bulchinsa Naannoo Soomaalee godinaa gara garaa keessatti guyyaa irraa guyyaan cimuun hiriirri mormii itti fufaa jira.

Mormiin bulchinsa naannoo soomaalee magaalaa Shinniilee ti jal’qabame guutuu bulchinsaa keessa babal’achuun godinaalee gara garaa keessatti guyyaa irraa guyyaan cimee itti fufaa jira. Guyyaa hardhaa magaalaa Dirree dhawaa keessatti mormiin cimtuun salaata jummaa booda geggeeffameera. Mormii guyyaa hardhaa magaalaa Dirree dhawaa geggeefamu dhoorkuuf Abdi illeen loltoota humna Poolisii addaa jedhamu konkolaatota 12 magaalaa keessa bittinneesuus mormii ittisuu dadhabuun himameera. Mormii ...

Read More »

Godina Gujii Aanaalee hedduu keessatti mormiin gaggeeffamaa jiraachuun beekame.

Yeroo ammaa Mormiin hawaasaa bifa haaraa ta’een godinaalee Oromiyaa bakka gara garaatti itti fufe. Hiriira mormii guyyaa Kibxata (Salaasaa) har’a magaalaa adoolaatti geggeeffameen wal qabatee miseensonni poolisii Oromiyaa Aanichatti argaman uummata irratti dhukaasa banuu, Reebicha raawwachuu fi namoota hidhaa akka turan dhaga’ameera. magaalaa Adoolaa keessatti Poolisoonni Oromiyaa hawaasa hiriira bahan irratti dhukaasa banuun dargaggoonni 2 rasaasan rukutamanii Mana yaalaa seenuun ...

Read More »

Mormiin Bulchinsa Naannoo Soomaaleeti dhooye guyyaa irraa guyyaan cimuun hiriirri mormii itti fufaa jira.

Mormiin bulchinsa naannoo soomaalee magaalaa Shinniilee ti jal’qabame guutuu bulchinsaa keessa babal’achuun godinaalee gara garaa keessatti itti fufaa jira. Guyyaa hardhaa godinaa Jijjigaa magaalaa Toogcaalee keessatti mormiin cimtuun geggeeffameera. Moggaasa maqaa afaan Somaaleetiin Dulmi-didi ykn Diddaa Roorroo jedhamuun mormii gaggeeffamee jiraattonni magaalaa kana jiraatan bulchiinsa Abdii illee irratti mormii jabaa gaggeessaa turaniiru. Mormii geggeefame irratti dhaadannooleen dhageessifamaatiin turan keessaa, Nuti ...

Read More »