Wajjiirri Tikaa Waayyaannee maallaqa Dhaabbanni Mootummoota Gamtomanii Baqattoota Itoophiyaa keessa jiran gargaaruuf ramadu saamaa jira jedhame

Bajeenni Dhaabbanni Mootummaanni Gamtooman baqattoota biyyoota adda addaa Itoophiyaa keessa jiraatan gargaaruf ramadu wajjiira tikaa waayyaannee sammaamaa akka jiru himamee. Miseensoonni tikoota waayyaannee bajeeta dhaabbaticha ramadu saamaan wagga waggaan dolaariin miiliyoona hedduu ofirraa buusu akka hin dandeenye qamooleen dhimmicha dhiyeenyaatti beekan ESATti himaniiru Tikoonni Waayyaannee kunniin konkolattoonni Komishiinii Gargaarsa Baqqattoota Mootummoota Gamtomaanii gargaarsaaf kennu gocha ajjeechaa, ukkamsaa fi hidhaaf itti ...

Read More »

Saawud Arabiyaatti maallaqni karaa seeraan alaan qisaasame dolaarii Biiliyoona dhibba tokko akka ta’e himame

Mootummaan Saawud Arabiyaa duula farra maalanmaltummaa tibbaana jalqabeen maallaqni karaa seeraan alaan qisaasame dolaarii biiliyoonna dhibbaa tokko akka ta’e beeksiseera Lakkofsi namoota maalanmaltummaan shakkamanii too’aannoo jala oolfamaniis gara 200tti akka dhiyaatu Abbaan Alangaa Biyyaatti dubbataniiru. Duula Farra maalanmaltummaa halkan sanbaata darbee jalqabame maatiiwwaan mootii, Ministiroonni fi abbootiin qabeenyaa baay’een shakkamanii hidhamaniiru. Abbootii qabeenyaa maalanmaltummaan shakkamanii hidhaman keessa dhalootan Itoophiyaa kan ...

Read More »

Manni Marii Nageenya Biyyaaleessaa Dhimmoota Yeroo fi Tarkaniiffii Fudhatamu qabu irratti mari’achuun himameera

Manni marii Nageenyaa Biyyaaleessa fi naannoolee haala yeroo biyyaatti fi tarkaniiffi fudhatamuu qabu irratti wajjiira ministiira Muummeetti mari’achuun himameera. Marii kanaas Ministiira Muummee Obboo Hayilamariyaam Dassalaany fi Hogganaan mana marii nageenya biyyaaleessa fi ministirri Ittisaa Siraaj Fageessaa akka hogganaan gabaafameera. waltajjiin mariin kun karoora nageenya biyyaaleessa kopha’eerratti mari’achun hubannoo walfakkatuu aragachuf akka qopheeffame himameera. Akkasumas nageenya biyyaatti karaa qondomiina qabuu ...

Read More »

Mirgi Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa Mana Murtii Waliigalaan Eyyamamee ture dhoorkame.

Itti-Aanaa Dura Taa’aan Kongirasii Federaaliistii Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa yakka idilee himatamaniin mirga wabii birrii kuma 30n mana hidhaati akka bahan Manni Murtii Waliigalaa ajaje ture. Maatiin isaanii birrii kuma 30 mirga wabii manni murtichaa ajaje hatattamaan kaffalaniis manni hidhaa qilinxoo sababa dogongora lakkofsa galmee qaba jechun obboo Baqqaalaa gadhiisuu dideera. Manni hidhichaa obboo Baqqalaa Garbaa jalqaba lakkofsa Galmee Shororkeessummaa ...

Read More »

Konfiransiin dhaabbatumaa Dh.D.U.O Ajandaa marii irratti waliigaluu dadhabuun guyyoota muraasa dheerefame ture xummurameera.

Konfiransin Dhaabbata Dimokirasummaa Ummataa Oromoo torbaffaa Onkololeessa 19 hanga 23tti Adaaamaa galma Abbaa Gadaatti geggeeffamaa tureera Konfiransiin kana irratti Kadiroonni olaanoo fi sadarkaa gadii aanaarra jiran ajandaa marii irratti waliigaluu waan dadhabaniif guyyaa itti xumurame jedhamee karoorfameetti xummuramuu hin dandeenye jedhameera. Konfiransichi kan yeroo kamuu caalaa qondaltoota Olaanoo fi kadiroota sadarkaa gadanarra jiran giduutti mormii cimaa keessumeessa akka ture keessa ...

Read More »

Hojjattoota mootummaaf wagga waggaan foyya’insa sadarkaa mindaa gochuf humna akka hin qabne mootummaan beeksise.

Hojjattoota Mootummaa Federaalaatiif wagga waggaan foyya’insa mindaa gochun seeraan akka mirkana’uuf gaaffiin dhiyaate humna mootummaa fi biyyaati ol akka ta’e himameera. Mana marii bakka bu’oota Ummataatti,Koree Dhimmoota Misooma Humna Namaa fi Bulchiinsa Gaarii wixinee labsii hojjattoota mootummaa Federaalaa ilaalchisun qopha’ee irratti mari’ateera. Wixineen Labsii kun foyya’insi mindaan hojjattoota mootummaa Federaalaa wagga lama lamaan ni taasifama jedha. Miseensoonni Koreen dhimmoota Misooma ...

Read More »

Paartiin Samayaawwii fi Aranaa Tigraay Hiriira nagaa waaman

Paartiin Samayaawwii fi Aranaa Tigraay haala yeroo Itoophiyaa wajjiin walqabatee hiriira nagaa sanbataa fi dilbata dhufu akka waaman himameera. Paartiin samayaawwii mataduree ‘Itoophiyaa Eenyu Yaa Baraaruu’ jedhun adbabaayii masqalaa magaala Finfinnee jiruutti onkololeessa 26 bara 2010 hiriira nagaa waamuusa itti-aanaa duraa taa’aan paartichaa obboo Geetaaneh Baalchaa dubbataniiru. Hiriira nagaa akka waaman beeksisuun dirqama waann ta’eef kana immoo qaama mootummaa dhimmi ...

Read More »

Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kumatamatti lakkawaman gara daangaa Sumaliiyaa seenuu isaanii himameera.

Loltoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itoophiyaa gara daangaa Sumaliiyaa seenaan kunniin garee riphe-loltoota Al-Shabaab irratti lola banuu isaanii dhaga’ameera. Gareen Riphe loltoota Al-Shabaab boombii tibbaa darbee magaala moqadishootti dhooseen lubbuu lammiilee Sumaliiyaa nagaa 300 ol galaafachun ni yaadatama. Mootummaan Sumaliiyaa gocha gareen riphe loltoota Al-shebaab raawwate kana baleeffachuun garicha barbadeessuuf bifa haaraan duulaa labseera. Pireezdaantiin Sumaliiyaa Mohaammad Abdullaahii Mohaammad gocha sukkaneessa ...

Read More »

Obboo Baqqalaa Garbaan wabiin akka hiikaman Manni Murtii Waliigalaa murteesse

Itti-Aanaa Dura Taa’aan Kongirasii Federaaliistii Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa mormii ummata oromoo wajjiin walqabatee yakka shororkeessummaan himatamanii dhimmi isaanii mana murtii olaanoo federaalaatti ilaalamaa turun kan yaadatamudha. Manni murtichaa dhimma isaanii kana waggaa tokkoo oliif lafa harkiisa erga ture booda himaannaa shororkeessummaa jijjiirame yakka idilileen akka himataman murteesse ture. Yakki idilee akka ittiin himataman murteeffame mirga wabii kan dhoorkachisu waan ...

Read More »

Deeggarsi Birrii miiliyoona wadhakaa ol Gilobaal Aliyaans Lammiilee sababa walitti bu’iinsan Godina Buunnoo Bedelleetti buqqa’aaniif erge akka hin kennamne dhoorkame jedhame .

Walta’iinsi Itoophiyanoota Addunyaa Gilobaal Aliyaans lammiilee walitti bu’iinsa tibbaa darbe Godina Buunnoo Bedelleetti umameen qe’eerra isaaniirra buqqa’aaniif dolaarii kuma 25 yookan birrii Itoophiyaa kuma 700 gumaacheera. Maallaqni deeggarsa garaa bakka bu’oota paartiile mormitoota seeraan galma’aniin biyyaatti keessa jiraniin lammiilee buqqa’aniif akka kennamu kan ergame. Bakka bu’oonni Paartiilee Samayaawwii fi Guutuu Tokkummaa Itoophiyaa miseensoota Afur qabu maallaqa deeggarsaa lammiilee buqqa’aniif kennuuf ...

Read More »