Bartoonni Yuunivarsitii Bulee Horaa moora gadhiisanii bahaa akka jiran hiameera

Barattoonni Yuunivarsitii Bulee Horaa torbaan tokkoof barnoota erga addan kutanii boodaa moora yuunivarsitichaa gadhiisanii bahaa akka jiran himameera Baratoonni Yuunivarsitichaa Pirezedaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Margarsaa akka isaani marisisaan gaafachuun eega akka turan himameera Pirezedaant Lammaan ofiifis ta’ee bakka bu’aa isaanii erguu barattootra akka hin marsiisne himameera. Barattoonni Yuunivarsichaa gaaffii bulchiinsa dabalatee tarkaniiffii liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee mormuun barnoota ...

Read More »

Sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee lammiileen Oromoo kuma 600 ol buqqa’aniiru.

Weerara hidhattoonii naannoo Sumaalee daangaa babal’ifachuu fi qabeenyaa saamuuf gandoota daangaa Oromiyaa irratti labse wajjiin walqabatee dhalattoonni Oromoo baay’een qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru. Sababa walitti bu’iinsa daangaa kanan dhalattoonni Oromoo gandoota Oromiyaa daangaarra jiran 458,488 akkasumas naannoo sumaalee keessa immoo Oromoo waan ta’an qofaf lammiileen 145,445 waligalaatti dhalattoonni Oromoo 603,933 akka baqa’aan himameera Lammiileen Oromoo sababa walitti bu’iinsa daangaan qa’ee fi ...

Read More »

Ahimaddiin Jabiil Mana Hidhaa Waayyaannee keessatti Rakkoo Fayyaa cimaaf akka saaxilame himame.

Miseensi Koree Fala barbaadduu Dhimma Musilimoota Itoophiyaa Ahimaddiin Jabiil mana hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jira. Ahimaddiin Jabiil rakkoo fayyaa isa mudateen waldhaansa hatattamaa akka argatuuf lammiileen Itoophiyaa dhiibbaa gochuu akka qaban waamuchi dhiyaateera. Ahimaddiin waldhaansa gahaa dhabuun mana hidhaa waayyaannee keessatti dhabee Kaleetiin rakkachaa akka jiru himameera. Humnoon Tikaa waayyaannee Ahimaddiin mana hidhaa keessatti reebicha cimaan dararuun waldhaansa fayyaa gahaa ...

Read More »

Kuwaataar Itoophiyaa fi Sudaan gargaarun walitti dhufeenya Ijipt wajjiin qabdu kan hammeessu jedhameera.

Kuwaataar yeroo dhihoo asi Itoophiyaa fi Sudaniif xiyyeeffannaa addaa kennuun walitti dhifeenya dippilomaasii akkasumas deeggarsa diinagdee cimsaa akka jirtu himameera. Mootummaan Kuwaataarii fi Abbootiin qabeenya biyyaatti shororkeessoota maallaqaan gargaaruu fi eyyama jireenyaa laati jechun Saawud Arabiyaa dabalatee biyyoonni Arbaa giddugala bahaa hariiroo biyyaatti wajjin qaban addan kutaniiru. Saawud Arabiyaa, Ijipt,Yemaan fi Kuweet biyyoota giddugalaa bahaa walitti dhufeenya dippilomaasii fi kan ...

Read More »

Pirezidantiin zimbaabuwee Robaart Mugaabeen Raayyaan Ittisa Biyyaan mana jireenya isaanii keessa akka hin baane erga ittisamanii booda yeroo jalqabaaf Ummataatti mul’ataniiru

Waggoota 37f Zimbaabwee Pirezedantummaan kan hogganaan Roobart Mugaabeen gaafa Roobii darbee raayyaa ittisa biyyaasaniin mana jireenyaati akka hin baane dhoorkamaniiru. Raayyaan ittisa biyyaatti yakkamtoota bulchiinsa mootummaa Roobarti Mugaabee dayeeffachuun qabeenya biyyaa saamaan adamsee too’annoo jala oolchuuf tarkaniiffii akka fudhate beeksiseera Raayyaan Ittisaa biyyaa tarkaniiffii jalqaba fudhatee dhaabbata miidiyaa biyyaaleessa ‘ZBC’ too’achuun lammiilee biyyaattiif kaayyoo tarakaniifficha ilaalachisee ibsa kenneera. Pirezedaant Roobart ...

Read More »

Qondaltoonni Mootummaa Olaanoon Ragaa Ittisaaf Akka Dhiyaatan Manni Murtii Olaanoo Federaalaa irra deebiin Ajajeera

Hoggantoonni Kongiraasi Federaliistii Oromoo galmee Gurmeeessa Ayyaannoo jalatti himataman qondaltoota mootummaa Olaanoo ragaa ittisaan dhiyeeffachun isaanii kan yaadatamudha. Haaluma kanan, Manni Murtichaa Ministira Muummee Obboo Hayilamariyaam Dassalaany fi Afa yaa’iin mana mariii bakka bu’oota ummataa Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa mana murtiitti dhiyaatan ragaa akka bahan ajaje ture. Akkasumas Pirezedantiin Naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaa, Hogganaan giduugaleessa Dh.D.U.O Doktor Abiyyi Ahimaad ...

Read More »

Koree Hojii Raawwachistuu Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigraay walgahii isaanii waliigaluun xummuru hin dandeenye jedhame.

Walgahiin Koreen hojii rawwaachistuu guddugaleessa Adda Bilisaa Baasaa ummta Tigraay ji’a tokko oliif itti fufe dhimmoota gurguddoo irratti waliigaluu akka hin dandeenye himameera Walgahiin koree hojii raawwachistuu waayyaannee kun jalqaba ji’a onkololeessa magaala Maqaleetti akkasuma immoo magaala Finfinneetti gaggeeffama tureera. Walgahiin koree hojii raawwachistuu waayyaannee kun waliigalteen xumuramu waan hin danda’amneef guyyoota 10n dura irra deebiin magaala Maqaleetti jalqabamee ture. ...

Read More »

Lakkofsi Barattoota Yuunivarsiitii Sababa dhabamuu tasgabbiin hir’achuun akka isa yaaddesse Ministeerri Barnoota Beeksise

Lakkofsi Barattootaa yuunivarsiitii ja’a Fulbaanaa jalqabee barnootarratti argamuu qabanii hir’achuun akka isa yaaddesse Ministeerri barnoota beeksiseera Minsitirri Barnoota Doktor Xilayee Geetee fi hoggantoonni ministeericha biroo gabaasa raawwii hojii kurmaana tokkoffaa mana marii bakka bu’oota ummataatti koree dhaabblilee barnoota olaanoof wayita dhiyeessan lakkofsi Barattoota hir’achuu himaniiru. Keessattuu Yuunivarsitiwwaan Naannoo Oromiyaa keessa jiranitti barattoota haaraa ramadamanii fi kan dura barnootarra turan ji’a ...

Read More »

Lammiileen Zimbaabwee carraa Roobart Mugaabee fi biyyaa isaanii gara fulduura maal ta’uu akka maluu shakkiin ilaala jiru

Pirezedaant Roobart Gabri’eel Mugaabeen waggoota 37 darban mormitoota isaanii akka barbaadanitti barbadeessuun Ziimbaabuwe olantummaan bulchaa turaniiru Pirezedantichi tarkaniiffii lafa qonnaa babal’aa qonnaan bultoota warraa adiin qabamee ture harkaa fuudhuun lammiilee biyyaatti gurachootaaf waan qoodaniif ilkaan biyyoota dhiyaa jala galaniiru Biyyoonni dhihaa tarkaniiffii lafa qonnaa warraa adii harka fuudhuun gurrachoota lammiilee biyyaattiif kennu kana hordofun pirezedantichi mirga namooma hin kabajan jechun ...

Read More »

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gimbichuu Caffee Donsaatti dhaabbileen mootummaa fi Ummataa Ibidaan akka gubatan himame

Godina Shawaa bahaa aanaa Gimbichuu Caffee Donsaa ganda Dhowwaattuu Calleetti wajjirri qonnaan bultoota tokko ibidaan akka gubate maddeen oduu gabaasaniiru. Wajjiira qonnaan bultoota kana eenyu akka gube beekamu baatuus,Xaa’oon, Shukkaara uummataaf raabsuuf kuufame,Maallaqaa fi galmeen qonnaan bultoota ibidaan barbada’uun himameera Mormii jiraattoota aaniicha wajjiin walqabatee manneen barnoota, manni murtii fi dhaabbiilee Ummataa fi mootummaa biroorra balaan gahusaa jirattoonni dubbataniiru. Pooliisiin ...

Read More »