Paayileetiin Biyya Ingliizii Daangaa Itoophiyaa keessatti bakka buuteen isaa dhabamee ture magaalaa Gaambeellaatti argame.

Mooriis Kiriik jaarsa waggaa 71 yoo ta’an ,xiyyaara akka bara faranjootaatti 1940n keessa hojjatameen waldorgommii Xiyyaarota umurii dheeraa qabaniin dorgomuuf biyyaa bahan.
Waldorgommii balala’iinsa xiyyaaraa biyyoota 10 qaxxaamuru kanaan, Sudaan irraa gara Gaambeellaatti balali’aa osoo jiranii bakka buuteen isaanii dhabame. Mooriis Kiriik rakkoo teeknikaatiin waldorgommicha akka addaan kutan itti himamee ture.
Isaan garuu harka hin kennadhu jechuun akeekkachiisa kennameef diduun waldorgommicha akka itti fufan qopheessitoonni beeksiisaniiru.
Kibxata magaalaa kartuumii gara Gaambeellaatti balali’uu kan jalqaban Mooriis Kiriik bakka yaadan hin geenye.
Wal-quunnamtiin odeeffannoo waljijjiruu addaan jalaa cituun hiriyoota isaanii yaaddeessee ture.
Magaalaa Gaambeellaas yeroo jedhame keessatti gahuu hin dandeenye.
Dhabamuu paayileetii kana ilaalchisuun qopheessitoonni dorgommichaas mootummaa Itoophiyaatti himanii akka turan Gaazexaan biyyattii gabaasaniiru.
Amma garuu Jaarsi waggaa 71 Mooriis Kiriik daangaa Itoophiyaa Buufata xiyyaaraa magaalaa Gaambeellaa keessa nagaan akka jiran gaazexaan The Guardian jedhamu guyyaa har’a gabaasera.
Mooriis Kiriik Dabalatee hiriyoonni isaanii dorgommiif wajjin biyyaa bahan 40ni magaalaa Gaambeellaa akka jiran qindeessitoota dorgimmichaa waabeeffachuun gaazexaan kun gabaseera.
Akka gabasa kanaatti namoonni dorgommii balala’iinsa xiyyaaraa kanarratti hirmaatan kuunniin mootummaa Itoophiyaa wajjin waliigaluu hin dandeenye.
Qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa namoonni kun buufata xiyyaaraa Gaambeellaa keessaa bahanii hoteela dursanii qabatan keessa akka hin qubanneef dhorkee jira.
Mootummaan Itoophiyaa waan barbaachisu hunda buufata xiyyaaraa keessatti dhiyeessuuf akka filate qindeessitoonni dorgommichaa himaniiru.
Namoonni kunniin buufata xiyyaaraa keessaa bahanii gara hoteelaa akka hin deemne maaliif akka dhorke waanti beekan akka hin jirres qindeessitoonni beeksisaniiru.
Namoonni 40ni yeroo ammaa nagaan akka jiraniif dhimmichas Ministeerri dhimma alaa Biriteen Imbaasii biyyattii magaalaa Finfinnee jiruu wajjin akka hordofaniif beeksiisuu isaanii qindeessitoonni dorgommichaa beeksisaniiru. Qondaaltonni mootummaa ameerikaafi biriteen lammiilee biyyoota garagaraa dorgommicharra turan kanneen mootummaan Ethiopia akka gadhi dhiisuuf mariirra akka jiran beekameera.