Paartileen siyaasaa maqaa Oromootiin of ijaranii biyyaa keessaa jiran Dhaabbata Dimokraatawa Ummata Oromoo(OPDO) wajjiin akka mari’atan miidiyaaleen biyyaa keessa gabaasaniiru.

Paartileen kun, Adda Bilisummaa Oromoo Abboo, Adda Tokkummaa Bilisummaa Oromoo, Kongirasii Biyyaalessaa Oromoo, Paartii Adda Bilisummaa Oromoo, Paartii Dimokraatawa Ummata Oromoo Guutuu fi Paartiin Gaggeessitoota Sirna Gadaa jedhanii warraa of waanan akka ta’an gabaafameera.
Marii jedhame kanaratti paartiin Kongrasii Federalistii Oromoo deeggartoota fi miseensoota baay’ee qabu akkasumas hoggantoonni isaa manneen hidhaatti dararamaa jiran akka inhirmaanne hubatameera.
Marii jedhame kana irraati,

Dantaan addaa Ummanni Oromoo magaalaa Finfinneerraa argachuu qabu faayidaalee dinagdee fi hawaasummaa qofa ta’u akka hin qabne paartiileen siyaasa kunniin himaniiru.
Fayeeda diinagdee fi hawaasummaa akkuma jirutti ta’e naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinnee qaama dhimmi ilaalu wajjiin qixa bulchuu qaba jedhaniiru.
Afaan Oromoo afaan biroo wajjiin walqixa afaan hojii bulchiinsa magaala Finfinnee ta’u akka qabu gaafataniiru.
Wixinee fayeedaa Ummanni Oromoo magaala Finfinnee irraa argachuu qabu ilaalchisee dhihaate jedhame abbaa dhimmichaa ummata waan hin hirmaachisneef shakkii akka qaban paartileen siyaasaa kunniin himaniiru.
Wixineen qophaa’e kun ummataaf dhihaatee akka irratti mari’atamu qaba jedhaniiru.Kana malees daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi ummata Oromoo Finfinnee keessaa sababa adda addaan buqqa’eef hatattamaan furmanni kennamuuf akka qabu gaafataniiru.
Rakkoo walitti bu’insa daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee mootummaan Federaalaa fi naannoolee lamaanii hidhattoota ummata naannoolee lamaanii bakka bu’u hin dandenyeetu raawwata jecha turaniis amma waliigaltee irra gahamuun fudhatama qaba jedhaniiru.
Dhimmi daangaa naannoo Oromiyaa fi Sumaalee akkaata riifarandamiin bara 1997 gaggeefame irratti hunda’udhaan hatattamaan akka dangeeffamu gaafataniiru.
Gabaasa Koomiishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa mormii Ummataa Oromoo, Amaaraa fi Geedi’oo ilaalchisee tarkaanfiin loltoonni mootummaa fudhatan wal madaalaa ture jechuun mana marii bakka bu’oota ummataaf dhiyeesse fudhatama kan hin qabne ta’u paartiileen beeksiisaniiru.
Tarkaanfiin ajjeechaa loltoonni mootummaa lammiilee nagaa irratti raawwatan kun qaama walaba qulqullaa’u qaba jedhaniiru.
Mootummaan lammiilee du’anii fi qaamasaanii hir’ateef beenyaa gahaa akka kaffalu, loltoota mootummaa tarkaanfii seeraan oliitti fayyadaman fi hoggantoota ajaja kennuun lammiilee nagaa ajjeechiisan hatattamaan seeratti akka dhiyeeffaman gaafataniiru.