Paartiin Itoophiyaa bitaa jiruu Heera Mootummaa fi Dhimma Hidhamtoota Siyaasa irratti marii gochuu akka hinbarbaanne Ibseera.

Biyyaatti rakkoo Siyaasa mudate keessaa baasuuf ADWUI paartiilee mormitoota wajjiin dhimmoota adda addaa irratti akka mari’atu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Ajandaa marii qopheessuuf partiileen siyaasa marsaalee gara garaan mari’achaa kan turan yoo ta’u, paartiileen mormitoota tokko tokkoo immoo marii marsalee muraasa irratti erga hirmatanii booda keessaa bahaniiru
Partiileen moritoota miseensoota fi deeggartoota baay’ee qaban kan akka Madraak ADWUI haalduree isaan dhiyeessan fudhachuuf fedhii waan hin qabneef marii kana keessa bahaniiru.
Paartiileen mormitoota marii kana itti fufaan 16 wixinee ajandaa marii 13 dhiyeessaniiru
Wixinee Ajandaa marii paartiileen mormitoota 16 dhiyeessan kana mirkaneessuuf marii waxabajjii 12 bara 2009 gaggeeffameen ADWUI ejjannoo isaa beeksiseera.
Haaluma kanan Addi Dimokrataawa Waraqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) dhimmoota Heera mootummaa Foyyeessuu, Daangaa fi Hidhamtoota Siyaasaa ilaalchisee paartiilee mormitoota wajjiin akka hin mari’ane beeksiseera.
Yaada keeyyattoonni Heera Mootummaa tokko tokko akka foyya’aniif paartiilee mormitoota dhiyeessaan ADWUI akka hin fudhane beeksiseera.
Kana malees Paartiileen Mormitoota Hidhaa , Ukkamsaa fi Cunqursaa miseensoota isaanii irra gahaa jiru ilaalchisuun ajandaa marii ta’ee akka dhiyaatuuf dhiyeessaaniis ADWUI akka hin fudhane beeksiseera.
Itoophiyaa keessatti miseensoonni paartiilee mormitoota yookan Gaazexxeessaan badii tokko malee hidhame hin jiru jechun bakka bu’aan ADWUI mormaniiru
Waliigalaatti ADWUI dhimmoota Seeraa Filannoo foyyeessuu,Labsii Farra Shororkeessummaa, Dhaabbilee Mit-Mootummaa, dhaabbilee sab-qunnamtii fi kan biroo irratti qofa akka mari’atu beeksiseera
ADWUI dhimmoota murteessaa akka Heera mootummaa Foyyeessuu, Daangaa fi Hidhamtoota Siyaasa hin mari’adhu jechuun durumaa marii kanaatti amanee osoo hin taane galtee siyaasaa biyyoota dhihaaf itti fayyadamuuf akka ta’e himameera .
Paartiileen Mormitoota miseensoota fi Deeggartoota baay’ee qaban kan akka Madraak fi Saamaayaawwii marii marsaa jalqabaa erga hirmataanii booda dhiisanii bahuun kan yaadatamudha.