Oromiyaatti jiraattootni kumaatamaan lakkaa’man hidhamaa jiraachuun himame.

Bitootessa 31/2016

Oromiyaatti jiraattootni kumaatamaan lakkaa’man hidhamaa jiraachuun himame.

Mormii Oromiyaatti gaggeefamaa jiruun wal qabatee dhihoo kana dabalataan namootni kuma sadii ol magaalota garaagaraa keessaa hidhamuu isaanii kongirasiin federaalistii oromoo beeksise.

Torbee darbe akka biyya keessaa hin baane kan dhorkamanii fi dura ta’aa kongirasii kan ta’an Dr. Mararaa Guddinaa hoggantootni mootummaa ajjeechaa fi hunkuramiinsa uumameef yeroo dhihoo dhiifama gaafatus hidhaan cimee itti fufuu isaa gaaffii fi deebii saatalayitii televizyiin Itoophiyaa waliin taassisaniin dubbataniiru.

Hidhaan kun wallaggaa, Amboo, Arsii, Harargee Lixaa fi magaalota naannichaa biroo keessatti raawwatamuu isaa Dr. Mararaan himaniiru.

Namootni dhihoo kana hidhaman kumni sadii yeroo ammaa haalli isaan irra jiran kan hin beekamneefi maatii isaanitiinis dubbifamuu akka hin dandeenye himaniiru.

Mormii uummata Oromiyaa Ilaalichisee Kibixata televizyiinin Feransaay gabaasa dhiheesseen mormiin naannichaa cimee akka itti fufuu fi uummatni naannichaas sodaa keessa jiraachuu isaanii gabaaseera.

rakkinni kun cimee itti fufuu isaa kan mirkanneessan Dr. Mararaan jiraattota biratti mufii uumee kan ture tarkaanfiin humnoota tika mootummaa ammas magaaloota garaagaraa keessatti akkuma itti fufetti jiraachuu himaniiru.
Moormiin Oromiyaa xiyyeeffannaa addunyaa argatee jiru yoo xiqqaate darbuu lubbuu namoota 400 oliif sababa kan ta’e yemmuu ta’u, namootni lakkofsi isaanii haalaan hin beekamne reebicha hamaa fi dhiitamuu mirga dhala namummaa irratti raawwatamuu isaa dhaabbatni mormitoota mirga dhala namummaa fi bakka bu’ootni partilee siyaasa ibsaniiru.

Hoggantootni mootumaa mormiin kun furmaata argateera jedhanis hanga ammaatti bakkeewwan garaagaraatti itti fufee jiraachuu isaa ragaan biyyaa argame ni mul’isa.