Oromiyaa keessati Mormiin Gabaa lagachuu guyyaa sadaffaaf ittifufe jira.

Mormii gabaa lagachuu guyyoota shaniif turu kana wajjiin walqabatee magaloota Oromiyaa hunda keessattti manneen daldalaa guyyaa sadaffaaf kan cufaman yoo ta’u tajaajil geejjibaas akka addaan cite jirattoonni himaniiru.
Tajaajili geejjibaa kun magaloota naannoo Oromiyaa qofa osoo hin taane, kallattiiwwaan biyyaatti arfanii gara magaalaa Finfinnee kan imalaniis addan citeera.
Konkolatoonni magaala Finfinneetti gara magaloota naannoolee hunda deemaan Pooliisiin marfamanii yoo ta’e malee socho’uu akka hin dandeenye himameera.
Bulchiinsa Magaala Finfinneetti buufanni konkolaataaa Askootti namoonni baay’een tajaajila geejjibaa dhabanii rakkachaa akka jiraniis ragaaleen ni mul’isu.
Qeerroon Oromiyaa labsiin laguu gabaa kun osoo hin jalqabamne tajaajilli geejjibaa addan waan cituu fi akkasumas manneen daladalaa waan cufamaniif jirattoonni duraasnii akka qopha’aan waamicha dhiyeessa ture.
Magaloonni Oromiyaa mormii gabaa lagachuu wajjiin walqabatee sochiin tokkolee waan hin jireef kan namni keessa baqate akka fakkatan jirattoonni dubbataniiru.
Ergamtoonni mootummaa waayyaannee manneen daldalaa samsuu fi konkolattoota tajaajila geejjiibaa kennu didanirraa lakkofsa gabatee hiikaa akka jiran himameera.
Mormiin kun Hidhamtoonni Siyaasa Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa fi Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee kan biroo badii tokko malee hidhaman akka gadi dhiifaman gaafachuuf jedhameera.
Akkasumas gibiri humna olii, weraara Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee fi tarkaniiffiin gandoota Oromiyaa kutanii naannoo Sumaaleef kennuu hatattamaan akka dhaabbatu gaafachuuf mormiin laguu gabaa akka labsame ni yaadatama.
Tikoonni Mootummaa waayyaannee mormii laguu gabaa oromiyaa karaa nagaan gaggeeffamaa jiru kana xureessuuf tooftaa isaanii barameetti fayyadamu akka jalqaban himameera.