Omishaalee Kaampaniiwwaan waayyanneetti fayyadamuu dhiisuu ammas cimee itti fufeera.

Ummanni Amaaraa tarkaniifii omishaalee kampaaniiwwaan fi qabeenya waayyaanneetti hin fayyadamnu jedhee jalqabee cimsee itti fufeera. kun immoo qabeenyaa waayyaannee akka malee miidhaa jedhame
Ummannii Amaaraa magaaloota gurguddoo naannichaa keessa jiraatu qabeenya waayyaannee kan akka Biiraa Daashiin , Biiraa Raayyaa , Simintoo Masaboo fi Baasii salaamiitti fayyadamuu dhiisuun ijaannoo isaa cimseera
Baasiin salaam jedhamuu tajaajila geejjibaa biroo irratti miidhaa qaqqabsiisuun damee geejjibaa olantummadhaan dhunfaachuuf tattaafachaa turee. Yeroo amma garuu tarkaaniiffi ummanni itti fayyadamuu dhiisuu fudhateen miidhamaa akka jiru ogeessonni damee gaajjibaa irratti boba’an ESATitti himaniiru
Baasiin salaam guyyaatti Finfinneedha gara magaaloota naannoo Amaaraatti duraan yeroo torbaa ol imalaa turee yeroo ammaa gara sadii gadi bu’eera . Magaloota akka Gondor,Bahaar-Daarii fi Dabra Marqoosiitti nama tokkoo osoo hin feene duwwaa deddebi’aa akka jiru himameera
Tajaajila geejjibaa magaalaa Gondor Gara Finfineetti baasiiwwan afur kenna turee. Amma garuu baasii tokkoo qofaan tajaajila kennuuf yaala jiras jedhameera. Tibbaana immo magaaloota sadii keessaa nama 10 qofa fe’ee gara finfinnee akka deeme namooni argan dubbataniiru.
Ummanni naannichaa qabeenya waayyaanneetti fayyadamuun humna maallaqaa gabbisneef rasaasa Ijoolleen keeenya itti du’aan hin binnuuf jechuun waada galeera. Ummaanni Naannoo Amaaraa yeroo amma kanas waada qabeenya waayyaannetti hin fayyadamnu jechuun galee cimsee itti fufeera.