Oditii Wajjiiraalee Naannoo Oromiyaatti bara 2009 taasifameen hanqinni birri biiliyoona lama fi miiliyoonaa dhibba torba akka argame Oditarri Muummee naanniichaa beeksiseera

Wajjiirri Oditii Muummee Oromiyaa gabaasa raawwii oditii bara bajeeta 2009 fi hojii bara 2010 hojjachuuf karoorfate tibbaana miseensoota Caffeef dhiyeeseera
Oditii bara 2009 wajjiiraalee Mootummaa naanniichaa 320 irratti taasiseen hanqinna birrii Biiliyoona lama fi miiliyoonaa 700 akka argame Oditari Muummee naannichaa gabaasa dhiyeesseen beeksisera.
Bara 2009 waajjiraalee Mootummaa 600 irratti oditii gochuuf karoorfame keessa kan 428 oditii akka taasifamee Oditari Muummee Obboo Elemaa Qeephee miseensoota caffeetti himaniiru
Bara 2009tti oditii wajjiiraalee mootummaa Naannoo, Godinaa fi Aanaalee 320 irratti taasifameen Birriin biliiyoona 2.7 argameera
Haaluma kanan birriin miiliyoona 400 fi miiliyoonni 14 magaala Adaamaa, Sabbataa, Laga xaafoo-laga dadhii akkasumas Abbaa Taayitaa Galiiwwan Aanaa Sabbataa Hawaas irratti hanqinaan akka mul’ate himaniiru
Haali hojii Baasii dhaabbilee mootummaa naannichaa keessatti mul’atu hannaa fi malanmaltummaaf kan saaxilame jedhameera.
Haala Hojimaata kanan hanqinni birrii miiliyoona 600 fi miiliyoonni 28 akka aragame Obboo Elemaan himaniiru.
Hanqiinni Maallaqaa kun immoo Biiroo Aadaa fi Turuziimii Oromiyaa, Bulchiinsa Gamoowwaan Oromiyaa,Wajjira Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Lagaxaafoo laga dadhii irratti argame jedhan
Bulchiinsa Magaala Boqqojjii fi Wajiirri Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Harargee Bahaas keessatti akka argaman gabaasa kanarra hubatameera
Waajjiraalee Mootummaa Godina Iluu-Abbaa- Booraa, Godina Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa akkasumas dhaabbanni Raadiyoo fi Televizhiinii Oromiyaa fi Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Umammaa maallaqaa seeraan alaa fi ragaa amansiisaa malee baasii gochusaanii mirkana’eera
Bifuma kanan maallaqni ragaa amansiisaa malee seeraan ala bahii ta’e birri miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 51 hanqinaan wajjiraalee kanniin irratti argameera.
Mashinaroonni Sagantaa ijaarsa daandiif jedhamanii Koorporeshiinii Siibilaa fi Injinariingii jeneraloota Waayyaannee irra birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona lamaan bitaman aanaaleef kennamuu isaanii Sanadii mirkaneessu argamuu akka hin dandeenye himaniiru.
Bara 2009 keessa Maallaqani misoomaa Naannoo Oromiyaa baay’inaan gara durgoo loltoota Agaaziitti akka jijjiirame ragaaleen biyyaa nu gahan ni mul’isu.
Maallaqaa Ummataa naannichaa jeneraloota fi loltoota Agaaziif kennameera hafe immo ragaa dhoksuun qondaltoonni Mootummaa naannichaa saamaa akka turan keessa beektoonni himaniiru