Namoonni 21 qabeenya Ummataa fi mootummaan mancaasan jedhamanii shakkaman himataman

Namoonni 21 Ministeera Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee fi Pirojektii Ijaarsaa warshaa Shukkaara Oomoo Kuraaz lakkofsa shanii fi dhaabbilee biroo keessa wayita hojjataa turan Qabeenya Ummataa fi mootummaa mancaasan jedhamanii shakkaman himataman
Mannii Murtii olaanoo Federaalaatti ramaddiin dhadacha lammaaffaa namoota Afur galmee ministirri Deetaa Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdeeobboo Alamayyoo Gujoo jalatti himataman wabii birrii kuma 10 hanga kuma 20n akka gadhifaman murteesseera.
Shakkamtoonni sadi immoo dhimmii isaanii gara ragaa bahuutti jijjiirame mana hidhaati akka gadi dhiifaman murteesseera
Shakkamtoonni mirgi wabii eyyamameef Doktoor Warquu Alamuu, Yoonaas Marawii, Taxaaq Dabaalqee fi Tamiraat Amaaree akka ta’an himameera.
Abbaan Alangaa federaalaaa Shakkamtoonni galmee kana jalatti himataman Dagguu Laaqaaw, Tafarii Faantaa fi Tiijaan Abbaa Gojjaam dhimmii isaanii gara ragaa bahuutti akka jijjiiramu waan gaafateef mana hidhaati gadidhiifamaniiru
Hoggaanan duraanii Pirojektii Shukkaara Oomoo kuraaz lakkofsa shanMasfiin Malkaamuu fi Birgadeer Jeneraal Ifireem Baangee galmee kana jalatti kan himataman ta’uun ni yaadatama.
Abbaan Alangaa dhimmii isaanii gara ragaa bahuutti akka jijjiiramu waan gaafateef mana hidhaati bahuun isaanii ni gabaafameera.
Shakkamtoonni kun qabeenya mootummaa fi ummataa fayeeda dhuunfaa isaaniif oolchuun birrii miiliyoonnaa hedduu akka mancaasan galamee himaannaa Abbaa Alangaa irra hubatameera.
Namoota malaanmaltummaa shakkamanii himataman kanniin keessa hiryaa qondaalticha wayyaanee Abbaay Tsahaayee kan taate ,Saleem Kabbadaakeessa akka jirtu beekameera.