Nageeny lammiilee Itoophiyaa yaman keessa jiranii soodachiisa akka ta’ee dhaabbanni Mootummooata Gamtoomaanii beeksiisera

Dhaabbanni Koluu Galtoota Addunyaa Lubbuu lammiilee Itoophiyaa Yaman keessa jiran baraaruuf dhiyeenya duulaa jalqabuus sababa waraana biyyaatti keessatti jirun baqatoota bahuu barbaadan baasuu akka hin dandeenye beeksiiseera.
Ji’a darbee lammiilee Itoophiyaa Biyyaa Yaman jiran 150 baasee dhaabbatich beeksiisera.yaa ta’u malee humni waraana mootummaa magaala guddoo biyyaatti Sana’aa too’aatee jiru humnaan baqattoota biyyaa baasaa akka jiru himeera
Dhaabbileen sab-qunamittii biyyaa Yaman garuu Dhaabbanni Kooluu Galtoota Addunyaa duula baqattoota humnaan baasuu irratti hirmaatee jira jichuun gabaasuun isaanii ni yaadatama.
Dhaabbatich tarkaniiffii lammiilee Itoophiyaa humnaan Yaman keessa baasuuf fudhatamee kamuu keessatti qooda akka hin qabne ibsaa baaseen beeksiisera.
Seerii Dhaabbata kooluu-galtoota Addunyaa baqattoota gara biyyaa isaaniitti humnaan akka deebi’an dirqisiisuun ni dhorka jedheera.
Lammiileen Itoophiyaa fedhii mataa isaaniitiin deeggarsa dhaabbatichaan gara biyyaa akka deebi’aan beeksiiseera.
Bara darbe qofa lammiileen Itoophiyaa kuma 10 deeggarsa dhaabbatichaatiin gara biyyaatti akka deebi’aan beekameera.
Akka gaabaasa dhaabbatichaatti bara faranjoota xumuramaa jiruu kanatti, lammiileen Itophiyaa kuma 90tti dhiyaatan gara biyyaa Yaman waraana wal wajjiin unkuramaa jirtuutti akka baqatan beeksiiseera
Lammiileen Itoophiyaa kumatamaatti lakkawaman Lola wal wajjiin biyyaa Yaman jiru jala bahuuf yaalaniis waan hin milkofneef lubbuun isaanii balaaf akka saaxilame dhaabbanni Kooluu Galtoota Mootummoota Gamtoomanii Beeksiiseera.