Naannoon Oromiyaa fi Somaalee murtii sagalee ummataa Riifarandamii bara 1997 hojiirra oolchuuf waliigaltee mallateessuu isaanii gabaafameera.

Pirizedaantoonni Naannoolee lamaanii murtii sagalee ummaata naannoolee barbaadanii jalatti buluuf bara 1997 murteeffatan guutumaa guututti hojiirra oolchuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Pirizeedaantonni naannolee lamaanii waliigaltee murtii ummataa bara 1997 gaggeeffame bu’uureffachuun gandoota hin daangeeffamne daangessuuf waliigalaniiru.
Rakkoo nageenya daangaa naannoo Oromiyaa fi Sumaalee hiikuuf riifarandamii bara 1997 geggeeffameen daangaa gandoota 147 daangeesuudhaaf walii galteen mallateeffameera.
Riifarandamii bara 1997 kana duraan naannooleen laman gandoota 420 irratti gaaffii abbuummaa irratti waliigaluu akka hin dandeenye ni yaadatama.
Rakkoon kun murtii sagalee Ummataan furmaata akka argatuuf jecha Riifarandamii bara 1997 gaggeeffameen gandoonni 320 naannoo Oromiyaatti jalatti buluuf murteeffachu isaanii kan yaadatamudha.
Gandoonni hafan 80 immo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sumaalee jalaatti buluu filachuun isaanii ni yaadatama.
Riifarndamii kanan boodaa Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee daangaa babal’ifachuun yeroo gara gara gandoota naannoo Oromiyaa daangaa naannoolee lamaniirra jiran weeraaruun lubbuu namoota baay’ee galafataniiru.
Miseensoonni Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee gandoota Oromiyaa humnaan weeraaraniitti manneen jireenya gubuu,nama ajjeessuu,qabeenya argatan saamaanii fudhataniiru.
Akkasumas Liyyuu Pooliisiin saba Oromoo ukkamsanii fudhachuu fi daangaa Oromiyaa keessatti aalaabaa naannoo Sumaalee akka fanniisaan jiraattoonni himaniiru
Yeroo dhihoo asi miseensoonni Liyyuu pooliisii meeshaalee waaraanaa gurguddoo hidhatanii fi loltoota mootummaan deggaramaan weeraarri daangaa babal’ifachuun jecha jirattoota naannoo daangaa Godinaalee Harargee Bahaa fi Dhihaa, Baalee, Gujii fi Boraanaa rakkisaa jiru.
Jirattoonni gandoota Oromiyaa daangaa irra jiraatanii weeraara liyyuu pooliisii kana mootummaan Federaalaa akka deeggaruu fi mootummaa naannoo Oromiyaas furmaata isaanii fiduu akka hin dandeenye waan hubataniif tokkummaa isaanii cimsachuun ofiirra qolachaa jiru.
Waliigalteen kun qabxiilee 13 of keessaa qaba jedhameera. Waliigaltee kanas gara hojiitti jijjiiruun ji’oota 3 keessatti xumuramee daangaan bulchiinsaa ummataatti himuuf waadaa galaniiru.
Miseensoota Liyyuu Pooliisii namoota nagaa ajjeessaan, mana jireenya namoota nagaa gubaan,dhaabbiilee misooma barbadeessan, qabeenya samaanii fi barbadeessan seeraatti dhiyeessuu ilaalchiisee garuu naannoolee lamaanuu waan jedhame hin jiru.