Naannoo Sumaaleetti dhibeen Garaa kaasaa fi haqqee lubuun namoota 700 ol akka gaalafate Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Mootummaan Itoophiyaa Dhibee Garaa kaasaa fi haqqee lubbuu jirattoota naannoo Sumaalee balaaf saaxile kana dhibee koleeraa miti jechuun mormaa jira.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gamasatiin, dhibeen garaa Kaasaa fi haqqee nanniichaatti namoota baay’ee ajjeessa jiru kun dhibee Koleeraa akka ta’e bu’aa qorannoo Labratooriitiin akka mirkaneeffate Gaazexxaan Newyork Times gabaaseera.
Yaa ta’u male, dhaabbatich dhibee Garaa kaasaa fi haqqee jedhe ibsu kanan ji’oota arfan darban qofa namoonni 776 akka du’ana gabaasa baaseen beeksiseera.
Naannoo Sumaaleetti namoonni kuma 32 fi 689 dhibee kanaaf akka saaxilaman beekameera.
Naannoo Sumaalee irra caalaan balaa hongeef kan saaxilame yoo ta’u, weraarri dhibee garaa kaasaa fi haqqee dhibbentaa 91 naannoo kana keessatti akka mudate himameera.
Itoophiyaatti sababa dhibee kanan namoota lubbuu isaanii dhaban keessa dhibbenta 99 naannoo Sumaaleetti akka ta’e dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii beeksiseera.
Mootummaan Itoophiyaa dhibeen kun koleeraa akka hin jedhamneef dhaabbilee Gargaarsa namoomaa irratti hirmaatan jiran akeekkachiisaa akka ture gaazexxaan Newyork Times gabaaseera
Naanniichaatti dhibee garaa Kaasaa fi haqqee balaa gudda akka qaqqabsiise dhaabbilee gargaarsa himaniiru
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ganasatiin, lakkofsi namoota du’aanii kun gabaasa ji’aa Amajjii hanga Bitoteessa jiru qofa akka ta’e beeksiseera.
Qondaltoonni Mootummaa dhibeen kun namoonni akka miidhamaan himuu malee namni meqaa sababa dhibeetiin akka du’aan ifatti waan dubbatan hin jiru.
Gabaasa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lakkofsa namoota sababa dhibee kanan du’aan ilaalchisuun baasee irratti mootummaan Federaalaa fi naannoo deebiin kennan hin jiru.