Naannoo Oromiyaatti Mormiin Ummataa Bifa adda addaan cimee itti fufeera.

Mootummaan Abbaa Irree Itoophiyaa loltoota Agaazii abdachuun komii ummata waan hin dhageenyeef daldaltoonni naannoolee Oromiyaa manneen daldalaa isaanii cufuu fi eyyama daladalaa deebisuuf dirqamaa jiru.
Mormii tilmaama Gibira galii guyyaa humna ol mormuun jirattoonni fi daldaltoonni magaalaa Amboo, Gudaar , Geedoo, Baakkoo Tibbee Gincii fi Walisoo manneen daldalaa isaanii cufuun gibira humna ol itti fe’ame mormaniiru.
Magaalaa Amboo fi Wallisootti manneen daldalaa hundi kan cufaman yoo ta’u, tajaajili geejjibaa magaalaa keessaa hundi addaan citeera.
Imaltoonni iddoo adda addaa deemuu barbaadan buufatalee konkolaata keessa abdi kutachuun dhaabbachaa akka olaan ragaaleen ni mul’isu.
Tajaajilli Geejjibaa Finfinnee gara Wallaaggaa akkasumas Wallaaggaa gara Finfinnee akka hin jiree fi Buufata Konkolaata Askootti namoonni baay’een konkolaata eeggachaa akka jiran oduun biyyaa keessa nu qaqqabee ni mul’isa
Bifuma walfakkatuun tajaajili Geejjibaa Jimmaa gara Finfinnee akkasumas Finfinnee gara Jimmaa deemuu mormii jirattoota fi daldaltoota magaalaa walisootiin addaan citeera.
Mormiin Daldaltoota fi Jirattoota naannoo Oromiyaa kun magaaloota akka Bulee Horaa, Kofalee, Shashamannee fi magaloota Oromiyaa hunda keessatti bifa adda addaan itti fufeera
Qondaltoonni Mootummaa Oromiyaa ergama Waayyaannee raawwachisaan daldaltoota walgahii waamuuf waraqaa beeksiisaa bakka adda addatti maxxansaa akka jiraniis dhaga’ameera.
Waliigalaatti magaaloonni Oromiyaa baay’ee keessatti manneen daldalaa kan cufaman yoo ta’u, tajaajili bittaa fi gurgurataa sadarkaa dhaabbachuu irra gahaa akka jiru himameera.
Magaaloota tokko tokko keessatti immoo ergamtoonni waayyaannee daldaltoota walgahiif waamaanii waliigaltee irra gahuun waan dadhabameef daldaltoonni eyyema daldalaa deebiisuuf jedhameera.
Mootummaan Waayyaannee Gaaffii fi mirga jirattoota humnaan ukkamsuuf loltoota Agaazii dabalataan gara magaaloota naannoolee Oromiyaatti bobbasaa akka jiru himameera.