Naannoo Oromiyaatti labsii Yeroo hatattaamaa labsame wajjiin walqabatee namoonni kuma 70 ol hidhamuusaanii gaabafameera.

Labsii yeroo hatattaamaa labsamee wajjiin walqabatee naannoo oromiyaatti yeroo dhiyeenya asi namoonni kuma 70 ol hidhamuusanii hoggansi kongraasii Federaliistii Oromoo Obboo Mulaatuu Gammachuu Asosheetiid Piireesiitti himaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa duulaa labsii hatattaamaatiin namoonni kuma 21 ol akka hidhaman beeksiisee ture. Yaa ta’u malee dhaabbileen mirga namoomaaf falmanii fi keessa beektoonni lakkofsi namoota hidhamanii dachaan caaluu akka danda’u ni dubbatu.
Manneen hidhaa baay’een yeroo amma namoota maqaa labsii yeroo hatattaamaa jedhuun hidhamaniin guuttamanii akka jiran obboo Mulaatuun himaniiru. Manneen jireenya dhuunfaa hundi gara mana hidhaatti akka jijjiraman Asosheetid piireesiitti himaniiru
Mormii Ummata oromoo waggaa tokkoof cimee itti fufeen namoonni 600 loltoota mootummaan akka ajjeeffaman dhaabbanni Human Raayiit Waach beeksiisuunsa ni yaadatama.Qondaltoonni mootummaa lakkosfsa namoota loltootan du’aan kana mormaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtomaanii dabalatee dhaabbileen mirga namoof falaman biroo lakkofsa namoota loltoota mootummaan ajjeeffamanii fi tarkaniifii mootummaan fudhate qaama walabaan akka qulqulla’uuf gaaffii dhiyeessan mootummaan Itoophiyaa fudhachuu diduun ni yaadatama
Bifuma walfakkatuun Mootummaan naannoo Oromiyaa maqaa dhiifaama jedhuun hidhamtoota kuma 10 mana hidhaatti akka gadhiisee miidiyaaleen biyyaa keessa gabasaniiru.
Hidhamtoonni kunniin Adabbii hidhaa cimaa umrii guutuu itti murtaa’e keessaa waggaa 13 fi sanaa ol kan hidhaman akkasumas hidhaa ji’a jahaa irraa kaasee hanga hidhaa waggaa 25 itti murtaa’ee keessaa harka 1/3 fi sanaa ol kan hidhaman ta’u miidiyaaleen biyyaa keessa gabasaniiru.
Hidhamtoota amma manneen hidhaa keessa maqaa dhiifaman akka gadhifaaman murt’ee keessa namoonni mormii Ummataa oromoo waggaa tokkoo guutuu mootummaa waayyaanee raasaa turee wajjiin walqabatee hidhaman akka keessa hin jire beekameera.
Mootummaan Oromiyaa namoota kanniiniif seeraa irraati hunda’uun osoo hin taanee manneen hidhaa fi giddu galii leenjii looltummaa namoota mootummaa mormanii hidhamanii waan cinqamaniif jedhameera.
Mormii Ummataa wajjiin walqabatee yeroo ammaa manneen hidhaa fi Giddu galii leenjii loltuummaa naannoo Oromiyaa keessa jiran hundi namoota godinaalee oromiyaa adda adda irraa yakka tokko malee qabamanii hidhamaniin akka guutaman hiameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas namoota duraan qabamanii hidhamaniif ammas sababa labsii hatattaama jedhuun hidhamaa jiraniif bakka aragachuuf jecha maqaa dhiifaman hidhamtoota gadhiisaa akka jiru keessa beektoonni himaniiru.