Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti warshaan leemmanii dargaggootaaf carraa hojii uumuuf birrii hedduun bitaman waggoota Afur hojii malee dhaabbatanii akka jiran gabaafameera

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa lixaa Aanaa Dirree Hincinniitti dargaggootaaf carraa hojii uumuuf warshaan leemmanii maallaqa hedduun bitame waggoota afuriif tajaajila malee dhaabbatee akka jiru miidiyaan mootummaa gabaaseera.
Ejensii Misooma Intarpiraayizii Maakroo fi Xixiqqaa Federaalaa duraanii amma immoo Ejansii Misooma Industiriiwwan Maanifaakchariingii Maayikroo fi Xixxiqqaa Federaalaa jedhamu dargaggootaaf carraa hojii uumuuf jecha waggoota afuriin dura Warshaa leemmanii kana dhaabun isaa ni yaadatama.
Dargaggoonni abdiin eegaa turaniis warshaan kun galtee siyaasa mootummaa ta’uu ala carraa hojii tokko osoo hin uumne waggoota arfan darban tajaajila malee dhaabbateera.
Bajeeta aanaa Dirree Hincinnii irraa Birriin kumi 800 fi kumni 57 Ijaarsa warshichaa fi hojii humna elektirikii diriirsuu baasii akka ta’e hogganaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Wabii Nyaataa Magaalotaa Aanaa Dirree Hincinnii Obbo Alamuu Abdiisaa himaniiru.
Warshaan kun yeroo amma tajaajila kenna kan hin jire yoo ta’u, eegumsa gahaa malee waan tureef balaaf saaxilama akka jiru obboo Alamuun dubbataniiru.
Qonnaan bultoota leemman omishanii warshichaaf dhiheessuuf omishuu jalqaban warshaan kun hojii nwaan hin jalqabnees rakkachaa jiru jedhameera
Bifuma walfakkatuun, Warshaan leemmanii Naannoo Amaaraa Aanaa Injibaaraatti dhaabbatees yaaliidhaaf omishuu jalqabe kan ture ta’uus,yeroo amma tajaajila tokkolee kenna akka hin jire himameera.
Warshaan Leemmanii tajaajila akka jalqabuuf qaama dhimmi isaa ilaallatu gaafatamaniis deebii abdii qabu argachuu hin danda’amne jedhameera.
Ejensii Misooma Industirii Maanifakchariingii Maakroo fi Xixiqqaa Federaalaatti, Daayirektarri Sibilaa, Mukaa fi Injinariingii Obbo Girmaa Dirribaa gamasantiin, Warshaan Dirree Hincinnii sadarkaa maalirra akka jiru odeeffannoon isaan gahe akka hin jire himaniiru.
Warshaan naannoo Amaaraa rakkoo garuu maashinii akka mudate odeeffannoo akka qaban fi ogeessi akka suphuuf ergamus suphuun hin-danda’amne jedhaniiru.
Warshaan Aanaa Dirree Hincinnii wayita dhaabbatu rakkoon humna Ibsaa akka ture Itti-aanaa Daayirektara Ejansii Carraa Hojii Uumuu fi Wabii Nyaataa Magaalotaa Oromiyaa Obbo Geetaachoo Galataa dubbataniiru.
Ammaa garuu rakkoon humna ibsaa kun akka furmaata argate Ejensiin Federaalaas ni beeka jedhan.
Qondaltoonni Mootummaa Federaalaa fi naannolee dhimmi isaan ilaallatu warshaa maallaqa hedduun bitaman kanniin tajaajila jalqabasisuurra tokko tokkotti quba qabuu malee yaada furmaata kennaa jin jiran