NAANNOO MAGAALAA FINFINNEE TTI KAROORRI LAMMIILEE MANNEEN JIREENYAA KHEEYSAA BUQQISUU AKKA DHAABBATTU SAMAGUUN IBSA BAASE

Naannoo magaalaa Finfinnee tti lammilee qe’ee jiraanyaa irraa buqisuun akka hatattamaan dhaabbattu dhaabni mirga namaaf dhaabbte hubachiise.
Qarqaara magaala Finfinnee nannoowwan akka Laaftoo fi Qarsaa kontoomaattii namoota mana jaarratanii jiraachaa turan, manneen seeran alla jaartan jechuudhan bulchiinsi magaala Finfinnee diiguu jalqabeeti jira.. Haala khanaan Gumiin mirga dhala namaa ibsaa hattamaa baasuun jiraattota hiree adda addaa argatanii manneen jaarratanii jiraachaa ilmaan guddifacha jiran qe’ee isaaniirraa buqqisanii dirretti facaasuun mootummaa biyya bulchaa jirturraa waan eeggamaatii miti jechuun itoophiyaan heera biyyaa tii fii waliigaltee sadarkaa adunyaatti mallateeysite ifumaaf digaa jirti jichuun SAMAGUUN dhaabni dur ISAmaguu ture hubachiise.
Qaamni mootummaa manneen diiguuf humna waraanaatiinn bobbaa tasisaniin lubbuun namootaa ajjeefamuun joolleen barnootaa ala tahuus ibsan. namoonni dhukkubsatan dirqiidhaan manneen kheeysaa arihamanii dhukkuba biraatiif saaxilamaa waan jiraniif mootummaan Itoophiyaa hattamaan furmaata akka barbaadu Samaguun iyyachaa jira.
Naannoo aanaa Boolee ganda warra ganuu ja’amutti jiraattota hedduu qe’ee jireenyyaa irraa akka godaansifamanii achi buuteen isaanii dhabamte Samaguun gabaasaa irratti hubachiisuun haalli lammiilee biyyaa irratti rawwatamaa jiru kun waan fudhatam hin qabne tahuu hubachiisan.qarqara nifaas silkii laaftoo qarsaa kontomatti jiraattota 19,246 sababaa manneen diiguutiin qe’ee jireenyaa irraa buqqifamanii dirretti faca’anii jiraachuus ibsan. haaluma walfakkaatuun iddoo takla haymanot ja’amturraa hiis namoota hedduu akka buqqaasan ibsa kheeysatti baasan.
Gumiin mirga dhalaa mootummaan lubbuu jiraattota ajjeefamtee tiis humna itti gaafatamtu akka mana seeraatiif dhiheeysitu ibsa irratti gaafachuun namoota seeran ala lafa fudhatanii mana jaarratan ja’aman odoo mana irratti hin diigiin akkatan manni jireenya bakka biraatti qophaahuf haala jiru sirreeysuu tu dursa jechuun bulchiinsi finfinneetis ta’ee dhabaatoonni gargaarsaa waan danda’aniin akka namoota karaatti bahan kanaaf dirmatan wamichaa dhiheeyse.