Naannoo Gambeellaatti rakkoon kenniniisa lafa qonnaa Invastimantii ilaalchisuun gabaasni koree wajjiira ministira muummeettiin dhiyaate abbooti qabeenya hunda kan hin hirmaachisne jedhameera

Abbootiin Qabeenyaa naannoo Gambeellaatti invasimantii qonnaa irratti bobba’an bu’aan qorannoo wajjiira muummeetiin dhiyaate abbooti qabeenya kan hin hirmaachisne fi dhugaa irraa kan faagate jechuun mormaniiru.
Abootiin qabeenya dhunfaadhaan baankoota irra birrii kan liqeeffatan ta’uus, bu’aan qoranichaa raawwii hojii isaanii dimishaashaan kan ka’ee jedhaniiru
Naannichaatti karaa seera- qabeessaan lafa fudhatanii mallaaqqa baay’ee ramaduun hojii jalqabuusaanii abbootiin qabeenyaa kunniin dubbataniiru.
Abbootii Qabeenya maallaqa liiqeeffatan akkasumas mashinaroota taaksii malee gara biyyaa keessa galchuun kaayyoo biraaf olchaan odda bahee tarkaniiffii irratti fudhatamuu qaba jedhaniiru.
Koree wajjiira ministira muummeetiin haala adeemsa kenniniisaa lafa invastimantii qonnaa wajjiin walqabtee jiru akka qoratuuf hundeeffamee adeemsich bu’aa tokko kan hin qabne ta’uu beeksiiseera.
Naannoo Gambeellaatti Abbootiin qabeenya 600 ol lafa hektaaraa 630 invastimantii qonnaatiif fudhachuun kan misoomsan garuu dhibbeenta 15 akka ta’aan tibbaana koreen kun beeksiiseera.
Naannoo Gambeellaatti abbooti qabeenya biyyaa keessaa invastimantii qonnaa irratti bobba’aa keessa dhibbentaan 75 saba Tigraay akka ta’aan himamaa tureera. Abbootiin qabeenya 200 Birriin biiliyoonni 4 kuma 900 liqeeffatan manca’uusaa qorannoon kun mirkaneesseera.