Naannoo Gaambeellaatti walitti bu’insi lammiilee cimaati jira.

Jiraattota Naannoo Gaambeellaatti fii baqattoota biyya suudaan kibbaa kan koola galtummaa argatanii naannoo Gambeellaa jiraatan jidduutti waldhabbii uumamteen namoonni 14 akka ajjeefaman jaarmayoonni gargaarsa adunyaa ibsan.
Baqattoonni biyya Suudaanii kanneen koola goltummaa argatanii biyya Itiyoophiyaa jiraatan sababaa konkolaataan tokko baqataa 2 ajeeseef jecha lubbuu lammiilee itoophiyaa 10 akka ajjeesanii nagaya eeyduun mootummaa namoota ajjeechaa kanaa waliin hidhata qaban ja’aman 30 hidhuun barame.
Walitti bu’insa torbaan dabre jalqabameen guyyaa sambaa fii dilbataa dabalatee namoonni 14 akka ajjeefaman gaazeexaan Ajaans Fraans pirees madda oduu gara garaa tilmaamuum gabaaseeti jira.

Rakkooleen gosa Anyuwaakii fii Nuweer jeddutti uumamte ammamllee daran itti fufaa akka deemaa jirtu Jaarmayooni gargaarsaa ibsaati jiran.
Konkolaataa qabeenya jaarmayoota gargaarsa biyya faransaawii tahe irratti balaan hamaan taasifamuun baqattoonni mooraa baqaatii dheeysanii akka hoteela naannoo tti dahannoo jala jiran Gaazeexaan Ajaans Fraans Pires kun hubachiise.
Balaa dhiheenya kana naannoo Gambeellatti gosa Murlee tiin taasefamteen jiraattonni gosa Nuweer qe’ee isaanii irraa akka baqachaa turan ni yaadatama.

Torbaan dabre Naannoo Gaambeellaat Gosti Murlee biyya Suudaan daangaa biyaa Itoophiyaa ceehanii lammiilee Itoophiyaa 230 oli ajjeesanii joollee 108 oli butanii horii beeyladaa kumaatamoota tti lakkawamu saamuun jiraattota 20,000 oli qe’ee jiraanyaa irraa gudaansisuun ni yaadatama.