Naannoo Amaaraatti Dhibeen Haqqee fi Garaa Kaasaa babal’ataa akka jiru himame

Naannoo Amaaraatti Aanaalee 35 keessatti dhukkubni Haqqee fi Garaa Kaasaa akka babal’ate himameera
Namoonni 15 weeraara dhukkuba haqqee fi Garaa Kaasaan qabamanii Hospitaala Addis Alam Magaalaa Bahaar-Daar jiruutti waldhanamaa akka jiran beekameera
Aanaalee naanniichaa 35 keessatti namoonni kuma tokko fi 229 weeraara dhibee Garaa Kaasaa fi Haqqee kanan qabamanii akka jiran Biiroon Eggumsa Fayyaa Naannoo Amaaraa miidiyaalee mootummaatti himeera
Weeraarri dhibee kun aanaalee 35 godinaalee naanniicha shan keessatti argamanitti akka mul’ate biiriichi beeksiseera. Garuu maqaa aanaalee kaniinn beeksisuu irra ogqusateera.
Namoota weeraara dhibee garaa kaasaa fi haqqee dhukkubsatan keessa kumni 1 fi 205 waldhanamusaanii himameera.
Naannoo Amaaraatti dhibeen Koleeraa bakka adda addaatti akka mudatee fi namoonni baay’een dhibee kanan lubbuu isaanii akka dhaban maddeen oduu ESATtti himaniiru.
Mootummaan naanniichaa fi federaalaa garuu weeraara dhibee koleeraa kana dhibee garaa kaasaa fi haqqee arifaachiisaa jechun lakkofsa namoota dhibee kanan du’aniis dhoksuu filataniiru.
Kun immoo Bulchiinsi biyyaatti lubbuu lammiileef akka hin cinqamne kan mul’isu jechun maddeen oduu himaniiru
Biiroon Eggumsa Fayyaa Naannoo Amaaraa jirattoonni weeraara dhibee kanaarra of-eeguuf qulqullina dhuunfaa fi naannoo isaanii yaa eegaan jechuu malee tarkaniiffii ittisaa cimaan fudhate akka hin jire ragaaleen naanniichaa nu gahan mul’isaniiru