Naannnoo Gambeellaatti Ogeessoonni Abbootii Qabeenyaaf Eyyama Invastimantii fi Kaartaa seeraan ala kennan adabaman

Naannoo Gambeellaatti ogeessoonni fi hoggantoonni Ejensii Invastimantii fi Bulchiinsa lafaa naanniichaa 10 abbootii qabeenyaa 28 oliif eyyama invastimantii fi kaartaa seeraan alaa kennuun himataman hidhaa waggaa 3 hanga shaniin adabamaniiru
Akka Himaannaa Abbaa Alangaa Koomishiinii Namuusa fi Malanmaltummaa naannichaatti, namoonni kunnin bara 2005 hanga 2009 eyyama invastimantii fi kaartaa hojimaata mootummaan ala kennaniiru.
Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Lafaa naanniichaatti ogeessi hojii kaartaa fi abbaan adeemsa hojiichaa obboo Hayilamariyaam Bahiiluu abbootii qabeenya 13f kaartaa seeraan alaa akka kennan miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru

Abbaa Taayitichaatti ogeessi Sistaamii Daataa obboo Abaraa Mirkanaa immoo abbootii qabeenya
4 kaartaa waliirratti kennuun himatamaniiru

Bakka bu’aan Hogganaa Itti Fayyadama lafaa fi Eggumsa Naannoo abbaa taayitichaa obboo Mabraatee Lammaa dabalatee ogeessonni 4 kaartaa lafaa 18 seeraan alaa akka laataan himameera.
Kana malees Hogganaan Ejensi Invastimantii Naanniichaa Obboo Ujuluu Miigoo haala hojimaata ala eyyama invastimantii abbooti qabeenya 28f kennuun himatamniiru

Bakka bu’aan hogganaa Ejensichaa obboo Kiiyadii Kiiyaang fi abbaan adeemsa hojii obboo Samsoon Dakiin dabalatee ogeessoonni 5 gocha kana keessatti hirmaatan jedhamuun himatamniiru
Bulchaan Aanaa Abooboo obboo Uusoo Ucaan seeraan alaa lafa kennaan jedhamuun abbaa alangaan himatamniiru
Ogeessoonni kunniin mataa mataan eyyama seeraan alaa lama ol kennuun akkasumas lafa naannoo ummattoota kibbaa keessatti dangeeffamee jiru kennuun himatamaniiru.
Mannu Murtii olaanoo magaalaa Gambeellaa himaannaa kana dhaaggeffacha erga ture booda obboo Boolaa Reek hidhaa waggaa shanii fi birrii 10,000n adabeera.

Bulchaan Aanaa Abooboo hidhaa waggaa 3 fi birri kuma 10 akkasumas maallaqni maqaa isaaniin baankii jiru birriii kumni 300 fi kumni 47 fi 531 akka dhaalamu manni murtichaa murteesseera.
Obboo Ujuluu Miigoo hidhaa waggaa 3 fi birri kuma 10 akkasumas maallaqni baankii qaban kumni 89 akka dhaalamu manni murtichaa itti murteesseera
Kan hafaan immoo hidhaa waggaa 3 fi birrii kuma 10n akka adabaman wayita itti murta’eera
Namoonni qabeenya maddi isaaa hin beekamne horatan jedhamanii himataman obboo Wandimuu Takkaa fi Tuut koor bilisaan gadidhifamu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Lafa Invastimantii naannoo Gambeellaa wajjiin walqabatee baankiin Misooma Itoophiyaa birrii Biiliyoona hedduu kisaaruun ni yaadatama.