Morokoottii Kampaaniin Sheek Mahammad Huseen Al-Amuddiin Boba’aa Qulqulleessuu Mana Murtiin akka diigamu itti Murta’eera

Morokootti Kampaaniin hojii boba’aa qulqulleessuu irratti bobba’ee kampaanii Samiir Gurupp jedhamu qofa. Kampaaniin Sheek Mahammad Huseen Al-Amuddiin Koraal Peteroliiyaam Holdinigiis jedhamu Kampaanii Samiir Girupp kana keessa gahee dhibbentaa 67 waan qabuuf olantummaa bulchaa akka ture gabaafameera.
Kampaaniin Samiir Gurupp Al-Amuddiin gahee dhibbeentaa 67 keessa qaban kun rakkoo maallaqaa isa muuddateen ji’a Adooleessa darbee jalqabee hojii dhaabeera. Mannii Murtii Morookoo rakkoo kana booda kampaaniich akka diigamuu murteessuu isaa Royitarsi gabaaseera.
Manni Murtii biyyaatti nama Kamapaaniicha diiguun adeemsa gurgurtaan gara qaama biraatti dabarsuu hordofu akka muudamu murteseera
Kampaanii kun hanga gurguramuutti hojii jalqabsiisuuf yaalamuus milka’uu hin dandeenye jedhameera. Kampaaniich hojii jalqabuu kan hin dandeenyeef dhaabbilee kuusaa boba’aa hin qulqullofne dhiyeessaniif waan dhabeef akka ta’e gabafameera.
Kampaaniin Al-Amuddiin Kooraal Peteroliyeem Holdinigiis jedhamuu kampaanii Samiir Gurupp akka hin diggamneef baankoota fi dhaabbilee boba’aa qulqulleessuu irratti boba’aniira maallaaqa liiqiin akka argatuuf tattafachaa turus akka hin milkoofneef himameera.
Mootummaan Morookoo Kampaaniin Samiir Gurupp taaksii dolaarii biiliyoona tokkoo fi miiliyoona 34 akka hin kaffalee beeksiisera. Kana malees kaffaltiin kuusaa maallaqaa Biiliyoonaa 4 ol waan irra eggamuuf akka gurguramu murteffamuusaa beekameera.
Sheek Mahammad Huseen Al-Amuddiin kampaaniin kun akka hin gurguramneef gara maatii Mootoota Suud -Arabiyaatiin Mootii Morookoo dabalatee qondaltoota olaanoo Morookoo kampaanich akka hin gurguramneef gaafachisaniis yaaliin isaanii akka hin milkoofne gabaafameera.