Mormiin Jirattoota Magaaloota Shawaa Lixaa wajjiin walqabatee Daldali fi Geejjibiin akkuma addaan citeetti jira.

Hogganoonni Paartii Kongiraas Federalaawa Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa fi kan biroo manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jiran halduree tokko malee akka gadi dhiifaman gaafachuun jirattoonni magaala Amboo, Giincii, Mogoor fi Gudaar manneen daladalaa cufaniiru.
Mormii magaloota kanniin wajjiin walqabatee manneen daldalaa kan cufaman yoo ta’u, konkolattoon geejjibaa hojii dhaabaniiru
Buufatalee Konkolattoota Askoo, fi Amboo dabalatee namoonni gara Wallaaggaa imalan tajaajila geejjiba akka dhaban gabaafameera
Mootummaan Labsiin yeroo hatattamaa akka kaafame himamuus Oromiyaan bulchiinsa Waraanaa Jeneraloota Waayyaanneen hogganamu jala waan jirtuuf hidhaa fi reebinsii akka cime jirattoonni dubbataniiru.
Humni Waraanaa biyyaatti naannoo Oromiyaa keessatti namoota lamaa fi lama ol ta’an karaa irra deeman gaaffii tokko malee reebuu, dararuu fi soodachisuun waan hin dhaabneef mormiin jalqabame cimee akka itti fufu himameera.
Kana malees, tarkaniiffii mootummaan maqaa tilmaama gibira galii guyyaa jedhun daladaltoota irratti humna ol fe’ees akka mormaan jirattoonni dubbataniru.
Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko ol ture wajjiin walqabatee daldaltoonni manneen daldalaa isaanii cufanii laguu gabaa irratti hirmaatanii ture.
Tarkaniiffi daldaltoonni ummataa isaanii maddi dhaabbachuun bara darbe fudhatan haalo bahuuf tilmaama gibira galii guyyaa humna ol daldaltoota irratti akka fe’e jirattoonni dubbataniiru.
Magaalaa Amboo, Giincii, Gudaar fi Mugaar keessa loltoonni Agaazii baay’inaan dhalatoota Tigraay qofti keessa jiran Uffata Pooliisii Oromiyaa uffachuun magaalaa keessa fiigaa akka jiran ragaaleen ni mul’isu.
Gochi Sukkanneessaan Mootummaan waayyaannee ummata Oromoo irratti raawwata jiru hanga dhaabbatuu fi mirgi abbaa biyyummaa ummata Oromoo hanga mirkana’uutti qabsoo jalqabame bifa hundaan akka itti fufu himameera
Dhiyeenyaattis Dargaggoota Baadiyaa fi Magaloota Oromiyaa hunda hirmachiisuun hiriira nagaan gocha gita bittaa mootummaa waayyaannee akka mormaan dargaggoonni Godinaalee lamaan waamicha dhiyeessaniiru.