Mormii Ummaataa cimaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti jalqaamee sochii invastimantii alaa irratti rakkoo guddaa qaqqabsiisa akka jiru himaameera.

Mormii Ummaataa cimaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti jalqaamee sochii invastimantii alaa irratti rakkoo guddaa qaqqabsiisa akka jiru himaameera. abbootin qabeenya biyyoota alaa kanan booda qabeenya isaa gara Itophiyaatti fidaanii hojii Invastmantii irratti bobba’uuf akka rakkatan dhaabbanni gorsaa balaa ganfaa Afriikaatti hojjatuu beeksiiseera.
Abbootiin qabeenyaa haaroofti gara Itoophiyaa deemaanii hojii invastimantii irrattii bobba’uuf akka rakkatan beeksiisera. kan kanan duraa hojii invastimantii irratti bobba’anii jiran immoo hojii invastimantiin Itoophiyaa keessa ni turu moo gadi dhiisanii bahuuf ni murteessu kan jedhu hanga ammaa waan beekamu akka hin jiree gaazexxaan Waashingtan post (washington post) gabaasera.
Diingdeen Itoophiyaa irraa caalaan qonnaa irratti kan hunda’ee yoo ta’uu, misoomaa industirii kan akka Uccuu, Abaaboo kuduraa fi muduraa akkasumas industriiwwaan xixxiqqoo babal’isuuf abbooti qabeenyaa biyyoota alaa hawwachuuf fedhii guddaa qabdi
Moormii Ummataa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa wajjiin walqabatee warshaaleen fi Qonni Abaaboo abbootii qabeenyaa biyyoota alaa namoota mormiif bahaaniin hangi tokko barbada’uun isaa ni yaadatama. warshaalee fi qonni abaaboo baay’een abbooti qabeenya biyyoota alaa Lafa qonnaan bulaa irraa humnaan fudhatamee irraatti kan hundeeffaman akka ta’ees gazeexxaan waashingtoon poost gabaaseera.
Ministirri dhimmoota komunkeshiinii duraanii obbo Geetachoo Raddaa labsii yeroo hatattaamaa labsameen invastimantii abbooti qabeenyaa badii irraa itisuu dandeenyee jirra jedhaniis looltoonni mootummaa meeshaa waraanaa gurguddaa hidhatan qabeenya abbooti qabeenya biyyoota alaa eegaa akka jiran gaazeexxaan Waashingtoon poost gabaaseera. warshaaleen fi qabeenyi abootii qabeenyaa biyyoota alaa hawaasaa naannichaa wajjiin walitti dhufeenya gaarii qaban qabeenyi isaanii osoo jala hin barbada’iin hafeefi jira. jaarsooleen naanniicha qabeenyi kun keenya jechuun balaa gubachuu fi manca’uu jala akka hanbisan gaazeexxaan kun abbootii qabeenyaa qonnaa waabeeffachhun gabaaseera.
Naannoo oromiyaa fi Amaaraatti, warshaalee fi qonnii Abaaboo abbooti qabeenya biyyoota alaa jirattoota naanniicha dalanaaniin gutumaan gutuutti barbada’uun isaa himameera. Fakkenyaaf ajjeechaa lammilee ayyaana irreechaa kabajuuf bahan irra gahee booda qabeenyi qonnaa Beljiiyeem ‘ Giving Tree Nursery ‘ fi Afriikaa juusi jedhamu gutumaatti barbada’uun himameera. kan biroo kan akka maakeyalsii guruuppi jedhaman itoophiyaa keessa turuu filatuu moo gadi dhisaanii bahuu waan jedhamu akka hin beekamne gaazeexxaan kun gabaaseera.
Biyyaa Ingiliiziitti gorsaa balaa ganfaa Afriikaa kan ta’an Eemaa Gordoon akka jedhaniiti, abbootiin qabeenya biyyoota alaa baay’een tarkaniifii mootummaan itoophiyaa fudhatu eegaa jiru. mootummaan tarkaaniifii meeshaa waraanaattin ukkamsuu fudhachuu caalaa furmaataa biraa akka kennu fedhii isaanii ta’uu beeksisaniiru.
Ummanni gaaffii humnaan ukkamsuun furuu hin danda’amenee qabatee mormiif waan ka’eef mootummaan Ittophiyaa toofta furmaataa yaada ummataa kana jijjirsiisuu danda’u yoo hin dhiyeesne rakkicha furuu akka hin dandeenye Eemmaa Gordoon hubbachisaniiru. hanga mootummaan yaada furmaata ummata biraatti fudhatama qabu dhiyeessuu hin dandeenyeetti abbootiin qabeenya biyyoota alaa Itoophiyaa keessatti hojii Invastmantii irraatti bobba’uuf akka rakkatan Eemaa Gordoon Gaazeexxaa Waashingtan postii kanatti himaniiruu