Mormii Bulchinsa Oromiyaa waliin hidhata qabdan jechuun namoonni 22 seera farra shororkeessummaa tiin himataman.

Mormii master pilaanii magaalaa Finfinnee tiin eegalamtee Oromiyaa keessaatti ji’oottan shan lakkaawwattee baatii jahaffaaf deemtuu waliin hidhata qabdan jechuun hooganoota jaarmaya KFO waliin namoota 22 irratti seera shoorarkeessummaatiin abbaan halangaa mana heeraatti himannaa guyyaa Jimaata dhiheeyse jira.
Hoogganaan jaarmaya KFO obboo Baqqalaa Garbaa ammaan duraas haaluma kanaan wal fakkatuun mana heeraatti dhihaatee yakkamee bara afur erga hidhamee turee gadi lakkifamee turuun ni yaadatama.
Ammaas ji’oota 4 dura sababa mormii Oromiyaatiin qabamee isaafii namoonni 21 qunamtii fii miseensummaa ABO waliin qabdan jechuun gaaddisa heeraa tti yakkaa shoorarkeessummaatiin himatamaniiru.
Himannaa kana irratti namoonni 7 afaan Amaaraa waan hin beeneefii hemannaa isaanirratti dhihaate waan keessa hin hubanneef jecha abokaattoo isaanii waliin akka marihatan manni heeraa murteesseera.
Manni heeraatiis namoota afaan amaaraa hin dhageenne kanaaf akka warra afaan hiikaniif qopheessu murteessuun baallama guyyaa Ebla 26 bara 2016 tti dabarsaniiru.
Obboo Baqalaan gaafa biyya Ameerikaa dhaqe dirqamoota gara gara jaarmaya ABO irraa fudhatee biyyatti deebi’ee shoorarkaa uume jecchuun himatamaa jira.

Mormii Maastar pilaanii kanaan ji’oota shan dura mormiin Oromiyaa keeysatti jalqame ammallee itti fufaati jira. Mormii kanaan lubbuun jiraattota 400 olii akka wareegamanii fii kumaatamni akka hidhamanii kimaatani hedduuniis akka achi buuteen isaanii dhabamte midiyaaleen gara garaa gabaasaati jira.
Haala obboo baqqalaa itti aanaan dura taa’aa jaarmaya KFO Obboo Mulaatuu Gammachuu yaada isaa Raadiyoo sagalee Ameerikaa Damee afaan oromoo irratti gaafii fii deebisaa taasisaniin ibsaniiru.