Moozaambik Lammiilee Itoophiyaa baqattoota seeraan alaa ittiin jette 36 to’annoo jala olchuu beeksiste.

Lammiileen Itoophiyaa baqqattoota Seeraan alaa jedhamanii shakkaman 36 bakka itti dhokatanii jiraatan kaaba bulchiinsa Nampuulaatti to’aannoo jala akka oolan Poolisiin Moozambik beeksisuusaa miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa 36 kaaba bulchiinsa Nampuulaa naannoo Mikontaa jedhamuu erga jiraattonni naannichaa odeeffannoo poolisiif kennanii booda mana tokko keessaa akka qabaman dubbi himaan Poolisii Zakkaari’aas Nakuutii himaniiru.

Lammiilee Itoophiyaa Baqqattoota seeraan alaa jedhaman kanniin gara biyyaatti deebisuuf yaalamaa akka jirus dubbataniiru.

Lammileen Itoophiyaa 36 mana tokko keessa jiraachaa turan moo adda adda jiraachaa turan kan jedhu adda hin baafanne jedhan.

Garuu dhugaan jiru hunda mana tokko keessaa qabanii to’annoo jala akka oolchan dubbi himaan Poolisii kun miidiyaaleetti himaniiru.
Moozambik Baqqattoota biyyoota alaa seeraan ala biyyattii keessa jiratan irratti tarkaanfii fudhatu cimsitee akka itti fuftu beeksistee jirti.
Torbee darbe namoota 3220 seeraan ala Albuuda baasuu irratti bobbaa’an jedhamanii naannoo bulchiinsa kaaba Moozambikitti shakkamanii to’annoo jala olan keessaa lammiileen biyyoota alaa 1634 akka argaman himameera.

Namoota shakkamanii to’annoo jala oolan keessaa namoonni 1561 lammiilee Taanzaniyaa, 73 immoo lammiilee Gaambiiyaa, Senegaal, Taayilaandii fi Maalii akka ta’an hogganaan Poolisii Bulchiinsa kaabaa Dilgaadoo Abdul Chaguuroo akka beeksisan toorri oduu Afriikaa Riviwu jedhamu gabaaseera.