Mootummaan uggura Imaltummaa lammilee biyyoota alaa irra kaa’ee ture akka kaasee beeksisiisera.

Mootummaa Ameriikaa dabalatee dippilomatoonni biyyoota lixaa qoqqophiin kun hojii isaanii idilee guyyaa guyyaan hojjatan irratti dhiibaa akka fidee ibsaa turun isaanii kan yaadatamudha.
Bakka bu’oonni biyyoota alaa teessoon isaan magaalaa finfinnee ta’e maqaa labsii hatattamaa jedhuun qoqqophii immaltummaa magaalaa Finfinnee irraa kiiloo meetira 40 caalaa akka hin demnee ittisu irratti komii akka qaban beeksiisaa turan. Mootummaan wayyaannees dhibbaa bakka bu’oota biyyoota alaarra irra gahe waan itti hammateef qoqqophii kana kaasuu beeksiiseera.
Qoqqophiin imaltummaa dippilomatootaa akka ka’ee himamuus ammas bakka bu’oonni biyyota alaa kunniin tajaajili Interneetii waan addan ciccituuf hojii isaanii irratti gufuu akka ta’ee himaa jiru.
Komishiiniin Gamtaa Afriikaa ibsa yeroo darbee baaseen, mootummmaan Itoophiyaa mirgaa namooma kabajuu akka qabuu akkasumas qoqqophii tajaajila interneetii irra kaa’ee akka kaasuu gaafachuun ni yaadatama
Labsii hatattamaa mootummaa ji’oota jahaf baasee kanan sarbaminsi mirga namoomaa akka babal’atuuf gumaachuusa dhaabbileen mirgaa namoomaaf falman beeksiisaniiru. yeroo ammaas namoonni baay’een giddu galaa leenjii loltummaa fi manneen hidhaa yeroo keessatti hidhamanii dararamaa akka jiran ragaaleen biyyaa ni qaqqaban ni mul’isu.