Mootummaan Kibba Suudanii ijoollee butamtee turte 100 oli bakka jiran arguu beessisan.

Baatii dabarte ijoolleen 100 olii tan hidhattoota gosa morlee tiin Itoophiyaa keessaa butaman; fayyaaf haala gaarii irra jiraachuu fii waraanni itoophiyaa daangaa Suudaan Kibbaa qaxxaamuranii Suudaan Kibbaa seenu Gaazeexaan Biluumbarg Tarminaal yaada dubbataa piresedaantii akeekuun gabaaseeti jira. BBC niis haga ammaa ijoolleen 41 argamuu gabaaseeti ture.

Waraanni Itoophiyaa hayyama mootummaa Suudaan Kibbaatiin daangaa qaxxaamuranii ijoollee akka barbaadaa jiran hubachiisan.
Haatahuu malee odeeyfannoon gara mootummaa Suudanii akka ibsitutti humni waraan Itoophiyaa akka biyya Suudaan kibbaa hin seenin ibsaati jiran.

Mootummaan Itoophiyaa karaa nagayaatiin rakkoolee hiikaa akka jiran tan diplomaasii gara garaatiif himaa turan yaroo amma maalif daangaa akka qaxxamuruun isaan barbaachise wanni ibsan hin jirtu.
Butinsi joollee toophiyaa tun odeeffannoo cimtuu lammiilee biyyaa Itoophiyaa tii fii adunyaa maraaf taateti jirti.

Hidhattoota gosa Murlee torbaan lama dura gaafa Ebla 14 2016 hidhannoo cimtuun daangaa biyya Itoophiyaa qaxxaamuranii balaa suukanneeysaa jiraattota gosa nuweer irratti geggeeysuun namoota 230 oli ajjeesuun joollee fi dubartoota 125 butanii diinaggeey geejjibaa kumaatamoota hedduu boojihuun jiraattota 20000 oli qe’ee isaanii irraa gudaansisanii akka turan midiyaaleen gara garaa gabaasuun ni yaadatama.
Biyya Suudaan Kibbaa keessatti nagayaa fii tasgabbiin dhabamuurraa kan ka’een jireenyi lammiilee biyyaa yaaddeysaa akka tahe xinxaloonni siyaasaa Suudaan Kibbaa ibsaati jiran.