Mootummaan Kanaadaa hariiroo diinagdee Itoophiyaa waliin qabutti fayyadamee…

Mootummaan Kanaadaa hariiroo diinagdee Itoophiyaa waliin qabutti fayyadamee,Itoophiyaa keessatti dimokraasin akka jiraatu fi mirgi dhala namaa akka kabajamu dhiibbaa gochuu qaba jechuun miseensonni paarlaamaa mootummaa Kanaadaa gaafataniiru.

Fincila ummataa Itoophiyaa keessatti geggeffamaa jiruun wal qabatee,hanga ammaatti namoonni lakkoofsaan kuma tokkoo fi dhibba jahaa ol ta’an hidhamuu isaanii kan eeran miseensi paarlaamaa biyya Kanaadaa Piitar Keenti jedhaman Itoophiyaa keessatti mirga namoomaa kabachiisuuf mootummaan Kanaadaa kallattii hundaanuu tarkaanfii barbaachisu fudhachuu akka qabu beeksisaniiru.

Ergaa barreeffamaan qophaa’e mootummaa biyya isaanif kan dhiheessan miseensi paarlaamaa kun,mootummaan,Kanaadaa gargaarsa maallaqaa Itoophiyaaf gochaa jiru ijaarsa dimookraasii akkasumas kabajamuu mirga namummaaf olchuu qaba jedhaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa hundumtuu mirgi isaanii kabajameefii nagaan biyya isaanii keessa jiraachuu qabu jechuun barreeffama isaanii keessatti kan eeran Piitar Keenti,kana gochuun kan danda’amu mootummaan ol’aantummaa seeraatti  amanu Itoophiyaa keessatti yoo hundeeffame qofaadha jedhaniiru.

Labsii yeroo hatattamaa Itoophioyaan baste ilaalchisee Ameerikaa dabalatee gamtaan Awurooppaa labsichi cunqursaa mirga namummaacaalatti babal’isa jechuun yaaddoo qaban ibsaa turaniiru.

Haaluma Kanaan Ameerikaan bifa adda ta’een lammiileen ishee gara Itoophiyaatti akka hin imalleef qoqqobbii gochuun ishee qaamolee addunyaa garaagaraa biratti yaaddoo hamaa uumaa akka jiru himameera.

Teeysoon waajjira isaanii Kanaadaa kan ta’e dhaabbileen mirga namoomaa hedduun mootummaan Kanaadaa mootummaa Itoophiyaa irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu qaba jechuun duula gaggeessa turuu isaanii miidiyaan biyyatti CBC jedhamu gabaaseera.

Yakka shororkeessummaatin himatamee,Itoophiyaa keessatti mana hidhaatti ukkaamsamee dararamaa kan jiru lammii Kanaadaa tokko mana hidhaa keessaa baasuuf mootummaan kanaadaa waan danada’u hundaan mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa gochuu akka qabu dhaabbileen mirga namummaa biyya kanaadaa dabalataan gaafachaa jirus jedhameera.

Baashir Maaktaal namni jedhamu lammiin Kanaadaa kun yeroo gara Somaaliyaa imalee turettii, loltoota Itoophiyaatin qabamuun shakkiidhaan yakka shororkeessummaatin himatamee hidhaan umurii guutuu akka itti murteeffame beekuun danda’ameera.

Haa ta’u malee miseensonni paarlaamaa biyyattii fi dhaabbileen wabii mirga namummaa hedduun,mooptummaan Kanaadaa mootummaa cunqursaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa barbaachisu gochuun Baashar Maaktaal mana hidhaatii gadi dhiisisuu akka qabu duula geggeessaa akka jiran beekkameera.