Mootummaan Ittophiyaa Gaazexxestoota hidhe hunda hatattamaan akka CPJn hubachiise

Mootummaan Itoophiyaa Gulaalaa Gaazeexaa tokkoo fi Miseensoota Bilogaarii zoon 9 jechuun beekkaman lama hidheera. Bilogaaroota laman irratti himannaa yakka shorkeesummaa jedhu dhiyeessuun daraara akka jiru CPJ beeksiisera.
Mormii ummataa cimaa mootummaan Labsii hatattamaa akka labsiisuuf dirqamsiisee booda,gochi gaazexestoota hidhuu haamachaa dhufeera. Erga labsiin hatattamaa labsamee booda namoonni kuma 11 ol manneen hidhaa keessa akka jiran gaabafameera
Dhaabbata mirga gaazeexeestootaf falmu yookan CPJ tti qindeesituun sagantaa Afriikaa Angela Quintal namoota haalaa mootummaan mormii ummataa ittin to’aatu mormaan hunda afaan qabachiisuun tasgabbii hin fidu jedhan.
Miseensoota bilogaarii zoon 9 jedhamanira dhiibbaan yeroo adda adda gahuu fi mana murtiitti deddebisuun miidiyaalee bilisaa biroo sadachiisuuf kan karoorfamee akka ta’es himan
Miseensi Bilogaarii Zoon 9 badhaasa bilisummaa piireesii addunyaa bara 2015 kan argatee Bafiiqaaduu Hayiluu loltoota mootummaatiin sadaasa 11 yeroo lammaffaaf hidhamuun isaa ni yaadatama.
Qondalttoonni mootummaa Bafiqaaduun maaliif akka hidhame waan beeksiisan hin jiru. Garuu akka hiriyaan isaa jedhutti, Bafiqaaduu gaaffii fi deebii Sagalee raadiyoo Ameriikaa wajjiin taasiiseen haala to’aannoo mormii Ummataa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa ilaalichisee gochaa mootummaa waan balaleeffateef.
Mannii Murtii Gulaalaa Gaazeexaa Itiyoo -Mihiddaar Geetachoo Warquu malanmaltummaa Bataskaanaa warra Ortodoksii bira jiru ilaalchisuun maxxanseen gocha maqaa baleessuu fi ragaa sobaa tamsaasuu jedhuun hidhaa waggaa tokkoo itti murteessuun isa ni yaadatama.
Gaazexeessaa Oromia Broadcast Service(OBS) kan ta’e Abdii Gadaa Roobii magaalaa Adaamaa keessatti garam-buuteen isaa akka dhabame CPJ beeksiiseera. Abdiin hojiidhaaf mana bahee osoo hin deebine hafe.
Abdiin Gaazexeesitoota bara 2007 waa’ee Mastar pilaanii magaalaa finfinnee fi Godina addaa oromiyaa ilaachisee dhiyaate wajjiin walqabatee sababa tokkoo malee dhaabbata Raadiyoo fi Televizhiinii Oromiyaatti ari’aman keessaa tokko akka ta’e ni beekama
Maatiin fi hiriyyoonni isaa manneen hidhaa hunda irraa deeman gaafataniis argachuu akka hin dandeenye dubbataniiru. Abdiin diinaa biroo waan hin qabneef ukkamsee kan fudhatee lootoota mootummaa ta’uu akka malu shakkusaanii himaniiru
Ministirri Wajjira dhimmoota Komunikeshiinii Doktoor Nagaarii Leencoo Odeefannnoo dabalataa argachuuf bilbilaa fi ergaa gabaabaadhaan(SMS) gaafatamiins deebii akka hin kennineef CPJ gabaaseera.
Akka CPJ tareessetti bara 2008 Itoophiyaan Biyyoota Miidiyaa Gulaalaan 10 keessaa sadarkaa 4ffaa irra jirti. kana malees biyyoota Afriikaa Gazeexesitoota hidhuun daraaran keessa immo sadarkaa 3 ffaa irra akka jirtu beeksiisera.