Mootummaan Itoophiyaa Qormaanni Biyyaaleessa akka hin hatamneef jecha tajaajila Intarneetii akka uggure gabaafameera.

Itoophiyaatti Qormaannii Biyaaleessa kutaa 10ffaa fi 12ffaa kan bara 2009 guutu biyyaatti Caamsaa 23 hanga Waxabajjii 1,2009tti kennama jira.
Qormaata biyyaaleessa kutaa 10ffaa kana baratoonni 1,206,869 akka fudhatan ragaaleen ni mul’isu..
Qormaanni biyyaaleessa osoo baratoonni hin qoramnne akka hin baaneef mootummaan tajaajila Interneetii guutuu biyyaatti akka uggure BBC gabaaseera,
Tajaajilli Interneetii guutuu biyyaatti kan uggurameef qormaanni biyyaaleessa akka bara darbee miidiyaalee hawaasummaa irratti akka hin maxxanfamneef ittisuuf ta’uu Ogeessi Komunikeshinii Mootummaa Obboo Mohammaad Sa’iid BBCtti himaniiru.
Baratoonni qoramaata qofarratti bilisaan akka xiyyeeffatanii fi qormaanni yoo bahe miidhaa fidu danda’u hambisuuf yaadame tajaajilli Interneetii akka addan cite dubbataniiru.
Tajaajilli Intarneetii miidiyaalee hawaasummaa qofni akka uggurame obboo Mohammaad BBCtti himaniiru.
Yaa ta’u malee, tajaajilli interneetii walumagalatti guutuu biyyaatti akka uggurame ragaaleen ni mul’isu.
Mormii Ummataa Oromoo bara darbee wajjiin walqabatee baratoota naannoo Oromiyaa yeroo gahaa waan hin arganeef guyyaan qormaanni biyyaaleessa itti kennamu akka jijjiramuuf mootummaa gaaffiin dhiyaate ture.
Yaa ta’u malee, gaaffii guyyaan akka jijjiramuuf dhiiyaate kanaaf mootummaan deebii waan hin kenniineef qoramaanni biyyaaleessa bahee miidiyaalee hawaasummaa irratti akka maxxanfamu taasifamee ture.
Qoramaanni biyyaaleessa miidiyaalee hawasummaa irratti maxxanfame kana Akitivistoonni Oromoo itti gaafatamummaa kan fudhatan ta’uun ni yaadatamudha.
Mootummaan Itoophiyaa guyyaa qormaanni biyyaaleessa itti kennamu hin jijjiramu jechaa ture osoo hin jaalane dirqamuun guyyaa itti kennamu akka dheerefamu murteessuun ni yaadatama.
Oduu biraan immoo, mootummaan Tajaajila intarneetii waan uggureef lammiileen Biiriteen gara Itoophiyaa imalan tajaajila odeeffannoo biraatti akka fayyadaman mootummaan biyyaatti hubaachiseera.