Mootummaan Itoophiyaa hanqina Faayinansii furuuf Gaaffii gurgurtaa boondii Birrii Biiliyoona 26.5 dhiyeessee mana marii bakka bu’oota ummataan mirkana’eera.

Labsii manni marii bakka bu’ootaa mirkaneessee kun mootummaan qamoolee adda addaa irra gurgurtaa boondii dhalaa qabuu akka raawwatuuf kan eeyyamu jedhameera. Mootummaan dhaabbilee maallaqaa liqeessaan adda adda irraa kaffaltii yeroo dheeraan kaffalamuun boondii birrii biiliyoona 26.5 akka gurguruuf beekameera.
Gurgurtaan Boondii kun kaappitaalii baankii daldalaa Itoophiyaa guddisuuf akka karoorfamee qondaltoonni mootummaa beeksiisaaniiru. Ogeessoon diinagdee gamasantiin,gurgurtaan boondii kun hanqina bajeeta fi faayinansii yeroo amma biyyaatti qunname furuuf tarkaniiffii fudhatame jedhaniiru
Biyyaattiin maallaqaa baay’ee liiqeeffate osoo hin kaffalee tarkaniiffiin boondii gurguruu kun qala’insa gatii dabaluu akka danda’u ogeessoonni diingdee himaniiru.
Maallaqni dhaabbilee faayinansii adda adda irra ni argam jedhamee eggamu kun waggoota shanii booda kaffaluun kan jalqabamu yoo ta’u kaffaltiin jalqabamee waggoota kudhan keessatti ni xumurama jedhameera
Mootummaan gurgurtaa boondii kana waggoota dheeraa keessatti kaffalee xumuruuf karorifateera. Kun immoo dhaabbiilee maallaqa dhiyeessaniif kuusaa dhalaa maallaqaa akka isaaniif dabaluuf kan gargaaru ta’uu namoonni dhimmichaatti dhiyeenya qaban himaniiru.
Akka lakkofsa warraa faranjoota xumura bara 2016tti maallaqni Itoophiyaa liiqeeffatee gara dolaaraa biiliyoona 36 tii akka dhiyaatu beekameera
Baankii Addunyaa dabalatee dhaabbileen Faayinansii adda addaa kuusaan maallaqaa liqii biyyaatti irra jiru guddina diingdee irratti dhiibaa qaqqabsiisaa waan jiruuf mootummaan tarkaniiffii sireeffamaa akka fudhatu hubachiisaniiru.