Mootummaan Itoophiyaa Dr Mararaa Guddinaa bilisaan gadi dhiisuuf fedhii akka hin qabne beeksise.

Dhimmoota Gurguddoo biyyoolessaa ilaalchisuun ibsa kan kennan ministeerri muummee Haayilamariyaam Dassaleny Dr Mararaa Guddinaa bilisaan akka gadi hin dhiifamne himuusaanii Asoosheetid Pirees gabaaseera.
Dr Mararaa Guddinaa Affeerraa paarlaamaa gamtaa Awurooppaatiin Beeljiyeem Biraasilsi wayita turanitti hoogganaa Arbanyoochi Ginboot Sabaat waliin wal-arganii mari’ataniiru jechuun gara biyyaatti akkuma deebi’aniin hidhamaniiru.
Dr Mararaan erga hidhamanii booda poolisiin qorannoo yakka shororkeessummaan himachiisuu danda’u qorachaan jira jechuun beellama guyyoota 28 itti gaafachuun ni yaadatama
mootummaan Dr Mararaa mana hidhaatii gadi dhiisuuf fedhii qabaa? jedhamanii kan gaafataman Obboo Hayilamaryaam, Dr Mararaa gadi dhiisuuf fedhii akka hin qabane akkasumas fedhiin mootummaa dhimmi isaanii mana murtiitti dhiyeessuu akka ta’e himaniiru
Paarlaamaa fi Gamtaan Awurrooppaa Mootummaan Itoophiyaa yakka Dr Mararaan ittiin hidhaman ummatatti akka beeksiisuu gaafacha turaniiru
Dr Mararaan labsii yeroo hatattamaa darbaniiru sababa jedhuun akka hidhaman gareen komandi poostii beeksisee turee.
Labsii yeroo hatattamaa ji’a onkololeessaa labsamee wajjiin walqabatee namoonni kuma 22 ol hidhamaniiru.
Labsiin yeroo hatattamaa yoom akka ka’u ilaalchisee gaaffii kan gaafataman obbo Hayila maaram, labsiin kun osoo hin kaane dura bu’aan argamee ilaalamu qaba jechuun deebii kennaniiru.