Mootummaan Ijipti. Itoophiyaan hidha laga abbayyaa bishaan itti guutuuf qopha’aa jiraachuun akka isa yaadese gabaafameera

Itoophiyaa ji’a Adoleessati jalqabdee hidha haroomsa bishaan itti guutuu wayita jalqabdu qabiyyeen bishaan laga Naayeel hir’achuu akka danda’u miidiyaaleen Ijipt ogeessoota bishaanii waabeffachuun gabaasa jiru
Gaazexxaan Ijipt biroo Al-Sharukis jedhamu mootummaan Itoophiyaa kampanoon Firaans laman dhiibaa pirojektiin hidha haaromsaa fiduu danda’u qoratan bu’aa qorannoo isaanii osoo hin xumure hidhicha bishaan itti guutuu waan jalqabeef bishaan laga Naayeel hiri’ataa jira jechuun gabaaseera
Dhimma Hidha sana bishaan Itti guutuu wajjiin walqabatee Itoophiyaatti Ambasaddaar Ijipti fi Afa yaa’ii mana Marii Mootummaa Itoophiyaa Abbaa Duulaa Gammadaa wajjiin dhihoo kana marii gochuun isaanis gabasamera.
Afa Yaa’iin Mana Marii Abbaa Duulaa Gammadaa fi Jilli Ijipti Itoophiyaatti ambasaddara biyyaattiin hogganamu akka mari’ataniif sababa kan ta’e dhimma hidhichaatti bishaan itti guutuu ta’uusa Gaazexxaan Ijpt Daylly Newes qodaltota mootummaa Ijibt wabeffachudhaan gabaasa dhiheesedha jedhameera.
Qondaltoonni Minsteera Qabeenya Bishaanii Ijipti gamasaniin, bishaan itti guutamu jalqabe jedhame kan lolaa malee kan lagichaa akka hin taane himaniiru