Mootummaan Biiriteen wagga waggaan gargaarsa Paawondii biiliyoona 12 sadarkaa addunyaatti kennu hambisuuf karoora haaraa akka qopheesse himameera.

Ministirrii Muummeen biyyaatti Tereesaa Meey filannoo paartiin isaanii ji’a dhufu gaggeessu irratti yaada kana akka dhiyeessan Gaazeexxaan The Gardian jedhamu gabaaseera.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni harka qaleeyyiin addunyaa gargaarsa maallaqaa mootummaan Biiriteen kennu kanarra fayyadamtoota ta’uun isaanii ni beekama.
Gargaarsi mootummaan Biiriteen kennu kun kaayyoo kaayyeeffameef oolaa hin jiru jechuun ogessoonni siyaasa biyyaatti gargaarsa maallaqaa kana ilaalchisuun gaaffii dhiyeessa turaniiru
Mootummaan Biiriteen waada waggoota muraasaan duraa galeen galii waggaatti biyyaattiin argaturraa dhibbeenta 0.7 sadarkaa addunyaatti gargaarsaaf akka kennamu murteesseera.
Murtii kana hordofuun biyyaattiin wagga waggaa Paawondii biiliyoona 12 gargaarsaaf kenna jirti.
Yaa ta’u malee, Paartiin dhiyeenya aangoo mootummaa qabate gargaarsa biyyaattiin wagga waggaa kennitu kun irratti tarkaniiffii sireeffamaa akka fudhatamu miidiyaaleen addunyaa gabaasaniiru.
Ministirri Muummee Biyyaatti Tireesaa Meey dhimma kana wajjii walqabatee Odeeffannoo dabalata wayita duulaa filannoo kan beekamu ta’a jedhaniiru.
Gargaarsi biyyaattiin sadarkaa addunyaatti kennitu kun biyyoota harka qaleeyyiidhaaf fayeedaa waan qabuuf Biiriteen dhaabuu akka hin qabne Biil Geetiisa gaafataniiru
Qabeenya isaaniitiin addunyaa irratti kan beekaman Biil Geetiis, tarkaniiffiin Biiriteen fudhatu kun duula biyyoonni harka qaleeyyiin dhibee ittisuu fi to’aachuuf gochaa jiran laafiisuun duu’aatii namootaaf sababa ta’u ni mala jechu isaanii BBC gabaaseera.